Haleellaan Sudaan jabaateera, Daandiin Qilleensa Itoophiyaa balalii gara Kaabaatti dhaabe.

Haleellaan Sudaan Itoophiyaa Irratti Geessiftu Jaabaatee Lafa Dabalataa To’atte.
Oduu Ammee❗
Waraanni Sudaan magaalaa #Salaambar jedhamu guutummaa guutuutti barbadeessuun qabate. Waraanni ammas ittuma fufee deemaa kan jiru yoo tahu, Korhumerii(Xefere Warq) fi Abderaafii qabachuuf yeroo ammaa waraana gaggeessaa jira. Jiraattotni naannoo kanaa buqqa’anii baqachaa kan jiran yoo tahu, qabeenyaan midhaanii fi beeyladootni hedduun waraana Sudaaniin fudhatamanii jiru. Guyyaa har’as RIB fi milishaan dhibbaan lakkaa’aman ajjeefamanii jiru. Uummatni nagaan ajjeefamuu fi madaa’uunis baramee jira. Abiyyitt aduun dhiite.
Qeerroo Intelligence Group

———————————————————————————————————-
Daandiin qilleessa itoopiyaa sodaa nageenyaa keessa gale!
Humni waraanaa Sudaan Daandii qilleensaa Kaaba Itoophiyaa, Humaraa, Laalibalaa, Gondar fi Bahardaar xiyyeeffannoo misaayelaa jala galchuun barame. Waraanni Sudaan taarkaanfii kana kan fudhate ega Magaala #Abduraafii (Mi’iraab Armaahacoo) fi #Mantaa_Wuhaa jedhaman irratti loltoota Itoophiyaa 50 ajjeesee lafa haaraa bal’aa qabatee booda.
Weerarri Sudaan kun hammaataa waan dhufeef Humni qilleensa Itoophiyaa haleellaa jeettii geggeessuuf qophiirra jiras jedhameera. Sababaa kanaaf balaliin qilleensaa bakkoota olitti tuqaman kanatti adda cite.
Daandiin qilleensa Itoophiyaa garuu sababa haala qillesnsaatiin jedhus, haalli qillensaa yeroo Bonaa naannoo kanaa garuu hedduu mijataa dha.

Be the first to comment

Leave a Reply

Your email address will not be published.


*


This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.