BREAKING: Abukaaton Hidhamtoota Siyaasa Oromoo, Abduljebar Huseen, ajjeeffame.

BREAKING: Abukaaton seeraa fi qabsaa’an Oromoo Abduljebar Huseen Hagayyaa 10, 2021 guyyaa har’aa Magaalaa Adaamaa keessatti sababa hinbeekamneen lubbuun darbanii reeffi isaanii argamee jira.
Abduljebar Huseen

Obbo Abduljebbar bara kana galmee qabsaa’ota keenya Qaallittii jiranii dabalatee Finfinnee fi bakka garaagaraatti hidhamtoota siyaasa Oromoo hedduutif abukaatoo ta’uun nama tajaajilaa turanidha! Dabalataan hayyuun kun sa’a sadi dura toora miidiyaa hawaasaa Facebookirra akka turee fi barruulee garagaraa maxxansaa akka ture Accountiin fb isaa ni addeessa.

Gameessi Oromoo kun guyyaa har’aa maatii fi firoota isaa akkasumas saba jaalalaa fi kabajaan isa abdaturraa sababa hanga ammaatti hinbeekamneen nurraa godaananii jiru. Bool’a isaanii dhaadin haa guutu jechaa Maatii fi firoota isaanitiif jajjabina hawwa! RIP!

===========================================

Abukaatoofi Gorsaan Seeraa Obo Abdujabbaar Huseen lubbuun darbuun dhaga’ame.
Gorsaa seeraafi Abukaatoon hidhamtoota siyaasaa Oromoo Obbo Abdujjabbaar Huseen galagala har’aa jechuunis Hagayya 11, 2021 magaalaa Adaamaa keessatti lubbuun isaanii darbuu OMN waayila hojii isaanii kan ta’an Obbo Tuulii Baayisaarraa odeeffate.
Obbo Abdujjabbaar du’uun isaa utuu hin dhaga’amin sa’atiiwwan muraasaan duratti marsaa Hawaasummaa Facebook dhuunfaa isaaniitiin, dhimma walii galtee Waraana Biliisummaa Oromoo fi TPLF ilaalchisee yaadasaanii qoodanii turan.
Guyyaa har’aa fayyaa guutuutiin socho’aa kan turaniifi nagaatiin akka oolan namoonni itti dhiheenyaan beekan marsaa Hawaasummaa irratti maxxansaa jiru.
Obbo Abdujjabbaar Huseen abukaatoo hidhamtoota siyaasaa Oromoo ta’uun dhaddacha Federaalaa fi naannoorratti falmuun hidhamtoota siyaasaa hedduuf abuksttummaa dhaabbachuun beekamu. Jawaar Mohammadfaa dabalatee qondaalota ABOfis gurmuu Abukaattotaa waliin ogummaa isaaniin saba ofii nama tajaajila turanidha.
Sababa lubbuun darbuu Obbo Abdujjabbaar Huseen OMN adda baafachuuf yaaliin taasise hin milkoofne. Maatiifi namoota keessa beekan akkuma arganneen oduu guutuu kan isin qaqqabsiifnu ta’a.










Be the first to comment

Leave a Reply

Your email address will not be published.


*


This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.