IBIDDA HIN DHAAMNE DHAAMSUUF YAALUUN ITTIIN GUBACHUUDHA

Qixxeessaa Lammii | Gurraandhala 26, 2018

Warraaqsa TPLF xaanxifaa jiru dhaamsuuf carraaquun waramaxa itti cilaahan keessa of buusuudha. Tattaaffiin saroota TPLFn yeroo ammaa godhamaa jiramu TPLFn dhabama irraa kan hanbisu osoo hin taane soroota TPLFs dabalatee awwaala dhumaatti kan isaan geessu ta’uu beekuun barbaachisaadha. Kinniisa damma isaa irratti tuqanii hiddama irraa bilisa ta’uun hin danda’amu. Ummata Oromoo kan dheebuu bilisummaaf bara dheeraaf hurure gabrummaa jalatti
waarsuuf carraaquun ibidda giile irratti boba’aa raphuudhaan keessatti of darbuudha.

ABUT har’allee akkuma kalee of seehuudhaan saroottan isii ummata irratti bobbaaftee ficcisiisuun akka ibiddaan taphachaa jirtu waan hubatte hin fakkaattu. Dhumaatiin ummata Oromoo bara 27f mudate awwaala isiif boolla muummee hin qabne qopheessee jira. Harrootnii fi sarootni hordoftoota isiis galaana isaan nyaataa jiru kana waan argan hin fakkaatan. Hammeenyi guyyaa irraa guyyatti ummata bal’aa biyyattii keessumaa addatti ummata Oromoo irratti raawachaa jiran manaqoo keessaa bahuu hin dandeenye keessa akka isaan naqee jiru hin beekne.

Warraaqsi ummata cunqurfamaa takka dhoohe deebi’ee furmaata malee akka hin dhaamne osoo ni beekan ta’ee qaata harka ummatatti kennatu ute. Gamnooma yoo qabaatan ammas hiree xiqqoo kan bakka cinaa itti galan itti ilaallatan ni qabu. Osoo lafti itti hin dhihin bakka bulan laallatuun qaroomina daangaa hin qabne akka ta’e hubachuu dadhabuudhaan har’alee ummata kana itti fufnee bulchina jedhanii lafaan of maruun isaan hin barbaachisu. Ballaa halkaniin imalu ta’uu isaanii itti himamus dhagahuu dhabuun isaanii gara qilee jeefa hin qabnetti fiigaa jiraachuu isaanii namatti agarsiisa. Qaanqeen warraaqsaa qeerroo bilisummaa Oromoon Oromiyaa guutuu keessa facaafamte har’a ibidda holataa hin dhaamne taatee matoota TPLF mataa lafatti gadi deebisuu irratti argama.

Hawwii ummata bal’aa dura dhaabbachuun hawwii namoota hagoo guutuuf cecceehuu waraana TPLF galata irra gadoo dhuma hin qabne keessa of naquu akka ta’e dhugaa dirree jirudha. Ummata gadaahee xiiqahe dura dhaabbachuun ibidda dhaamsuu hin dandeenye dhaamsuuf yaaluu akka ta’e beekuu barbaachisa. Humna xiqqaadhaan humna guddaa injifachuun hamma yeroo muraasaaf kan hojjatu ta’ullee yeroo dheeraaf turuu akka hin dandeenye garuu fincilli karaa nagayaa bara 3f walitti fufiinsaan Oromiyaa guutuu keessatti qeerroo Oromoon eegalamee ummata Oromoo walii galaan geggeeffamaa turame ragaa qabatamaa ta’uu danda’ee jira.

Ajjeechaan jilmaadhaan ummata bal’aa irratti raawwatamu furmaata jireenya TPLF ta’uun hafee dhabama dhaaba kanaaf sababa guddaa ta’aa akka jiru dirre bahatti mul’atee jira. Kun ta’ee osoo jiruu jala deemtotni isiillee abjuu Wayyaanee waarsuuf qabdu irraa dammaquu qabu. Sochiin ummata Oromoon Oromiyaa keessatti dhoohe yeroo ammaa gara firii cululuqaatti tarkaanfachuuf yeroo gabaabatu hafeef. Injifatnoon dacha dhachaadhaan guyya guyyaadhaan galmaahaa jiru kun sirna bulchiinsa TPLFitti goolaba akka godhu ifa bahee jira.

Sabaa fi sab-lammootni impayera tana jala jiran cufti qaanqee warraaqsaa QEEERROO BILISUMMAA OROMOO ABOn hoogganamtu irraa qabsiifatanii guutuu biyyattii keessatti belbelchuu aansanii jiru. Waraabessa lafti itti bareete ta’uun asii achi wayyaanee fi buchulloota isiifis faaydaa akka hin qabne ifa ta’uu qaba. Waan halkan baleessu beekaa waraabessi guyyaa hin mul’atne akkuma jedhamu badii biyyattii guutuu irratti bara 27f raawwatan jalaa bahuuf karaa fuula hundaan itti cufame cabsuuf yaaluun asii achi gowwummaadha. Badii irraan badii biraa dabalaa deemuun ammoo tarkaanfii dhabama isaaniif haala aanjessuu fi jarjarsu akka ta’e beekuun nama hin dhibu.

Ummata sammuun bilisoome deebisanii gabroomsuuf tattaafatuun gaaza ofitti raphanii kibriita of irra buusuu akka ta’e kan hin beeknee fi hin hubatne TPLF qofa akka ta’e ragaan irratti bahee jira. Keessumaa tarkaanfiin suukaneessaan baqataa Oromoo mooraa baqataa Hammareessaa irratti raawwatame madaa bururuqe siinxaroon hurcuquu akka ta’e wallaalamuu hin qabu. Ummata sodaa du’aa moohee bilisummaa ykn du’a jedhe ajjeechaan hamilee cabsuuf yaaluun ibidda fe’atanii maatii isaanittiin galaa jiraachuu waan argan natti hin fakkaanne.

Oromiyaa irratti murteessaan Oromoodha malee eenyuu miti. Gargaarsa kan gaafatamu isa malee gargaarsa kan gaafatu eeganaa achi isa miti. Waan isaa irratti abbaa ta’ee ajajuu hamma hin danda’initti qabsoon finiinte itti fufti malee dhaamuu dhiisii qabbanaahuu hin dandeettu. TPLF fi maatiin isiis ballaa boordoo jalaa fuudhan taatee osoo jirtuu ija keessatti duute bobaasuuf yaaluun doofummaa hiriyyaa hin qabne qabaachuu isii namatti mul’isa. Ummattoota biyyattii walitti buusuudhaan bu’aan ammaan dura gidduu lamaanii argachuu turte cufti yeroo ammaa harkaa badee jira. Kufaatii isii amantee nagayaan fudhattee ummata keessaa galuun dhiiftee asii achi cecceehuun asii achi waan isii fayyadu tokkollee hin qabu.

Oromoon tokkoomuun ummattoota impayerattii jala jiran hundaa karaa ittiin tokkoomanii fi ittiin falmatan itti himee jira. Faaydaan tokkummaa maal akka ta’e dirre bahatti hawaasa addunyaafuu fakii gaarii ta’ee midiyaalee addunyaa maraan qilleensa irra oolaa jira. Aangawaan ol aanaan biyyootaa namoota hagoo osoo hin taane ummata bal’aa akka ta’es ummatni Oromoo ifatti mirkaneessee jira.

Diinotaa fi farreen qabsoo saba Oromoo cufti yeroo ammaa boolla seenan dhabanii raatawaa jiru. Armaa achi qaamni karaa kamuunuu saba Oromoo ni gabroomfadha jedhee abjotu yoo jiraate dhabama dandama hin qabne keessa seenaa akka jiru garanumaan beekuu isa barbaachisa. Gabroomfataan moofaa of irraa buusee gabroomfataa haaraya dugda ittiin baatu ummatni Oromoo asii achi hin qabu.

Dhugaa kana kittillayyootni Oromoo ofiin jedhan kan alagoota jala eegee mirmirsanis akka gaaritti hubatanii gochaa hammeenyaa akkasii kana irraa akka of qosatan yeroon itti gorfamanii fi qajeelfaman amma. Jijjiiramootni warraaqsa diddaa gabrummaa fi ficila xumura gabrummaatiin hanga ammaa argame akka laayyotti kan dhufe miti. Jijjiiramoota waregama lubbuu hedduu ilmaan Oromoon tuulamanii dhufan kana akka salphatti herreguu hin barbaachisu. Maqaan qabsoo karaa nagayaan geggeeffame jedhamee haa dubbatamu malee dhugaan jiru garuu akkasii miti. Kan jiru hidhaa baasisiisuuf lubbuu heddutu itti kafalame. Gara fuula duraas kafalamuuf jiraata. Dhukaasa sagalee hin qabneen dhukaasa sagalaa qabu injifatuun qabsoo boonsaa ta’ullee firii argame jabeeffachuun firii dhumaa gonfachuu bira gahuuf qabsoon hidhatnoo utubaa waan hundaa akka ta’e itti amanamuu qaba.

Gooftaan qawwee qawweedha. Nama qawwee hidhate qawwee hidhatanii of irraa dhoorguun badii miti. Badiin nama qawwee hin hidhatinitti qawwee hidhatanii itti duulanii fixuudha. Wayyaaneef garuu qawween nama fixuun badii osoo hin taane sirriidha. Namoota gochaa akkasii hojjataniif hedduu badhaafte. Ibdi illee ayyaana bara haarayaa sabaa fi sab-lammootaa irratti baga Oromoo nurraa fixxee nurraa gabaasiteen gooba kabjaa ol aanaa dirre bahatti bakka Lammaa Magarsaa dhaabbatee harka dhahaafii turetti mummicha ministeraa biyyattii Haylamaariyaam Dasaalenyiin badhaafame. Akkasuma ajajaoota waraanaa warra ummata Oromoo fixuu fi ficcisiisuu keessatti qooda ol aanaa bahatan persdeetii intaleshee biyyattii obbo Mulaatuun akka sadarkaa ol aanutti muudaman taasisuun waan dhihoo kana raawwatameedha. Gochaaleen bifa kanaa heddutu bara kana keessa ta’e. Kun hundi sammuu dhala Oromoo keessatti gadaannisa araara hin qabne kan yoomiyyuu hin fayyine ta’ee taa’ee jira.

Guutuu jige hin dhaqabanii kanuma jige ol qaban akkuma Oromoon mammaakee jedhu, diinotnii fi farreen QBO bifa walii galaatiin gochaa hamaa itti turanii fi itti jiran kana irraa of qosachuun ykn irraa dhaabbachuun hiree jireenya isaaniif karaa tolfachuu akka ta’e hubachuu ykn beekuu dadhabuun ibidda irratti boba’aa raphanii itti of darbuu akka ta’e beekuu qaba.

Qabsoon itti fufti!

Bilisummaan ni dhufti!

Qixxeessaa Lammii

Be the first to comment

Leave a Reply

Your email address will not be published.


*


This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.