Ajjeechaa Wallagga Lixaa Magaalaa Gullisoo fi SBO Fulbaana 28/2019

Ajjeechaa Wallagga Lixaa Magaalaa Gullisoo fi SBO Fulbaana 28/2019

Ajjeechaan Gullisoo irraa hin dhaabbanne. Gabaasni nu qaqqabaa jiruufi suuraan keessaan nuuf ergame kun akka ibsutti godina Wallaggaa Lixaa magaalaa Gullisootti guyyaa kaleessaa jechuun Fulbaana 27/2019 ummata ayyaana gubaa(masqalaa) ayyaaneffatee galaa jiru irratti waraanni mootummaa dhukaasa banuun namootni ammaaf lakkoofsa isaanii hin qulqulleeffatiin ajjeefamanii kaanis madaa’anii du’aaf jireenya gidduutti argamu.
Kanneen ajjeefaman keessatti abbaa fi ilma kan tahan:
1) Obbo Jijoo Tolaa
2) Dargaggoo Abdii Jijoo
kan argaman yammuu ta’u
3) Obbo Habtaamuu Addaamuu
Madaa’ee du’aaf jireenya gidduutti akka argamu gabaafameera.


Be the first to comment

Leave a Reply

Your email address will not be published.


*


This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.