Oromia National Transitional Government

LABSII HUNDEEFFAMA MOOTUMMAA CEHUMSAA BIYYOOLLEESSAA NAANNOO OROMIYAA

Ibsa Duraa, Waxabajjii 30, 2021

1. Haala Oromiyaan Keessa Jirtu

Ummatni Oromiyaa bara dheeraaf mirga abbaa biyyummaa dhabe deebisee gonfachuuf, bilisummaa diinaan sarbamee deebifachuuf, walumagala hiree ofii murteeffachuuf wareegama qaqqaalii baasaa har’a gahe. Qabsoon bifa jaarmiyaa siyaasan, tokkummaa ummata Oromiyaa tiksuu fi qindoomina qabuun erga hoggansa ABOtiin eegale asillee wareegamni kaffalame hanga hinqabu. Bara 2015 kaasee hirmannaa olaanaa uummata Oromiyaa bal’aan addatti ammo, qabsaawotni, Qeerroo fi Qarreen qabsoo Oromiyaa keessatti deemaa turerratti lubbuu kuma hedduutu itti wareegame; nama baay’eetu qaamaa hir’ate; qabeenya danuutu barbada’e. Qabsoon kun injifannoon golabamus, osoo turee hinbuliin butamee karaa akeekame irraa akka maqu taasifame.

Jijjiiramni suphaa (reform) siyaasaa FDR Ityoophiyaa keessatti bara 2018 mul‘ate kan akeeke sirna diimokiraasii dhugaa kan mirgi dimokrasii fi ummatootaa kabajamutti ceesisuu ture, garuu hintaane. Qaamooleen siyaasaa tokko tokko jijjiramiichi hundee qabeessa fi akka abdachiisaa tahu dursanii Mootummaan Cehumsaa hundaa ammatee akka hundeeffamu yaalii gochaa turan. Humnoota kannen keessaa tokko Tumsa Ummatootaa kan Bilisummaa fi Dimokrasiif (PAFD) kan ABOn keessatti miseensaa bu’ureessaa tahe ture. Haa ta’u malee hin milkoofne. Qaamuma mootummaa of-jijjire keessaa kan jijjiramaaf qophaa’e of-fakkeessee as bahee fi Ministeera Muummee Dr. Abiy Ahmadiin hogganamu gara sirna dimokiraasiitti ceesisuu ni danda’a abdii jedhun jaarmooleen siyaasaa hedduu fi biyyootiin dantaa Ityophiyaa irra qaban kan deeggaran ture. Akka kanaan humnoota siyaasaa gidduutti waliigalteen hunde qabeessaa ta’e osoo irra hingahamiin hanga filannoo biyyoolessaa marsaa 6ffaa kan bara 2020tti paartiidhuma dur biyyaa bulchaa ture (“by defacto“) akka itti fufu taasifame.

Haa tahu malee adeemsa waggoota sadan dabranii keessatti tarkaanfiilee paartilee siyaasaa dorgommiif of-qopheessaa turaniirratti humnaan ukkaamsuu fi daangessuu bulchiinsi Dr. Abiy fudhate hawwii fi abdii turee dukkaneesse. Osoo kanan jiramu weerarri COVID-19 babal’achaa dhufuun mootummaa duranuu sababa barbaachaa tureef carraa uumee qorannoo amansiisa tokko malee filannoon bara 2020 keessa deemuuf karoorfame gara bara 2021tti akka darbu taasifame. Kanaan walqabatee umriin mootummaa heeraan danga’e akka dheerafattu taasifame. ABO fi KFO fi dhaabotiin wahila isaanii dheerina umrii mootummaa kan heera biyyittiin ittiin bultu cabsuudha jedhanii mormaniiru.

Jijjirmani dhufee cehumsa gara sirna diimokrataawaa fi nageenya waaraa ummataa fida jedhamee osoo abdatamuu olee osoo hinbuliin waan hundu kan bakka duriirraa hammateetti deebi’e. Gaaffiin ummatichaa dhageetti dhabe. Inumayyuu sirna dulloomaa dur qabsoo meeqaan diigamee deebisanii lubbuu itti horuuf maqaa “Tokkummaa Itoophiyaa gudditti kan durii tiksuutiin” mirga argame duubatti harkisuf fedhii fi hawwii ummatni bilisummaa fi diimokraasii arguuf qabu dhadhaa ibda buute taasisan.

Mootummaan kun afaan-fajjeessitoota, ayyaan-laallatoota fi danta-buleeyyiin kan dhaalame ta’uu fi kaayyoo ummataa kan of-harkaa hinqabne ta’u caalaa mirkaneese. ABO fi KFOn adeemsi kun seera ala ta’uu fi kan heera mootummaas diige hariiroo ummatoota booressu ta’ullee ibsuun mormii isanii ifatti ibsaa turan.

Mootummaan kunis akka kaayyoo ummatni barbaadutti bilisummaa fi diimookraasii mirkaneessu watwaataa as gahan.

Wayita ammaa kana ummatni Oromiyaa fi Oromiyaan rakkoo hamaa keessa jiru. Sirni bulchiinsaa diriiree ummataaf tajaajila kennu yoo maqaaf ta’e malee hinjiru. Oromiyaan lolli itti labsamee guyyaan ilmaan isii lubbuu kafalaa jiru. Waraanni bakka adda addaatti ummatarratti baname humna waraanaa biyya keessa jiru irratti dabalatee waraana mootummaa Ertiraa galchee jira. Dirreen Oromiyaa harki caalaan lafa waraanaati. Ummatni qe’ee fi qabeenyaarraa buqqifamani hari’atamaa oolu. Mannen qonnan bulaa fi horsiisee bula ibda itti qabsisanii guggubu. Loon ni saamu. Dubartootaa ni gudeedu. Hidhaa fi dararri ummatarra gahu dangaa hinqabu. Keessattu, qeerroo fi qarreen karaarra deemuu hindandeenye. Yoo argaman ni ajjefamu, ni reebamu ykn ni hidhamu. Kan dararaa kana jibbee jiruu fi jireenya isaa dhiisee falmiidhaaf bosona seenees lakkofsa hin qabu. Seerri waanti jedhamu dhabameera. Mootummaa kan ofiin jedhu waan humna qabuuf qofa kan fedhe hojjachuu danda’a. Itti gaafatammummaa waanti jedhamu hinjiru. Gababaatti Oromiyaa keessa waan mootummaa fakkaatu wayii yoo ni jira jedhame malee mootummaan sirnaa hinjiru.

Sirni amma paartii biyya bulcha jedhuun (Prosperity Party-PP) hogganamu sirna abbaa Irreeti. Kannen PP hundeessan warrotuma duran mootummaa EPRDF/TPLF fi wahiloota isaanii turaniidha. Kan keessaa hir’atame ykn didee keessaa bahe TPLF qofadha. Akkuma duran jedhama ture warreen armaan dura ummata Oromiyaa dararuu fi aangoof jecha danta ummata dabarsanii kennaa turantu maqaa jijjiiratee qaama jijjiiramaa of-fakkeessee as bahe. Gareen mootummaa ofiin jedhu kun ajjechaa, dararaa fi gidiraa Oromoo fi sabaafi sablammoota biroorran gahaa turan dhaalanii daran kan itti cimsa jiraniidha. Feedereshiinii saba-daneessaa dura maqaan qofa jiru haquuf warren murteeffataniidha. Sirna gabromfataa fi doofaa jaarraa tokkoo oliif yaalamee burkutaa’ee du’e lubbu itti horanii olkaasuuf warren tattaaffachaa jiraniidha. Waliigala ummatni Oromiyaa yoo of-tufate, yoo of-xiqqeesse malee jirachuu hinqabu jedhanii akeekanii warra dalagaa jiraniidha. Warren biyya bulchaa jirra jedhan kunnin ummatootni akka ummataatti mirga waloo isaanii guutuu yoo argatan biyyatu bada jedhanii yaadu. Mirga ummataa haala kana keessatti kabachiisuun hindanda’amu, hinyaadamus.

Mootummaan amma jiru kun Mootummaa Biyyoolleessaa Naannoo Oromiyaa diiguu fi ummata Oromiyaa addaan qoqqoodu hojii taasifatee hojjachaa jira. Namoota dantaa dhuunfaaf jecha dhimma kana bakkan nu gahu jedhanii yaadan bakka jiranii walitti funaananii ummata keessa bobbaasuun karoora isaanii bakkan gahuuf yaalaa jiru. Kanaaf ammo tajaajila ummatni tokko mootummaarra argachuu qabu dhorkuun dadhabsiisuuf yaalu. Mootummaan kun ummata Oromiyaa ajjeesuu, hidhuu fi dararuu malee seenaa ummata Oromiyaa deggeruu tokko hinqabu. Mootummaa ummatati ofiin jechaa dantaa ummataa dabarsee kennudha. Waluma gala, erga jarraa tokkoo fi wallakkaa dura gabrummaa jalatti kuftee as Oromiyaanis tahe Itopjhiyaan mootummaa isiif malu argattee hinbeektu.

Filannoon 6ffaa biyyooleessas filannoo fudhatama hinqabne. Oromiyaa keessatti filannoo bakka dorgomtootni hin jirreetti raawwate. Dhabbileen siyaasaa jajjaboon ummata Oromiyaa bakka bu’an ABO fi KFOn kan keessaa dhiibamanii bahaniidha. Hoggantoonni, miseensotni gameeyyii fi deggertoonni isaanii mana hidhaa keessa osoo jiranii filannoo taasifamedha.

Waajjiraleen dhaabilee laman kanaa guutummaatti haala jedhamuu danda’uun cufamaniru. ABO fi KFOn deemsi filannoon madalawaa fi kan hunda hirmaachisu akka ta’u waan humni isaanii danda’u gochaa turaniiru. Filannoon sirnaa akka deemuu hindandeenye erga hubatanis mariin dhaabbilee siyaasaa fi kannen dhimmi ilaallatu hundaa akka adeemuu fi rakkina siyaasaa biyya kanatiif fala barbaadu waamicha gochaa turaniiru. Filannoon seeraa fi sirna hinguutne erga deemee asis filannichi akka fala hintaanee fi malli jiru mootummaa baraaraa dhaabbilee hunda hammatuun akka dhaabatu waamicha taasisaniiru.

Ummatni biyya dhabe; ummatni mirga hiree ofii murteeffachuu dhorkame; ummatni bilisummaa fi diimokraasii dheebote; Ummatni osoo nageenya barbaaduu jeequmsa keessa oolu; ummatni mootummaa isarratti falmu malee isaaf falmu hinqabne mootummaa dantaa isaa tiksuufi danda’u barbaada. Lammileen Oromiyaa mootummaa isaa ta’u akka ijaaramu bifa adda addaatiin waamicha gochaa turusas ni yaadatama. Hanga haalli siyaasaa biyyichaa sirreeffamee ummatni bakka bu’oota isaa seeraan filatee mootummaa sirnaa fi seerawaa ta’e ijaaratutti yeroo cehumsaa qaama geggeessu barbaada. Qaamooleen dhimmi ilaalatu keessa adda durummaan kannen jiranii fi abdii ummata ta’an ammo ABO fi KFO akka ta’an beekamadha. Dhaabileen siyaasaa kunnen erguma ijaaramanii kaasanii mirga ummata Oromiyaa fi sablammootaa Oromiyaa keessa jiran tiksuu fi kabajchiisuuf kannen falmaa turanii fi ammas itti jiranidha.

Kanaaf, ABO fi KFOn haala siyaasaa amma jiru kana xinxalanii erga hubatanii bood beektootaa fi ummata wajjin marii gochuun Mootummaa Cehumsaa Biyyoolleessaa Naannoo Oromiyaa (MCBNO) dhaabaniiru. Mootummaan cehumsaa kun yeroo Addi Bilisummaa Ummata Tigraay (ABUT) deebitee Tigray lolan dhunfatee mootummaa ta’u isii irra deebite mirkaneeffatee fi haalli biyya keessa jiru daran jeequmsaaf saxilame kana Oromiyaa fi ummata Oromiyaa keessa jiru wajjin ta’ee gaga’amaa fi badiin dabalata akka hingeenye ittisuuf dirqama kan ofitti fudhatedha. Mootummaan cehumsaa kun guyyaa Adooleessa 01 bara 2021 hanga mootummaan ummataa sirnaa fi seeraan filatame bakka bu’utti waggota sadiif dhaabateera.

2. Duudhaalee MCBNO Ittiin Masakamu

Mirgoota dhala namaa addunyaan irratti waliigalamee fi biyyi kunis fudhatee mirkaneessite kabajuun akkauma jirutti ta’ee MCBNO yeroo cehumsaa kana keessatti duudhaalee armaan gaditti tarreeffaman mara ni kabaja, ni tiksa, ittiinis masakama:

  1. Olaantummaa fi walabummaa ummataa: lammilee Oromiyaa walabaa fi mootummaa cehumsaa kana olitti abbaa aangoo olaanaa fi murteessaa ta’u isaa ni kabaja, ni tiksa.
  2. Mirga dhala namaa fi mirga diimokraasii: MCBNO mirga dhala namaa fi mirga diimokraasii ummata Oromiyaa keessaa jiranii ni kabaja, ni tiksa.
  3. Walqixxummaa korniyaa: MCBNO mirga walqixxummaa dhiiraa fi dubartiin ummata Oromiyaa ni kabaja, ni tiksa.
  4. Olaantummaa heeraa FDRE fi heera Oromiyaa: Heerri FDRE fi heerri Oromiyaa seera olaanaa mootummaa Oromiyaa kamiiyyuu ol akka ta’e ni kabaja, ni tiksa. Seerri MCBNO baasu kamuu heera kana ni falleessa yoo ta’e fudhatama hinqabu.
  5. Garaagarummaa mootummaa fi Amantii: MCBNO Oromiyaa keessatti mootummaa fi amantiin garagara ta’u ni kabaja, ni tiksa. Amantiin kan mootummaa ta’e hinjiru. Mootummaan dhimma amantii keessa hin seenu, amantiinis dhimma mootummaa keessa hinseenu.
  6. Mirga sablammootaa (minority rights): MCBNO mirga sablamoota Oromiyaa keessa jiratanii ni kabaja, ni tiksa.
  7. Walabummaa seer-ilaal: Qaamni Seer-ilaal (judiciary) MCBNO walaba ta’a.
  8. Itti-gaafatammumma mootummaa: mootummaan tajaajilaa fi jiruu hojjatu iftoominaan geggeessa, badii dalage kamuufu seeraan itti gaafatama.
  9. Waliin qoddannaa aangoo (shared rule): Hariiroo waliitumsuu bulchiinsa mootummaa naannoolee biro fi kan heeraan murta’e mootummaa giddu galeessa waliin qoodata.
  10. Hariiroo michooma godinaa cimsuu: Diimokraasii, tasgabbii, nagaa waaraa, misoomaa fi maammilummaa dinagdee fi daldalaa Gaanfa Afriikaa keessaatti uumuuf, walitti bu’insaa godinica keessa jiru ilaafi ilaameen furuuf ni tattaafata.

3. Caasefamma MCBNO

3.1  MCBNO kun caffee cehumsaa (transitional council) miseensota jaarmiyaalee ABO fi KFO akkasumas waldaalee sivilii, waldaalee amantii, Abbootii Gadaa, jarmyaa dargaggootaa, Jarmyaa dubartootaa irraa kan ijaaramu ta’ee baay’ina miseensotaa caffee 337 qabaata. Caffeen cehumsaa kun Pirezidantii fi Itti aantoota sadi (3) of keessaa filatamaniin hogganama.

3.2  MCBNO hanga mootummaan ummataan filatame bakka bu’uutti kan ummata bulchu yoo ta’u, yeroon hojii isaa waggaa sadi kan hincaalle ta’a.

3.3  Caffeen Cehumsaa MCBNO af-yaa’ii fi Itti aanaa af-yaa’ii ni qabaata akkasumas koreewwaan barbaachisaa ta’an ni hundeessa. Af-yaa’iin walgahii Caffee Cehumsaa ni gaggeessa; ni hooggana.

3.4  MCBNO Naannoodhaan, Godinaan, Aanaadhaanii fi Gandaan kan caaseffamedha. Haa ta’u malee, Caffeen MCBNO barbaachisaa ta’uusaa yemmuu itti amanu sadarkaa bulchiinsaa kan biroo caasessuu ni danda’a.

3.5  Qaamni MCBNO seera tumu Caffee Cehumsaa Oromiyaati. Caffichis qaama aangoo ol’aanaa Mootummaa Cehumsaa Naannichaa ta’a.

3.6  Qaamni seera raawwachiistuun ol’aanaa Mootummaa Cehumsaa Naannichaa Waajjira Pirezidantii Bulchiinsa Mootummaa Cehumsaa Naannichaa yoo ta’uu, itti waamamnisaa Caffee Cehumsaa Biyyooleessaa Oromiyaatiif ta’a.

3.7  Pirezidantiin yeroo cehumsaa hoogganaa ol’aanaa qaama hojii raawwachiiftuu mootummaa cehumsaa biyyooleessaa naannichaa ta’ee ni hooggana; bakka ni bu’a, itti aantoota pirezedantii, itti gaafatamtoota dameewwani, biiroolee fi waajjiroota adda addaa sadarkaa naannoo fi bulchiinsa godinaa irratti muudamaaf paartoota adda addaa fi oggeeyyii keessaa kaadhimaman Caffee Mootummaa Cehumsaatiif dhiheessuun ni raggaasisa, qajeelfama adda addaa baasee qaama raawwachiiftuuf ni kenna.

3.8  Yeroo cehumsaa kana keessatti caasaaleen mootummaa taajajila idilee ummataa kennuuf armaan dura diriiran itti gafatamtummaan tajajila isaanii kennuu itti fufu; Projeektoonni misoomaa adda addaa Naannicha keessatti jalqabaman martuu gufuu malee akka xumuraman haalli ni mijaataaf.

3.9  MCBNO jaarmiyaalee addunyaa adda addaa kanneen akka Mootummaalee Gamtoomanii (UN), Gamtaa Afriikaa, Dippiloomaatonni biyyoota adda addaa, Tokkummaa Awurooppaa (EU), Dhaabbilee Miti-motummaa fi Dhaabbileen mirga dhala namaatiif falmatan akkasumas jaarmiyaalee biroo dantaa Oromiyaa waliin qaban hunda wajjin waltii dhiheenyaan ni hojjata.

3.10  MCBNO bulchinsa mootummaa naannolee kanneen biroo wajjin ta’uun Itoophiyaa keessatti walta’insi cehumsaa hunda hammataa fi shira of-keessaa hinqabne ta’u isaa ragaa walabaa akka ta’aniif qaamootii godinaa kannen akka Gamtaa Afriikaa, Gamtaa Awurooppaa, jaarmiyalee mirga dhala namaa idila addunyaa kannen akka Amnesty International, Human Rights Watch, namoota dhunfaa bebbeekamoo, hayyota maqaan baay’ee farfamanii fi nam-tokkee ykn gartuun kamuudhufanii akka tajjaban gochuu fi hundeeffamu isaa keessatti qooda irraa eegamu hunda ni gumacha.

3.11  MCBNO dhaabbilee adda addaa (waloo,dhuunfaan, namtokkee) fi miidiyaalee Magaalaa Finfinnee keessa jiraatan dabalatee kanneen bakka adda addaatti argaman wajjin sirna diimokiratawaa ta’e bu’uureessuuf, bulchinsa gaarii dagaagsuu fi misooma saffisaa fiduuf waltti dhiheenyaan ni hojjata.

4. Sangnataa Yeroo Ce’uummsaa

MCBNO Nageenyaa, Siyaasaa, Dinagdee fi Hawaasummaa ummata Oromiyaa ilaallatan keessa kanneen armaan gaddiiratti tarreeffamanirratti xiyyeeffannaa keenuun ni raawata:

4.1 Nagaa fi taasgabbii uumuu: MCBNO nagaa fi tasgabbii ummatni Oromiyaa yeroo dheeraadhaf dhabe buusuuf:

  1. Haalawwan nagaa fi tasgabbii ummataa jeequu malan hunda hirmaannaa ummataatiin dursee tilmaamuun/akeekuun otoo rakkoon hindhalatiin akka furtee argatan ni hojjata; bakka rakkoon mudatettis humni naga eegsisu hatattamaan ummata cinaa goree akka nagaa buusu ni hojjata.
  2. Ummatootaa fi bulchiinsi mootummaa naannoolee ollaa Oromiyaatti argaman wajjin dhimmota waloorratti waliin mari’atee dantaa obbolummaa hirkate dagaagsuun nagaa fi tasgabbii mirkaneessuf hojjata.
  3. Ummata kanaan dura nagaa fi tasgabaahina dhabuun qee’ee isaarraa buqa’ee hanga halli kennatee fi humni mootummaa dandayetti akka qee’ee isaanitti deebi’an ni mijeessa.
  4. Ummata sababa qee’ee isaarraa buqa’uu fi biyyarraa ari’atamuu isaatiif addatti rakkoo hawaas-dinagdeetiif saaxilame akka baraaramuu fi gara jireenya idilee isaatti deebi’u haala ni mijeessa.

4.2 Koomishiinii quurramaa (reconciliation and transitional justice): MCBNO yakkootaa, midhaalee fi badii sirna dabre keessaa ummata Oromiyaa irra gahaan kan qoratee seeraa dhiheessuu fi haqa akka argatan taasisu Koomishiinii quurramaa ni hundeessa.

4.3 Yaadannoo wareegamtootaa: Koreen addaa wareegamtoota qabsoo bilisummaa ummata Oromiyaa kan Oromiyaa guutuu keessatti qoraatee dhiheessuu fi yaadannoo isaanii malu qopheessuu ni hundeeffama.

4.4  Ol’aantummaa Seeraa Mirkaneessuu: MCBNO olaantummaa seeraa kabachisuuf jecha:

  1. Walabummaan manneen murtii akka hojiirra ooluu fi mutiin isaan kennanis akka kabajamu ni hojjata.
  2. Namni kamuu seeraan ala akka hinhidhamnee fi mirga isaa hinmulqamne ni hojjata.
  3. Qaamoleenis ta’ee anga’otni dhuunfaa hojii seeramaleesa hojjataniif akka seeraan gaafataman ni taasissa.
  4. Lamiileen Oromiyaa fi kannen biroo seeraan qabeenya horataniif eegumsa seeraa ni qabaatu.
  5. Aanga’onni sadarkaa kamirrattu muudaman badii hojjatan kamiifu itti-gaafatamu.

4.5  Filannoo mootummaa qopheessuu: MCBNO filannoo haqa, bilisaa fi ifa ta’e akka adeemsifamu wantoota barbaachisan hunda ni anjeessa; mootummaan sirnaa fi seeraa akka hundeeffamu ni taasisa. Angoo mootummaa paartii ykn paartilee filamaniif nagaan dabarsee ni kenna.

4.6  Hidhamtoota siyaasaa: MCBNO heera Mootummaa Biyyoolessa Naannoo Oromiyaarratti hundaa’un hidhamtoota siyaasaa mottummaa angora tureen hidhaman hunda ni hiika.

4.7 Haala Dinagdee: MCBNO kanneen armaan gadii ni raawwata:

  1. Haalawwan qaalawiinsa jireenyaa uuman adda baasuun akka salphatanii fi ummatni jireenya foyya’aa akka jiraatu haala ni mijessa.
  2. Namuu karaa seera qabeessa ta’e qofaan akka qabeenya horatuu ni taasifama.
  3. Damelee dinagdee kanneen akka qonnaa, hormaata beeyladaa, daldalaa fi industirii akka humna guutuun hojjatanii fi guddina biyyaa fi jireenya ummataa wayyeessuuf gumaachan ni taasifamu.
  4. Haalawwan guddina dinagdee mijeessan keessaa geejibnii fi qunnamtiin murteessaa ta’uu hubachuun sirna geejibaa fi qunnamtii mijataa ta’e ni diriirsa.

4.8 Dhimma hawaasummaa: MCNO dhimma hawaasummaarratti kanneen armaan gadii ni raawwata:

  1. Barnootni, tajaajilli fayyaa ummataa, bu’uraaleen misoomaa fi kkfn akka babal’atanii fi tajaajila gahaa ta’e ummataaf kennuu dandayan ni taasisa,
  2. Birkiileen hawaasaa kamuu hirmaannaa isaanirraa eegamu hubachuun akka jireenya siyaasaa fi hawaas-dinagdee biyyaa keessatti gahee isaanii sirnaan bahachuu dandayanii fi irraas fayidamaniif mootummaan haala barbaachisu ni mijeessa,
  3. Dubartoonnii fi daa’imman jireenya har’aa keessattis ta’ee egeree biyyaatiif gaheen qaban murteessaa ta’uu hubachuun MCBNO gahumsaa fi hirmaannaa isaanii cimsuuf xiyyeeffannaan ni hojjata,
  4. Dargaggootaa fi shammaran humna oomishaa biyyattiin qabdu ta’uu hubachuun MCBNO addatti gahumsa isaanii akka cimsatanii fi sirna siyaasaa, dinagdee fi hawaasummaa biyyaa keessatti gahee isaanirraa eegamu akka bahataniif haala ni mijeessa.
  5. Qaama hir’attoonii tajaajila mootummaa addaa akka argatan xiyyeeffannoo kennee irratti hojjata.

Nuyi, miseensotni Caffee Cehumsaa Mootummaa Cehumsaa Biyyoolleessaa Naannoo Oromiyaa, Waxabajjii 30, 2021 yaa’ii hundeeffamaa mootummaa cehumsaa erga geggeeffanee marii bal’aan labsii hundeeffama MCBNOrratti taasfinee booda sagalee guutuun raggaasifneerra.

Caffee Cehumsaa MCBNO
Waxabajjii 30, 2021
Finfinnee



Barbaachisummaa Hundeeffama Mootummaa Cehumsaa Biyyoolessa Oromiyaa

1. Biyyattii keessatti nageenya hunkurame bakkatti deebisuuf

2. Nagaa Oromoof waardiyyaa amansiisaa gad dhaabuu

3. Oromiyaa dhabamaa fi akka isheen Xoophiyaan hindhugamne baraaruu

4. Mootummaa jechuun murna seeraan alaa, humnaan biyyattii qabatee jirutti eeggitii gochuu

5. Balaaf gaaga’ama ulfaataa biyyattiin itti adeemaa jirtu hanqisuu

6. Waardiyyaa nagaaf tasgabbii biyyattii keessatti jabeessanii gadi dhaabuu

7. Daguuggaa sanyii raawwataa jiru dhaabsisuu.

8. Yakkamaa lammiilee nagaa itti dhukaasee ajjeesaa bahe, yakkamaa lammiilee nagaa 4000 (kuma afurii ol) waggaa lamaa asitti daguugeef, isaan garasitti lubbuu lammiilee Oromoo 5000 (kuma shanii olii) kanneen galaafatan seeraaf dhiyeessun nageenya mirkameessuu fi kanneen hedduuf waan barbaachisuuf mootummaa Ce’umsaa Oromiyaa ABO’n labse tumsuuf utubuu lammiilee Oromiyaa irraa nii egama. Kana ta’uu hubachuun tumsa mootummaa Ce’umsaa jabeessuun Oromoon akka dhugoomfatu gaafadha.

Mootummaa Ce’umsaa Naannoon Oromiyaa fi Mootummaa Ce’umsaa Biyyoolessa Naannoo Oromiyaa ilaalchiseeti.

1. Oromoon utuu humna qawween hin cabin biyya mataa isaa qaba ture. Erga Impaayerri Itoophiyaa kun ijaaramtee aadaaf eenyummaa, duudhaaf safuusaa dhabeeti gabrummaa jalatti kufee isaan jiraate. Erga Oromiyaan akka kutaa biyya Itoophiyaa keessaa akka naannoo tokkootti moggaafamtee as lafti Oromiyaa muramee naannolee biroo jalatti qoodame hedduudha. Isaan keessaa Walloo fi Matakkal akka fakkeenyaatti fudhanna. Isaan kun utuu eenyummaa isaanii sirnaan beekanii, beekuu bira darbanii utuu falmatanii haga har’aatti Walloon naannoo Amaaraa jala, Matakkal naannoo Benishaangul Gumuz jalatti bulaa jiru. Amma erga Mootummaan Ce’umsaa labsamee isaan kana ofitti hammachuu qaba. Dhimmi Oromoo ka’ee Walloofi Matakkal keessaa hafnaan wanti hojjetamu guutuu miti jechuudha.

Isaan kunniin Mootummaa Ce’umsaa kana keessatti waaan hammatamaniif “Mootummaa Ce’umsaa Biyyoolessa Naannoo Oromiyaa” jedhame.

2. Oromiyaa keessa sabaafi sablammoota hedduutu jiraata. Saboota: afaan, aadaa, duudhaafi eenyummaa adda addaa qabantu Oromiyaa keessa jira. Hireen isaan qaban kan Oromoo waliin tokkuma. Lammiileen kun Lammiilee Oromiyaa jedhamu. Mootummaan Ce’umsaa kun mirga saboota kanaa kabachiisuufi hiree isaanii akka murteeffatanii mootummaa mataasaanii filatan waan taasisuuf, hojiirra oolmaa Mootummaa Ce’umsaa kana keessatti sabaafi sablammoonni kun waan hammatamaniif “Mootummaa Ce’umsaa Biyyoolessa Naannoo Oromiyaa” jedhame.



Ibsa Itti fufa iriira deeggarsaa MCBO fi Mormii gartuu bulchinsa PP ilaachisee kenname.

Ibsa Itti fufa iriira deeggarsaa MCBO fi Mormii gartuu bulchinsa PP ilaachisee kenname.

Qeerroo Bilisummaa Oromoo | Guraandhala 09, 2021

Uummatni biyyi isaa hin kabajamne kabajaa hin qabuuf jecha Oromoon qe’ee isaa kabajsiisuuf, irratti murteessuuf, nagaan bahee galuuf qabsoo hadhooftuu gaggeessaa ture; wareegama qaalii gootota kumaatama itti wareeges kaffale. Dhaabotni Oromoo qabsoo Oromoo kana galmaan gahuuf qabsoo Oromoo hoogganaa turan, ABO fi KFOn akkasumas Jaarmayaalee fi Waldaaleen Oromoo sabboonummaa uummatichaa cimsuun lammiileen Oromiyaa hiree isaanii ofiin akka murteeffataniif dammaqsan. Kana irraa ka’uun bara 2011 ALA/2003 ALHtti Jaarmayaan Qeerroo Bilisummaa Oromoo ifaan labsamee namuusaa fi qajeelfama ABO tiksuun qabsoo Oromoo ceesisuu itti fufe. Qabsoon Qeerroo Bilisummaa Oromoo barattoota Yuunivarsiitii, manneen barnootaa sadarkaa lammaffaa fi 1ffaa keessatti eegale artistoota Oromoo hirmaachisuun uummata Oromoo walii gala dhaqqabe. Uummatni Oromoos gamtaan dammaqee wareegama daa’imaa hanga maanguddoo, qarree fi qeerroon itti wareegame kaffaluun Wayyaanee waliin morma wal hudhe.

Kabajamaa Uummata Oromoo,

Reeffa firaa sagal galagalchuuf jecha qabsoo qeerroo fi qarreen Oromoo gaggeessaa turan dura wayyaanee, TPLF waliin wal qixa diina uummata keenyaa kan ture, OPDO (PP har’aa)tti imaanaan kenname. Imaanaan kenname ifaa fi safuu uummatichaa karaa eegeen Abbaan Gadaa alangee qabatee, haati Siinqees Siinqee fi Caaccuu qabattee ture. Imaanaan wareegama hadha’aa kaffallee lammiileen Oromiyaa nagaa, bilisummaa, walqixxummaa, fayyadamummaa wal qixaa akka argatan hooggantootaa fi miseensota PPtti kenname nyaatamuu irra darbee galagaltoo tahe. Kana irraa kan ka’es Oromoon yeroo kamiyyuu olitti salphifamee akka bineensaatti adamfamee ajjeeffama, hayyootni mana hidhaa keessatti ukkaamfaman, manni jireenyaa qotee bulaa gubata, shakkamaan seeraa manni murtii bilisa jedhe mana hidhaa keessaa baafamee ajjeefamee gatama, ilmaan Oromoo qaalii tahan kan akka Artist Haacaaluu Hundeessaa shiraa fi tika PPdhaan ajjeefaman.

Kabajamaa Qeerroo fi Qarree Oromoo,

Qeerroon Bilisummaa Oromoo kabajaa hayyootaa, maanguddootaa, waldaalee amantaa fi siivilii garaa garaaf jecha malee durumaa bulchinsi OPDO, PP kun gartuu nama nyaataa fi bartee TPLF tahuu sirnaan beeka. Imaanaan gootota Oromoo akka galmaan geessisan yoommuu isaanitti kennamu barii irraa shira akka eegalan itti dhiyeenyaanis beekna. Kanaafis, yeroo garaa garaatti ibsa baasaa turuun keenya ni yaadatama. PPn imaanaa dagachuu fi dagachuu irra darbuun inumaa ABO, KFO fi Qeerroo Bilisummaa Oromoo maxxantuu TPLF gochuun olola eegalte. Kanatti kan hin qaanofne hooggantootni PP kun WBO maqaa SHANEE jedhu moggaasuun ERGAMTUU WAYYAANEE jechuun duula ajjeechaa uummata Oromoo fi qabsoo Oromoo irratti labsan. ABO fi Hooggantoota ABO, bara jireenya isaanii guutuu uummata Oromoo fi qabsoo Oromoof jiraatan ABO SHANEE fi ERGAMTUU WAYYAANEE jechuun ifaan olola miidiyaa eegalan. Hooggantoota hedduus hidhan. Waajjira ABO fi KFO Oromiyaa keessaa guutuutti cufan. Ammas duula hamaa uummata Oromoo fi qabsoo Oromoo irratti xiyyeeffate gaggeessaa jiran. Kanaaf fakkeenyi guddaan yeroo dhihoo kana hiriira dirqii fi durgoon deeggarame, deeggarsa muummicha ministeeraa jedhani dha.

Kabajamoo Lammiilee Oromiyaa, Aktivistootaa fi firoottan Oromoo, “Takka na sobde ati itti qaana’i; lama na sobde ani ittan qaana’a.” jedhama. Wareegama uummatni Oromoo amma kaffalaa jiruuf dogoggora kan PP duwwaa goonee ilaaluun sirrii miti. Nutu dogoggore jechuu fi lammaffaa gowwoomfamuu hin qabnu jechuu kan qabu nuyi dha. Jijjiiramni siyaasaa dhiiga ilmaan Oromoon gaanfa Afrikaatti dhufe kan butame tarsiimoo irraa jallachuu keenyaani. Taarsiimoo hunda hammataa nu ceesisu, kan dhaabotni, hayyootni, miidiyaaleen itti amanan, addunyaa biratti fudhatamaa fi dhageettii qabu qabaachuun murteessaa dha. Hayyootni, dhaabotni Oromoo, ABO fi KFOn haala walii galaa xiinxaluun lammiileen Oromiyaa nagaan, bilisummaan, tasgabbiin akka jiraataniif fuulli hayyoota, aktivistoota, Qeerroo fi Qarree hundi gara Mootummaa Cehumsa Biyyoolessa Oromiyaa akka deebi’u labsanii jiran. Qabsoo Oromoon taasisu qabsoo dhalootaaf nagaa fiduuti. Ofii wareegamnee dhalootni itti aanu biyya isaa irratti murteessee aangomuuti. Kanaaf, amma gootummaan aarsaa taanee seenaa keessatti yaadatamuun kabaja.

PPn kisaaraa siyaasaa ishee mudatee fi qabsoo Oromoo dho’uuf bokoke sodaachuunii fi filannoo fakkeessaa barana gaggeessuuf jiru durumaan ololaan haala mijeessuuf hiriira deeggarsaa dirqii fi durgoo akkuma eegalteen koreen qindeessituu hiriiraa Mootummaa Cehumsa Biyyoolessa Oromiyaa Qeerroo Bilisummaa Oromoo, barattootaa fi uummata Oromoo waliin tahuun olola PPtti biyyoo naqee jira. Uummatni hunduu kana hubatee hiriirri kunis kan itti fufu tahuu baruun quuqama Oromummaa, lammiilee Oromiyaa, mirga namaa kan qabu kanneen armaan gadii kana sirnaan hubatee deeggarsa barbaachisu akka kennu waamicha goona.

A. Haala Hiriiraa:

1. Hiriirri eegale hanga MCBO mirkaneeffamutti hin dhaabbatu.

2. Hiriira keessatti arrabsoon saba biraa, amantaa biraa tuqu, alaabaa saba biraa gubuu hin jiraatu.

3. Qabeenyaa barbadeessuun dhorkaa dha.

4. Hiriira gaggeeffamu keessatti kabajaan saboota biroof, shamarraniif, maanguddootaaf qabnu agarsiisna.

B. Dhaadannoo dhageessifamu:

1. Mootummaan Cehumsa Biyyoolessa Oromiyaa nuuf haa mirkanaa’u

2. Hidhamtootni siyaasaa haalduree tokko malee haa hiikaman

3. Ajjeechaa, duulli Oromoo irratti maqaa shaneen gaggeeffamu haa dhaabbatu

4. Boordii filannoo haqaa malee maqaa hin barbaadnu

5. Waajjiraaleen ABO fi KFO haa banaman

6. Haqni Artist Haacaaluu Hundeessaa haa bahu

7. Sirni garboomsaa haa burkutaa’u,

Kanaaf
,Aktivistootni, miidiyaaleen, dhaabotnii fi waldaaleen alaa fi keessaa kana hubachuun hiriira deeggarsaa MCBO fi mormii gartuu PP, imaanaa gootota Oromoo kumaatamaan nu biraa wareegaman galmaan gahuu akka tumsu waamicha taasisna.

Injifannoo Lammiilee Oromiyaaf!

Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Guraandhala 9/2021

Finfinnee