Ibsa Ejjannoo Yaa’ii Gurmuu Hayyoota Oromoo 5ffaa

Ibsa Ejjannoo Yaa’ii Gurmuu Hayyoota Oromoo 5ffaa.

Adoolessa 17, 2021

Akkuma hubatamu, haalli siyaasaa naannoo Gaanfa Aafrikaa, addatti immoo impaayara Itoophiyaa keessatti saffisaan jijjiiramaa jira.  Haala kana keessatti adeemsa Qabsoo Bilisummaa Oromoo (QBO) keessa deebi’anii ilaaluun; qabsichi galma gahuu kan hanqateef rakkoo fi dadhabbiin turan maal akka tahan gadi fageenyaan xiinxaluun, akkasumas uummata Oromoo irratti maaltu dhufuuf akka jiru tilmaamuun barbaachisaa fi murteessaa dha. Akkasumas QBOn galma isaa akka gahu maaltu hojjetamuu akka qaban marihachuu fi Oromiyaan Walaboomte attamiin akka ijaaramtu eeruun dhimma belbeltuu qoratamuu qabuu dha. Kanaaf, yaa’iin mata dureen isaa Galma Qabsoo Bilisummaa Oromoo fi Carraa Oromiyaaf Haftejedhu Adoolessa 17 bara 2021 gaggeeffame.

Dhimmootni ijoo fi hangafa ta’an kan yaa’ii kana keessatti hayyootaan ibsamanii fi bal’inaan irratti mari’ataman qabxiilee armaan gadii ti:

  1. QBOn hanga hardhaa maaliif milkaahuu akka dadhabe;
  2. Qabsoon haqaa kun galma isaa akka gahu maaltu hojjetamuu akka qabu fi kana keessatti hojiin yeroo gabaabaa fi sagntaan yeroo dheeraa maal ta’uu akka qaban;
  3. Milkaa’uu Mootummaa Ce’umsaa Biyyoolessaa Oromiyaa (MCBO) dhihoo kana labsameef maal godhamuu akka qabu.

Nuti, hirmaattotni Yaa‘ii Gurmuu Hayyoota Oromoo (GHO) 5ffaa Seminaara kanarratti barumsa hayyootni Oromoo nuuf dhiheessan cinatti, marii bal’aa fi xiinxala yeroo  godhuudhaan erga hubannee wal hubachiisne booda ibsa ejjannoo armaan gadii sagalee tokkoon dabarsina.

A) Seenaa fi dhugaa lafarra jiru hubachuu fi wal hubachiisuu

  1. Itiyoophiyaan, Moototni Habashaa ummatoota naannoo Gaanfa Afrikaa ollaa Abisiiniyaa jiraatan weeraranii gabroomsuun kan uumamte, impaayera koloneeffataa ti. Ummatootni cunqurfaman, kan akka Oromoo, bilisummaa fi walabummaa sarbaman deebisaanii gonfachuuf waldhaansoo godhaniin, mootummoota imaayeraa kana yeroo 3 kuffisanus, sirnicha hundeerraa buqqisuu hanqachuu irraan kan ka‘e, giti-bittuu impaayara kanaa bifa biroon wal ijaaree deebisee angoo dhuunfatuun, isa duraa irra caalaatti gita shororkeessaa fi saaminsaa tahee uummata gidirsaa hardha gaheera.

Kanaafuu, Impaayarri tun akka jirtu kanatti ittifufuun ishii saboota, sablammoota fi uummattootaaf balaa guddaa waan taatuuf, sirni ishii kun hundeedhaan yoo buqqa’e malee nagaa waaraan jiraachuu akka hin dandeenye amanna.

  1. Impaayerri kun sirna Habashootaa irratti kan ijaarame; afaan, aadaa fi eenyummaa saboota biroo dhabamsiisee kanneen Habashaa dagaagsuuf; akkasumas olaantummaa saba tokkoo ijaaruuf kan carraaqaa ture yoo tahu, humni hardha aangoo mootummaa dhuunfatee jirus kaayoodhuma kana mirkaneessuuf hojjechaa jira. Kanaafuu humni kuni fi deeggartootni isaa diina sabootaa fi sablammootaa, addatti immoo diina saba Oromoo waan ta’eef, humni kuni diigamu malee nagaan jiraachuu akka hin dandeenye amanna.
  2. Impaayara tana diimookraatessuuf yoo xinnaate yeroo lamaa sadi yaaliin godhamee jira. Haa ta’u malee, Impaayara suphuu fi diimookraatessuun projaktii hin milkoofne waan ta’eef, yaaliin kun yeroo xumuraatiif fashalee jira. Kana booda yaalii haaraa godhuun gonkumaa waan hin danda’amneef, qabsoo bilisummaa fi haqaa kallattiidhaan gara hiree ofii murteeffannaa sabootaa, sablammootaa fi uummattootaatti adeemsisuu qofaatu fala fi furmaata xumuraa ta’a jennee amanna. Qabsoon Bilisummaa Oromoos qaamuma qabsoo haqaa kana waan ta’eef, galmi isaas abbaa-biyyummaa Oromoo mirkaneessuu akka ta’u guutumaa guutuutti amanna.
  3. Lolli ykn waraanni Tigraayi irratti Sadaasa bara 2020 labsame fi dhihoo kana humna ittisaa Tigraayi (TDF) fi gargaarsa uummata isaaniitiin injifatame kun dura kan calqabe Oromiyaa kessatti dha. Bara 2018 eegalee Oromiyaan waraana keessa jirti. Akkuma yaadatamu, giti-bittuu Impaayara kanaa bifa biroon wal ijaaree deebisee angoo dhuunfate kun, yoo lola Tigraayi injifanne kan biraa salphaa dha garbuu dhas jedhanii dhaadachaa turan. Oromummaan haa barbadaahu, Toophiyaan haa dursu jechaa turan. Kana jechuun isaanii Oromiyaa fi Oromoon haa dhabaman akka jedhaa jiran Oromoon hunduu hubachuu qaba. Ammas taanan, Tigraayi keessatti injfatamanii salphatanii bahanis, kaayyoon duraan qaban sana irraa hin maqne. Humnoota harcaatuu injifatamtee Tigraay irraa as deebite fi humnoota Eertiraa dabalatanii bifa haaraadhaan Oromiyaa irratti lola bananii jiru. Kanaaf, WBOn ayinaa fi baayyinaan cimee, humna Oromiyaa fi Oromoo irratti bobba’e kana injifannoon akka irra aanuuf uummati Oromoo keessaa fi alaan bira dhaabbatee akka Humna Ittisaa Biyyoolessaa Oromiyaa – Oromia National Defence Force – tahuuf, WBO cimsuun dirqama Oromummaa ti jennee amanna.

B) Jaarmayoota Bilisummaa Oromoo fi MCBO

  1. Jaarmayootni walaba ta’anii qabsoo bilisummaa Oromootiif hojjetan fi kan uummatni Oromoo abdii irraa qabu ABO fi KFO qofaa ta’uun diinaafis ta’ee firaaf ifa ta’ee jira. Kanaaf, hoggantootni, miseensotni fi deeggartootni jaarmayaa kanaa kumaatamaan lakkaawaman mana hidhaatti guuramanii; jaarmayootni gurguddoon lamaan kunis filmaata sobaa kan duraanuu ittibahinsi isaa beekamu keessaa dhiibamanii bahan. Jaarmayoota kana karaa danda’amuun gargaaruu fi bira dhaabbachuun dirqama Oromummaa ti jennee amanna.

MCBO illee akka tarsiimoo walootti kan qophaawe fi labsames jaarmayootuma gurguddoo lamaan kanaani dha. Kanaafuu, MCBO labsame kun lafa irratti akka hojiitti jiijjiramuu fi milkaa’u, Oromoon Oromummaa fi Oromiyaatti amanu kamuu waan irraa eegamu godhuun dirqama lammummaa Oromiyaa ti jennee amanna. MCBOn Oromummaa fi Oromiyaa badiirraa waan oolchuuf, milkaawuu isaatiif hojjechuun dirqama yeroon gaafatuu dha.

C) Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO)

  1. Jaalatamus jibbamus, amanamus dhiisus, qabsoon karaa nagaa balballi isaa cufamee jira. Hidhamaa, dararamaa fi ajjeefamaa karaa nagaatiin qabsaa’uun hiikaa hin qabu. Impaayarumti Itoophiyaatuu kan ijaaramte qawweedhaan waan ta’eef; karaa nagaatii furmaata waloo argachuunis biyyattii tana keessatti aadaa waan hin taaneef, filannoon jiru tokkoof tokko qofaa dha. Innis, hidhatanii humna ofii cimsanii diina ofirraa ittisuu fi abbaabiyyummaa ofii mirkaneessuu dha. Humni Oromoo amma hidhatee ykn hidhachaa jiru fi bilisummaa oromootiif loluu bira dabree humna ittisaa Oromiyaa egeree ta’uu kan danda’u WBO qofaa dha. Kanaaf, WBO karaa danda’amu hundaan jabeessuun Oromummaa fi Oromiyaa badiirraa oolchuu dha jennee amanna. Nutis karaa dandeenyu hundaan WBO bira ni dhaabbanna.

 D) Galma Qabsoo Bilisummaa Oromoo

  1. Akkuma seenaan addunyaa kana ragaa ta’u, Impaayarri diimookraatoftee walqixxummaa sabootaa fi uummattootaa mirkaneessite hin jirtu. Impaayarri Itoophiyaa immoo amalli ishiituu impaayaroota biroorraa adda waan ta’eef; giti-bittuu biyyattii qawweetti kan amanu, rakkoo siyaasaa karaa nagaa hiikuuf aadaa kan hin beekne waan ta’eef, kana booda ishii diimookraatessanii, keessatti mirgi sabootaa, sab-lammootaa fi uummattootaa ni kabajama jechuun abjuu dha.

Yaaliin kun ijibbaatamee jira. Filannoon kana boodaa sirna Impaayarattii diiganii awwaalcha isaa irratti mirga hiree murteeffannaa sabootaa mirkaneessuu dha. QBOnis qabsoo hiree ofii ofiif murteeffannaa waan ta’eef, galmi isaas abbaa-biyyummaa Oromoo mirkaneessuu qofaa dha. Abbaa-biyyummaan Oromiyaa kan mirkanaa’u immoo Oromiyaan walaba taate yoo ijaaramte qofaa dha jennee guutumaa guutuutti amanna.

E) Qabxiilee ijoo fi furtuu ta’an kan jaarsummaaf hin dhihaanne

Qabxiilee ijoo fi furtuu ta’an kan jaarsummaaf hin dhihaanne akka cuunfaatti ifa godhuu barbaadna. Kaayyoon QBO, mirgoota  jaarsummaaf hin dhihaanne armaan gadii kana dhugoomsuufi dha:

  1. Uummatni Oromoo akka uummata kamuu cunqursaa fi saaminsa halagaa irraa bilisa tahuun mirga umamaan qabu dha. Kanaafuu, abbaa-biyyummaa isaa mirkaneessuun, kan yeroon hin kennamneef, mirga guutuu uummata/saba kanaa ti.
  2. Bilisummaan Sabaa fi birmadummaan nam-tokkee mirga bu’uraa waan tahaniif hin daangeffaman. Abbaa-biyyummaa Oromoo mirkaneessuun jechuunis isaan kana daangessuu miti.
  3. Ummatni Oromoon, hundee eenyummaa isaa kan tahan biyya Oromiyaa, afaan, seenaa, aadaa fi duudhaa tokko kan qabu saba tokko dha. Oromiyaa fi Ummatni Oromoo addaan hin hiraman. Eenyummaa isaas kan kennuufis ta’ee kan irraa fudhatu hin jiru.
  4. Finfinneen handhuura Oromiyaa qofaa osoo hin taane, seenaadhaanis ta’ee seeraa fi heeraan qaama Oromiyaa ti.
  5. Oromiyaa irratti Abbaa-biyyummaan uummata Oromoo gaaffii keessa hin galu. Oromiyaa fi qabeenya uumamaa biyya isaa irratti uummata Oromoo malee eenyu iyyuu ajajuus ta’ee murteessuu hin danda‘u.
  6. Uummati Oromoo, aadaa fi safuu isaa irratti hundaawee sirna fedheen of bulchuun mirga isaa ti.

Xumura

Uummatni Oromoo, erga bara sirna kolonii jala galee eegalee hanga ammaatti, kan inni sirna boodatti hafaa nafxanyaa jalatti gidiraa argaa, qabeenyi isaa saamamaa turee fi jiru, diinni humnaan isa caalee osoo hin taanee, Oromoo dammaqinsa hin qabnee fi kanneen dantaa harcaatuudhaan alagaaf bitamanii, sirna diinaa Oromoo irratti fe’anii tiksan waan jiraniifi dha. Uummatni Oromoo cunqursaa fi hiraasa Impaayera Itoophiyaa of irraa buqqisee abbaa-biyyummaa isaa hanga hin deebifannetti, warreen sirna alagaaf bulan hundi alagaaf humna tahuun uummata isaanii gabrumaatti hambisuu malee, ofiifis gad-antummaa jalaa bahanii qixxummaatti ilaalamanii akka hin beekne seenaan isaanii hundi ragaa dha. Itoophiyaan impaayera dha; impaayerri ammoo dimokraatahuu wanna hin dandeenyeef, yaalii irra deddeebbiin fashale kana kanneen ammas yaalaa jirtan, dhaabbattanii akka of irra ilaaltan isin yaadachiisna. Ilmaan Oromoo biyya isaanii irratti kabaja kan argatan, galma tokkittiifi, – sunis  abbaa-biyyummaa Oromoo deebisanii mirkaneessuf – akka qaama tokkotti yoo waliin hiriirre qofaa dha. Kanaaf, ilmaan Oromoo hundi kaayyoo kana fiixaan baasuuf akka waliin hiriirru waamicha dhiheessina.

Oromootni beekaniis ta‘u osoo hin beekin diina saba isaanii tajaajilaa fi uummata isaanii miidhaa jiraniif, hegeree saba isaanii irratti akka badii hojjetaa jiran baranii qabsoo ummata isaaniitti deebi’anii wallaansoo bilisummaaf godhamaa jiru akka tumsan waamicha goonaaf.

Injifannoo Uummata Oromoof!

Yaa’ii GHO 5ffaa

Adoolessa 17, bara 2021

Be the first to comment

Leave a Reply

Your email address will not be published.


*


This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.