CALALAQAAN UMMATA OROMOO HAWATUU HIN QABU!

Qixxeessaa Lammii | Ebla 01, 2018

Waan ija nama harkisuu fi qalbii nama hawatuun namni hin gowwoomfamne hin jiru. Miha nama irraa hin bitamne ykn hin gurguramne dirretti baasanii bu’aa irraa argatuuf ifaajuun of dadhabsiisuu qofa osoo hin taane gowwaadha. Waan faaydaa hin qabne gatii horachiisuuf bara dheeraaf itti dhama’uun, yeroo gubuu, horii baleessuu, humna qisaasuun, kasaaraa fi kufaatii qofaan xumurama. Akkasuma huurrii jiidha hin qabne duumessa roobu seehanii abdiidhaan midhaan facaafachuun dura sirritti adda baafachuun qaroomina.

Kana gochuu hanqachuun kasaaraa shamatachuu taha. Kana malees shanyiin facaasan irraa shanyii gosa biraa argachuuf yaaduun waan hin jirre ni jira jedhanii abdachuudha. Waan bifa qabu ykn ifu, argaan tolu, dhageettiin mi’aawu dhala namaa ta’ee kan hin jaalatnee fi ittiin hin hawatamne hin jiru. Yoo jiraates tokkeedha. Waan haaraya wal duraa duubaan dhufu hunda akka dhugaatti fudhachuunmaxxafachuu dura dhugummaa isaa dura dursanii qajeellotti adda baafachuun barbaachisaadha.

Ummatni jaarraa tokkoo ol hadhaan gabrummaa dhugee garaa isa guutee bokokse, yoo hamma xiqqoo tokkos ta’u irraa bulgaafate waan fayye itti fakkaatee rafa. Akka kanaan qabsoo hadhaawaa jaarraa tokko oliif geggeesse ifa xiqqaa bilic cillimii bilisummaa fi walabummaa fakkaatutti quufee of dagachuun umrii gabrumaa of irra tursuu akka ta’e dagachuu ta’a. Kana hunda kan na jechisiise garuu maal akka ta’e dhala Oromoo ta’ee kan yeroo ammaa hin hubatne ni jira jedhee hin amanu. Haalli yeroo gara garaa ummata keenya qabsoo isaa irraa afanfaajessee duubatti harkise jira.

Fakkeenyaaf, bara 1991 yeroo mootummaa ceehumsaa sana Oromoon bilisoome jechuudhaan qabsoo qacalee hin bilchaatin abdachuudhaan wareegamni qaaliin kafalee dabre waan hin dagatamne. Kun bilchina dhabiinsa siyaasaa irraa kan madde akka ta’e ifaadha. Dhaabileen yeroo sana maqaa Oromoon ijaaramanii fi ummatni Oromoo walii galatti of dagatuun gabrummaa qaari’uuf dhihaate kufaatii irraa hambisee akka inni daranuu deebi’ee hidda isaa gadi jabeeffatu taasise Haala kana irraa kan ka’een ummatni Oromoo gabrummaa mootummaa Tigreen hoogganamu jalatti waggoota 27 oliif waqaramu turee har’as itti fufee hoqaramaa jira.

Balaa kanaaf sababaan guddaan yeroo sana diina irra caalaa kan wal dura dhaabbatee diinaa olitti wal mormaa ture dhaabota siyaasaa Oromoo akka ta’e ifaadha. Keessumaa IFLO fi ABO giddutti garaa garummaan ture qabsoo Oromoo qancarsuu fi Wayyaanee gadi dhaabuuf gumaachi godhe xiqqaa hin turre. Tigree bira gortee ABO rukutuun IFO fi OPDO balaa ummata keenya waggaa 27f mudateef sababa guddaa akka ta’e wallaaluu hin barbaachisu. Osoo gaafa sana dhaabileen Oromoo gamtooma qabaatanii bilisummaan sabaa fi walabummaan biyya keenyaa kan har’a haarayatti barbaadamu kun qaata harka keenya seene ture. Kun gara fuula duraas haala sanaan akka deebi’ee itti hin fufne gochuun barbaachisaadha. Dhaabbileen maqaa saba kanaan dhaabbatne jedhan cufti waliin diinatti duuluu dadhaban walitti duuluu dhiisanii gamaa gamanaan diinatti duuluu irratti xiyyeeffachuu qaban.

Ummatni keenyas dheebuu walabummaa fi bilisummaatiin hurure qofa ilaalee waan dukkana gabrummaa xiqomas ta’u irraa saaqu hundaa dhugaa fi dhara ta’uu isaa osoo addaan hin baafatin gammachuudhaan simachuu fi akka galaanaa duukaa dhangala’uun hin barbaachisu.

Adeemsi kun adeemsa sirna bittaa alagaa bara baraan isa irratti waarsu akka ta’e qaroominaan beekee irra aanuu danda’uu qaba. Kan haasawa qajeelu, jechoota mi’aawoo dubbatu, boohee boochusu, dhiichisee dhiichiisu, sirbee sirbisiisu, jedhee jechisiisu hunda waanuma isaaf jecha quuqame seehee akka galaanaa duukaa yaa’uu waan aadeffatame fakkaata.

Akka dheebotanii malkaa hin maddisan akkuma jedhamu, gaddaa fi gammachuu daangaa hin qabne keessummeessuu irraa of qusachuu barbaachisa. Dhugaan bakka mara hin jirtu. Bakka tokkocha hin beekkamnee fi akka salphatti nama cufatti hin mul’atne jirti. Gaafa chaartaaraa ABO duukaa dhangal’uun, gaafa ABOn dhiibamee mootummaa ceehumsaa keessaa baafame miseensota OPDO Tigree warra durii jala dhangal’uun fi har’as ammoo miseensota OPDO alaa fi keessaa, akkasuma miseensota OPCO, nama sirba warraaqsaa sirbee fi haasawa warraaqsaa mi’aawaa taasise hunda jala gugachuun osoo adda hin baafatin silaa hin malle.

Akkuma haala kale sana har’as wal gula dhaabbachuun hafee wal dura dhaabbachuun yeroo fiimee deemaa jiru kana keessatti ummatni keenya bitaa mirga osoo hinilaallatne cal’isee ceehuu hin qabu. Bakka dhugaan jirtu ija ittiin argu ija siyaasaa qabaachuu isa feesisa.

Dhukubni bule fira akkuma jedhamu dhaaba Tigreen ijaarame akka dhaaba dhala Oromoon Oromoof ijaaramee tokkotti ammatee bara dheeraa kana baatee turuun kun silaa ummata Oromoof baromsa cimaa isaaf ta’a jedhee yaada. Dhaabni saba isaaf dhugumatti quuqama qabu dhaaba alatti hanga ammaa dhiibamaa jiru ta’uu beekuu qofa osoo hin taane itti amananii haala inni bakka isaan malu irra itti dhufuu danda’u irratti bira dhaabbachuun yeroo tin’isuun malattutti har’alee nama Mallas guddifatee barsiifate biraa dabre kan onnee isaatiin hafuura baaratu barcuma mootummaa gabroomsa irra kaahutti gammaduun Oromoo maaliif?

Akka yaada kiyyaatti gaaffiin sabichaa gaaffii abbaa biyyummaa ta’ee osoo jiruu calalaqa mirga dhugaa dhugoomsu fakkaatutti kan garuu hidda hin qabnetti gammaduun Oromoo baay’ee na yaaddesse. Kun qabsoo galma bira geette duubatti deebisanii alatti hambisuuf shira Wayyaaneen ta’e jettee xaxxe ta’uu walaaluu ta’a. Bu’aalee xixxiqqaa akka saree nu duratti yero yeroon daddarbamuun hatamuun hidda gabrummaa of irratti gadi cimsuu akka ta’e hubachuu dhabuu hin barbaachisu. Doktor

Abbiyi Ahmad muumicha ministera impayera Itiphiyaa ta’uun kan muudameef sirna bittaa Impayerichaaf akka ta’e beekuun barbaachisaadha. Oromoon kan barbaadu jijjiirama fakekessii osoo hin taane jijjirama hundee kan dhala Oromoo hunda awwaala gabrumaa keessaa baasuudha. Abbaan aangoo irraa bu’ee ilmi bakka isaa bu’ee aangoo qabachuun jijjirama addaa sabaaf fida jedhanii abdachuun of gowwoomsuu akka ta’etti natti mul’ate.

Dhuguma doktor Abayi nama jijjirama guddaa isa hundee sana fidu osoo hin taane, nama jijjiram xixxiqaa achii gadii fiduu danda’uuyyuu yoo ta’e bay’ee sabboonaadha.

Dhuguma quuqama saba isaa yoo qabaatee fi hafuura Abbaaytsahaayyeen yoo deemuu baate sadarkaa duraatti labsii muddamaa kan ummata keenya waraana jalatti kuffisse kana hatattamaan akka ka’u gochuu, ummata shiftoota Somaalee fi Tigreetiin biyyaa fi qabeenya isaanii irraa buqqifamanii akka caleetti bakka maratti faca’anii jiran kana bakka isaaniitti deebisuu fi qabeenya isaan irraa saamame deebisiisuuf fi warra badii dhiifama hin qabne sana raawwatan seeraaf dhiheessee murtii akka argatan taasisuu, daangaa Oromiyaa fuula cufaan dhiibaman bakkatti deeibsiisuu, seera shoorarkeessitummaa kaasuu, namoota maqaa warraaqsa mootummaa kana irratti dhooheen hidhamanii fi maqaa ABOn hidhaman hunda haal duree tokko malee hidhaa gadi dhiisisiisuu fi dhala Oromoo qabeenya isaa irratti abbaa taasisuu yoo yaale dhuguma hamma tokko fudhatama qabaachuu danda’a.

Ummatni Oromoos bara baraan jijjirama fakkeessiif dhiichisuu fi sirbuu hin qabu. Bara chaartaraa Galaasaa fi Leencoof, achii as Mallasii fi miseensota OPDO durii hundaaf, bara kana miseensota OPDO alaa fi keessaa Jawaar, Magarsaa, Doktor Abbiy, Abbaa Duulaa, miseensota dhaaba OFCO, Maraaraa Obboo Baqalaa fa’aaf wal duraa duubaan akkuma sirbe, ammas itti fufee wabii Wayyaanee godhachuuf ilma Oromoo Tigreen barcuma intalishee irra keetteef sirbuun hin malle.

Yeroo sirbaa fi dhiisichaa keessa hin jiramu. Har’allee kallatti cufatti dhiga dhala Oromootu waraana Wayyaaneen dhagalaafamaa jirama. Osoo hin argin faarsuu fi arrabsuun dhala Oromoof aadaa dhaabbataa ta’uu hin qabu. Firii qabsoon bilisummaa Oromoo ABOn hoogganmtu Qeerroo Bilisummaa Oromoo fi ummata Oromoo walii galaan finiinfamtee arma geette kolaasuuf qadhabaa Wayyaaneen dhoksaan kaahatteetti amanuun of dagachuu hin barbaachisu. Karaan tokkichi humna tokkummaa dhugoome kana humna cimaa injifatnoo dhumaan nama gahutti jijjiruudhaan bilisummaa Oromoo fi Walabummaa Oromiyaa mirkaneessuu malee falli gara biraa akka hin jirre hubatamuu feesisa. Kanaaf kallacha isaa ABO waliin qabsoo xumura gabrumaa fi jalbultii irraa walabummaa fi bilisummaa irra geette a duubatti deebi’uun armaa achi saba
Oromoof gahuu qaba.

Bu’aalee calalaqqee xixxinnoo gara garaan hatamuun hidda gabrummaa of irratti gadi jabeessuu akka ta’e dagachuu hin barbaachisu. Kanaaf aangoon amma ilmi Oromoo itti muudame kan jiruu fi jireenya Tigrootaaf haala mijjeessu malee kan saba oromoof bu’aa qabu natti hin fakkaatne. waan ta’eef, aangoon calalaqaan calaliin ykn hoffaan hidda gadi fagoo hin qabne ummata Oromoo hawachuun gowwoomsuu hin qabu. Duula gala malee baha jajuun hin barbaachisu waan ta’eef qaamaa fi qalbii keenya hundaan gara qabsoo
keenya ittiin galmaan geessinu irratti haa xiyyeeffatnu.

Qabsoon itti fufa!

Injifatnoon ni dhufa!

Qixxeessaa Lammii irraa.

Be the first to comment

Leave a Reply

Your email address will not be published.


*


This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.