WBO: Irra Guddaa Shororkeessaa Taphaa Kan Jiru Motummaa dha

0

WBO: Irra Guddaa Shororkeessaa Taphaa Kan Jiru Motummaa dha
Guraandhala 22, 2019



Godina Gujii aanaa Oddoo Shaakkisoo ganda Sawwanaa keessatti Waraanni Mootummaa Itoophiyaa namoota 6 guyyaa tokkotti ajjeese.

Guraandhala 22/2019

Kibba Oromiyaa Godina Gujii Bahaa Aanaa Oddoo Shaakkisoo ganda Sawwanaa keessatti gaafa Roobii darbe (Guraandhala 20/2019) Raayyaan waraanaa EPRDF fi poolisiin Oromiyaa waliin ta’uun uunnata nagaa irratti dhukaasa bananii namoota 6 ajjeesuun gariin madeessan.
Namoota ajjeefaman:
1. Mi’eessaa Sabbichuu
2. Taarikuu Gotoroo
3. Kifiluu (maqaan abbaa adda hin baane)
4. Hirphaayyee
5. Jamaaluu Hirphaayyee fi namni 6ffaan kan maqaan isaa adda hin baane haga ammaallee reeffisaa hin awwaalamiin kan jirudha. Akkasuma namoonni dhukaasa waraana mootummaa kanaan rasaasni rukkutee madoo ta’an:
1. Idiris Galgalee
2. Makuraa Odolee fi kanneen maqaan isaanii nun qaqqabne miidhamanii mana yaalaa Aanaa Adoolaatti yaalamaa jiru. Kana malees namoota hedduu gara nama 200 ta’an waraanni mootummaa kun qabanii hidhanii jiru.
Akkasuma manni uummataa 20 ta’u guyyaama kana waraana mootummaatiin gubatee midhaan gosa adda addaa barbadaa’eera.

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.