Yaadannoo Wareegama Waggaa 1ffaa fi Eebba Albama MAAL MALLISAA

Maal Mallisaa: Taateewwan hin dagatamne jaha Haacaaluu Hundeessaa ittiin yaadatamu

Haacaaluu Hundeessaa

(BBC Afaan Oromoo) — Artiist Haacaaluu Hundeessaa waggaa tokko dura A.L.I Waxabajjii 22, 2012 galgala sa’a 3:30 irratti Magaalaa Finfinneetti rasaasaan rukutamee ajjeefame.

Ajjeechaa isaatiin namoonni afur shakkamuun to’atamanii dhimma isaanii mana murtiitti hordofaa jiru. Hanga yoonaa sababni ajjeechaan irratti raawwate hin beekamu.

Albamni artiist Haacaaluu sadaffaan mata duree ‘Maal Mallisaa?’ jedhu yeroo lubbuun jiru dalage maatii fi hiriyyoonni isaa walitti qaban, Wiixata Finfinneetti eebbifameera.

Jiruu fi jireenya Haacaaluu keessatti taateewwan yaadatamoo hedduu keessaa muraasa akka armaan gadiitti qindeessineerra.

Sanyii Mootii – 2009
Sanyii Mootii – albama jalqabaa Haacaaluun uummataan ittiin wal baredha.

Sirbi Sanyii Mootii jedhu kan aadaa Jimmaan sirbame kun miira namoota hedduu kan hawwatee fi sirboota Haacaaluun beekkamtii ittiin argate keessaa isa tokkodha.

Galaanni Gibee guutuus, daaktuuf bidiruun nama ceesisaaGaraan jaallate hin rafu, halkaniif guyyaa nama deemsisaaaAni sosodaadhe baranaa qalbii kootii, Gibee gamaan jaalladhee sanyii mootii

Maalan jira – 2015

Sirbi qeenxee bara 2015tti viidiyoo muuziqaa waliin dabaalamee bahe, Maalan jira?, daran gurra horate – dhaggeeffatamees hin quufamu.

Sirbi kun Oromoota sababa babal’ina magaalaa Finfinneen qe’ee fi qabeenya isaaniirra buqqa’an irratti xiyyeeffachuun kan hojjetame yoo ta’u diddaa uummataa jijjiirama mootummaa bara 2018f galtee guddaa ture.

Haacaaluun A.L.I Hagayya 2009 [Hagayya 2017] turtii BBC waliin taasiseerratti ”Maalan jiraa waanuma keessa kiyyaan barreesse. Uummanni battalatti galeeraaf. Kaanis gaafatee galeef. Kanammoo uummanni baruun anaaf gammachuudha,” jedhee dubbate.

”Gullalleen giddugala Finfinneeti kan jedhu Haacaaluun, ‘Weerara lafaa isa gidduurraa ka’uun barbaade,’’ jechuun miidiyaa Ethio-Tube jedhamutti dubbate.

‘‘Kan ammaa yoo kaafnu kan duriis yaadachuun nurra jira waan taheef, kanaafin hojii kana hojjedhe,’’ jedha.

Geerarsa Galma Barkumee – 2017

Mudde bara 2017 konsartii namoota naannoo Somaaleerraa buqqa’aniif galii walitti qabuuf magaalaa Finfinnee galma bar-kumeetti qophaa’erratti bakka aanga’oonni olaanoo gurguddoo jiraniitti ‘araat kiiloof situ aane’ jechuun kallattii qabsoo akeeke.

Waltajjiin sun kallattin TV irratti tamsa’aa ture.

“Alaa eegaa hin abjootiin, abjuu hin taane kaafadhuKaafadhu fardakeen loli araat kiloof situu aane..”

Geerarsa kana booda diddaan uummataa jabaatee MM Abiy Ahimad Eebla bara 2018 gara aangootti dhufan.

Irra deebiin Adoolessa bara 2018 sagantaa simanna pireezidantii Eertiraa Isaayyas Afawarqiif galma barkumeetti qophaa’erratti sodaa tokko malee roorroo sabasaarra gahaa ture bulgaafate.

“Nurraa dhoowwi yaa Lammaa, nurraa dhoowwi yaa Abiy, Nurraa dhoowwaa yaa biyyaa yookan Qeerroottan iyya” jechuun ajjeechaa Harargee, Mi’eessootti yeroos raawwate balaaleffate.

Gargaarsa lammilee naannoo Somalee irraa buqqa’anii -2017

Artist Haacaaluu Hundeessaan sirboota qabsoo fi dhimooota saba Oromoo irratti xiyyeeffatan weellisuu irra darbee lammilee Oromoof gargaarsa gochuunis ni beekama.

Laammileen Oromoo naannoo Somalee irraa buqqa’anii Haramaayaa kaampii Hammaarreessaa qubatan achitti argamuun jajjabeessee, deeggarsas godheefii ture.

Haasawa buqqaatota kanaaf imimmaaniin dabaalee taasiseenis “booruu ifatti ni baana” jechun dubbatee ture.

“Ummatni Oromoo, ummata Oromoo fi daangaa Oromiyaa mitii daangaa Itoophiyaa irraayyuu diina tiksaa ture. Daangaa Itoophiyaa guututtii osoo lafti qotamee Lafee Oromootu baha” jechuun galatni Oromoo silaa buqqaafamuu ta’uu hin qabu ture jedhe.

“Amantanis amanuu baattanis boru ifatti baana, har’i kaleessa miti, haleessis har’a miti” jechuun buqqatotatti hamilee hore.

Lammilee naannoo SOmaaleerraa buqqa’anii kaampii Hammarreessaa keessa qubatanii turan – Mudde 2017

Kabaja Adawaa 123ffaa- 2019

Hacaaluu Hundeessaan injifannoon Adawaa injifannoo saba Oromoo ta’uu isaa yaadachisuuf jecha kabaja Adawaa 123ffaa irratti abbooti fardaa Oromoo 300 ol walitti qindeessuun agarsiisa fardaa Finfinneetti qopheesseera.

“Har’an falmee sireessaa seenaa karaarraa maqe,” jechuun addababbayii Masqalaa irratti kan geerare Haacaaluun gotoota Oromoo injifannoo Adawaa keessatti ga’ee guddaa qaban maqaa dhahuun faarseera.

“Biyyaa dhiigaan suphine, biyya lafeen ijaarreKanaaf cichinee lolla akka diinni nunyaarreeGarasuu yaa ilma Dhukii, ilma walee Walisoo Sodaadhe eenyurraan dheessa, sittan ba’e anisoo”

Gaaffii fi Deebii OMN waaliin- 2020

Haacaaluun ajjeefamuu isaatiin torbee tokko dura yeroo dhumaaf OMN turtii taasisee ture.

Turtii kanaan qeeqa namoonni hedduun ‘qabsoo gatee mootummaatti michoome’ jechuun irratti kaasaniif deebii kennee ture.

Ajjeefamuun isaan booda hooggantootni mootummaa fi namootni kaaniis af-gaaffii OMN irratti taasise kana akka sababaatti ibsaa turan.

“Ani Oromoof qaaliidha” jechuun kan inni dubbate wantoota gaaffii fi deebii kanarratti haasa’ee keessaa kan sammuu namoota hedduu keessatti hafedha jechuun ni danda’ama.

Yaadannoo waggaa tokkoffaa ajjeefamuu artiistii Oromoo dhiibbaa guddaa uumuun beekamu kanaa sababeeffachuun albamni isaa sadaffaan osoo hojjachaa jiruu irraa wareegame maatii fi hiriyoota isaan xumuramee gadhiifamee jira.

Albamni sadaffaan Art. Haacaaluu Hundeessaa mata-duree ”Maal Mallisaa” jedhu kan qabu yoggaa ta’u, sirboota 14 of keessaa qaba.

Be the first to comment

Leave a Reply

Your email address will not be published.


*


This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.