By | January 16, 2020


Barattoonni 35,000 Barnoota Sadarkaa Ol’aanaa Addaan Kutan, Jedha Ministarri Saayinsii fi Dhaabilee Barnoota Ol’aanoo

Faayilii – Yunivarsiitii Salaalee

FINFINNEE (VOA Afaan Oromoo) — Nageenyaa fi tasgabbiin dhabamuu Dhaabbilee Barnoota Ol’aanoon walqabatee, barattoni kuma Soddomii Shanii (35,000) ol barmoota addan kutuu isaanii Ministarri Saayinsii fi Dhaabilee Barnoota Ol’aanoo beeksisee jira.

Gareen madda rakkolee kanaa akka qoratuuf ministarichi gurmeesse gara dhaabilee barnootaatti erge, deebi’ee gabaasaa dhiheessee jira. Gabaasaan keeyna Muktaar Jamaal dhimma kana irratti dubbi himaa ministeerichaa Obbo Dachaasa Gurmuu dubbisee jira.


Yaada Dargaggootaa fi Hoogganoota Dhaabotaa Walga’ii ABOtti Hirmaatanii


FINFINNEE (VOA Afaan Oromoo) — Sagantaa “Barii Finfinnee” jechuun Addi Bilisummaa Oromoo Dilbata dabre galma Mileeniyeemiitti qopheesse irratti Partileen siyaasa fi dhaabbileen ka biroon walitti dhufeenyi fi waliin dubbiin partilee siyaasa rakkoo roga hundaan biyyattii keessa jiru furuuf barbachisa dha, jedhan.

Dargaggoonni qooda fudhatan immoo, “Oromiyaan dirree jeequmsaa ta’aa waan jirtuuf furmaatni itti barbaadamuu qaba,” jedhu.


Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.