WBOn Zooni Kibbaa Waraana Wayyaane 50 ol Ajjeese

WBOn Zoonii Kibbaa Ebla 03,2018 Waraana Gabroomfattuu Wayyaanee Maqaa Sakattaa Jedhuun Itti Bobba’e Haleelee Loltoota 50 ol Ajjeese.

(SBO/VOL – Ebla 03, 2018) Irree fi Gaachanni Ummata Oromoo WBOn Zoonii Kibbaa guyyaa har’aa Ebla 03, 2018 waraana goolessituu wayyaanee Godina Booranaa Ona Borbori keessa maadheffatee maqaa sakattaa jedhuun konkolaataa ORALii lamaan itti bobba’e gootummaan haleellaa irratti fudhateen loltoota diinaa konkolaataa tokko irra turan guutuu barbadeessuu Ajaji WBO Godina Kibbaa beeksiseera.

Waraanni gabroomfattuu wayyaanee maqaa sakattaa jedhuun WBO Zoonii Kibbaatti bobba’e kun bakki itti haleelame Borborii fi Waacillee gidduu bakka Goobda jedhamutti.

Loltootni wayyaanee tarkaanfii WBO kanaan ajjeesaman 50 ol akka ta’an kan hubachiise Ajaji WBO Zoonii Kibbaa, gariin isaaniis madoo taasisamuu ifa godhee jira.

Mootummaan wayyaanee qabsoo bilisummaa Oromoo ABOn durfamuu fi sochii WBO dhaabuu fi if booda deebisuuf ijibbaatatti jiraatus gonkumaa itti hin milkaa’u kan jedhe Ajaji WBO Zoonii Kibbaa, ummatni keenya kana hubatuun falmaa diina irratti godhu akka finiinsu, tumsaa fi deggersa WBOf godhus daran akka jabeessuu fi babal’isu hiree kanaan dhaamsa dabarsee jira.

Be the first to comment

Leave a Reply

Your email address will not be published.


*


This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.