WBOn yoomiyyuu caalaa deeggarsa argachuu fi cimuu qaba

0

WBOn yoomiyyuu caalaa deeggarsa argachuu fi cimuu qaba

Berhanu Hundee, Amajjii 1, 2021

WBOn yoomiyyuu caalaa
Ammαjjíí 1/2021, WBOn Zσσníí Kíввαα kααdhímαtσσtα hααrαwα 5000 єєввíѕííѕєє.

Barreeffamani gabaabaan kun Amajjii 1, guyaa WBO yaadachuudhaaf kan qophaahe waan ta’eef, hunda dura Uummata Oromootiin baga ayyaana Amajjiitiin nu gahe, isin gahe jechaa, WBOdhaan immoo barri haaraan 2021 bara cimina keessanii fi kan injifannoo ittigalmeessitan isiniif haa ta’u jechuun barbaada.

QBO keessatti, qabsoon hidhannoo barbaachisaa fi murteessaa ta’ullee, uummata Oromoo keessatti dhimma kana laalchisee guutumaa guutuutti irratti walii hin galamne ture. Qabsoo hidhannoo yeroon irraa dabree jira; haala amma Addunyaan keessa jirtu wajjin hin deemu; kan amma ta’uu qabu qabsoo karaa nagaa qofaa dha fi kkf kaasuudhaan warri mormii dhiheessan lakkoofsi isaanii xiqqaa hin turre. Sababa kanaan WBOdhaaf xiyyeeffannoo kennuun ifatti mul’achaa hin turre. Haa ta’u malee, erga gartuun ykn tuutni sirna Nafxanyaa leellisu fi dhaadhessu kan Abiyyi Ahmadiin durfamu injifannoo Qeerroo fi Qarree butee aangoo qabatee as haalli uummata Oromoo kan dur caalaa bu’uraan waan jijjiirameef, ilaalchi Oromootaas akkasuma waan jijjiirame fakkaata.

Qabsoon karaa nagaa wareegama hin gaafatau jedhamuu baatus, qabsoo hidhannoo wajjin walbira qabamee yoo laalame garuu, wareegama barbaachisu xiqqeessuuf ykn hir’isuuf silaa filannoo (option) gaarii ture. Haa ta’u malee, kun biyyoota abbaa irreetiin bulan kan akka Itoophiyaa tana keessatti karaa nagaatiin qabsaa’uun bu’aa fidee hin beeku, fiduullee hin danda’u. Waregamni qabsoo karaa nagaa keessatti kaffalame ykn/fi kaffalamaa jiru wareegama qabsoo hidhannoo keessatti barbaachisuu gadii miti yoo jedhame dhara hin ta’u. Biyya Itoophiyaa jedhamtu tana keessatti, qabsoo karaa nagaa filachuun sirumaayyuu akka sodaatti fi/ykn humna hin qabneetti laalamaa jira.

Erga gartuun sirna nafxanyaa ijaaruu barbaaddu aangootti dhuftee as reebichi, hidhaa fi ajjeechaan walumaagalatti dararamni suukaneessaa ta’e kan dur caalaa karaa hundaan uummata Oromoorra gahaa jira. Dur diinotni Oromoo jaarmayaa Oromoo walab ta’e tokkotti keessumaayuu ABOtti xiyyeeffachaa turan. Har’a garuu Sabboontota Oromootti maqaalee adda addaa moggaasuudhaan akka waliigalaatti Oromummaa addatti immoo Sabboonummaa Oromoo balleessuuf ciminaan hojjetamaa jira. Kun dararama uummata Oromoo adda godhee jira. Uummatni Oromoo akka sirna Nafxanyaa haaraa kana jalatti salphatetti salphatee hin beeku. Sabni Oromoo akka gartuu sirna Nafxanyaa fi Goobanoota haaraa jalatti tuffatametti tuffatamee, arrabsamee fi abaaramees hin beeku.

Egaa, kun kan agarsiisu, roorroon hammaatee daangaa akka dabre fi duguuginsi sanyii Oromoo karoorfatamee hojiirra oolaa akka jiru dha. Har’a qabsoon Oromoo qabsoo bilisummaa osoo hin taane, qabsoo jiruu fi jireenyaa; qabsoo saba keenya badiirraa hanbisuu; qabsoo uummata keenya jiraachisuu ta’ee jira. Kana godhuun kan danda’amu immoo humna Oromoo cimaa fi abdachiisaa ta’e yoo qabaatan qofaa dha. Humna akkanaa uumuuf immoo haaraa ijaaruu osoo hin taane kanuma jiru jechuun gaachana fi abdii Oromoo kan ta’e Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) humneessuu cimsuu fi karaa danda’amu hundaan bira dhaabbachuu dha. Humna haalaan ijaaramee fi cimaa ta’e qabaachuun hangam hamma nama kabchiisu fi ulfina namatti horu naannolee biroorraa keessumaayuu Tigraayirraa barachuun ni danda’ama.

Kanaafuu, WBO karaa hundaan gargaaruun, hamileessuun, cimsuu fi jabeessuun dirqama ilma fi intala Oromoo ta’uu qaba. WBOn wabii uummata Oromoo waan ta’uuf, isa jabeessuun dirqama malee filannoo miti jechuu dha. Oromoo ta’e; kan quuqamni uummata isaa itti dhagahamu; kan Oromiyaa fi Oromummaa jaalatau; kan Oromiyaan nagaa fi tasgabbii akka argattu barbaadu lammiin Oromoo kamiiyyuu shakkii fi mamii tokko malee qabsoo hidhannootti amanee; WBO deeggaruu qaba/qabdi. Barri haaraan kun kan mul’ata tokkorratti waliigallee humna Oromoo cimsinu ta’uu qaba jedheen abdii koo ibsuu barbaada. Mul’atni keenya immoo WBO cimaa Oromiyaa guutuutti ijaarree abbaabiyyummaa keenya deebifnee argachuu fi uummatni keenya akka naagaan jiraatu taasisuu dha.

Har’a gantoota, galtootaa fi ayyaan-laallattoota akkasumas tajaajiltoota diinaa kan ta’anirraa kan hafan Oromoo wayyabni qabsoo hidhannootti amanaa akka jiran ragaalee hedduu kaasuun ni danda’ama. Waan ta’eef, WBO deeggaruuf karaalee adda addaatiin gahee isaanii taphachaa fi/ykn qooda isaanii gumaachaa jiru. Wanti tanaan dura argamee hin beekne, fakkeenyaaf International OLA/WBO Support Task Force jedhamee dhaabbachuudhaan gargaarsa WBO cimsaa jiraachuun hedduu nama gammachiisa. Kun bifa adda addaatiin cimee itti fufu qaba.

Oromoon karaa kanaanis ta’ee karaa dhuunfaatiin WBO gargaaruuf dirqama lammummaa bahuu qaba. Ijoolleen (miseensotni WBO) har’a diinni fi tajaajiltootni diinaa “Shiftaa Shanee” jedhanii maqaa xureessan tun wareegama ulfaataa kaffaluuf kan socha’aa jiran numaaf uummata bal’aa Oromootiif jedhanii ti malee, jiruu mataa isaanii jiraachuu dadhabaniitii miti. Kanaaf ijoollee tanaaf kabaja guddaa qabaachuun, hamileessuun, kunuunfachuun, cimsuun ofii keenyaaf Oromummaaf jennee haa ta’u. WBOn injifannoon akka galu shakkiin hin jiru.

Hanga dhimma biraatiin walitti deebinutti nagaatti.

1 COMMENT

  1. Galatoomi O/Biraanu?
    Gaafii takka qaba? Haala hamtuu amma Oromoon keessa jiruuf ka’umsi maali? Cimina murna amma ‘nafxanyaa’ jennu kana moo hanqina Oromooti? Oromoo jechuun dhaabbilee fi murnoota siyaasaa Oromoo, rogeeyyotaa, dhaabbilee hawaasaa keessattuu kan biyya alaa fi ummata Oromoo biyya keessa isa waan hundaaf harka walitti rukutaa ture.

    Nafxanyaan dhuguma humna hiika qabu qaba turee bara 2018 fi isa dura? Oromoo’oo maaltu humna dhorke? Qeerroo maaltu gargar ykn adda qoode?

    Gaaffiiwwan kana kaasuun dogoggora qotanii quba walitti qabuuf osoo hin taane, haala keessa turre, keessa dabarre, maal akka tahe, eessatti akka karaa irraa maqame/dogoggorame, eenyu maal akka godhe, laafini ture maal akka tahe, jabinnoo eessa akka ture, gara fuuduraattii hanga qabsoon bilisummaa galma ga’utti maal gochuu akka qabnu fi maal gochuu akka hin qabne filter goonee hin baafnu taanaan dogoggora irraa barachuu hin dandeenyu. Dogoggora amannee fudhannee, kan dogoggore dhiifama gaafatee, of sirreessee hin deemu taanaan ykn karaa irraa hin maqu ykn karaa gadi hin lakkisu taanaan barri gabrummaa Oromoorra bubbuluu isheeti. Kanaaf, karaa fi adeemsa isa darbe xiinxaluu fi qulqulleessuun dirqama Oromoof!

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.