Impaayara diigamaa jirtu tana keessatti Oromoon maal godhuu qaba?

Impaayara diigamaa jirtu tana keessatti Oromoon maal godhuu qaba?

Berhanu Hundee, Caamsaa 31, 2021

 

Impaayara diigamaa

Haalli impaayara Itoophiyaa fi naannoo gaanfa Aafrikaa saffisaan jijjiiramaa waan jiru fakkaata. Jijjiiramni dhufuuf jiru kun immoo impaayara Itoophiyaa qofaa osoo hin taane Aafrikaa bahaa keessattillee jijjiirama bu’uraa fiduun isaa waan hin oolle ta’a jechuu dha. Jijjiirama dorrobee jiru fi balaa guddaa baatee as deemaa jiru kanaaf Oromoon ofqopheessuu fi ittiqophaa’uun dirqama seenaa ta’a. Kanaaf, yaadolee tokko tokko waliif qooduun barbaachisaa ta’ee waan natti mul’ateef, barreeffama gabaabaa kana dhiheessa.

Seensa

Humnootni sirna Nafxanyootaa deebisanii ijaaruu barbaadan, oftuulummaa fi tuffii isaan humnoota biroorraa qabanirraa kan madde, numa qofaatu biyyattii tana badiirraa oolchuu danda’a jedhanii bookkisaa jiru. Dhugaan lafarratti mul’achaa jiru garuu, diigumsa impaayara tanaatiif isaanumatu haala mijeessaa ture, ammas ittijiru. Abbaan irree tokko hanga kufee lafatti ofargutti humni kamuu waan isa injifatu itti hin fakkaatu. Gorsas ta’ee akeekkachiisa hin fudhatu. Hanga karaan inni irra deemaa iru fuudhee hallayyaatti isa gatutti isuma kanarra deema. Mootummoota Habashootaa dhufaa dabran keessatti amalli abbaa irrootaa hunduu walfakkaataa dha. Amala badaa kanaan bu’aa isaan argamsiisan hin jiru. Ofiifis dhabamanii biyyattiis daaraa godhanii asiin gahanii jiru. Abbaa irrootni ammaa kun garuu jiraachuu impaayarattii tanaatuu gaafii keessa galchanii jiru.

Impaayarri Itoophiyaa tun dhiiga sabootaa, sab-lammootaa fi uummattootaa dhangalaastee; lafee isaanii caccabsitee; qabeenya isaanii kaan saamtee kaan barbadeessitee; eenyummaa isaanii balleessitee, olaantummaa saba tokkoo mirkaneessuuf humnaan ijaaramte. Wanti fedhii fi jaalala irratti hundaa’ee hin ijaaramne, diigamuun salphaa dha. Wanti humnaan walitti qabames addaan bittinnaa’uun hin oolu. Oromoon akka sabaattis ta’ee akka uummataatti, ijaaramuu impaayara tanaa keessatti wareegama guddaa kaffale; jiraachisuu biyyattii tanaa keessattis gahee olaanaa taphachaa as gahe. Osoo tuffatamuu; osoo arrabsamuu fi salphatuu; osoo hidhamuu, osoo ajjeefamuu, osoo biyyi kun kan keetii mitti asii deemi jedhamuu; kana hundaa fudhatee garuu ilmaan isaa ittgabbaruudhaan impaayarattii tanas tiksee asiin gahe. Garuu maaliif jedhee ofgaafatee beekaa??

Qabsoo hadhooftuu sabootni, sab-lammootni fi uummattootni cunqurfamoon godhaniin impaayara tana keessatti yoo xinnaate yeroo sadiif jijjiiramni dhufus, jijjiiramni kun humnoota birootiin butame. Jijjiiramootni bara 1974, 1991 fi 2018 fakkeenyota gurguddoo dha. Kan ittiwareegame keessaa dhiibameeti, kan taa’ee laalaa ture abbaa injifannoo itti ta’e. Egaa kana keessatti Oromoon carraa sadi dhabe jechuu dha. Gaafii guddaan amma ka’u garuu jijjiirama dhufuuf jiru isa afraffaa kana keessattis carraan nu dabruuf jiraa laata? Oromoon ofgaafachuu fi walis gaafachuu qaba. Ani akka ilma Oromoo tokkootti wantootni na yaaddessan baay’eetu jiru. Haala amma uumamuu malu fi carraa inni qabuuf Oromoon waan ittiqophaa’e fi ofqopheesse natti hin fakkaatu. Armaan gaditti rakkoolee jiranii fi waan furmaata ta’uu danda’an tokko tokko kaasuun yaala.

Rakkoolee mooraa Oromoo keessa jiran

Rakkooleen mooraa Oromoo keessa jiran, akkuma bal’ina lafa Oromiyaa fi baay’ina uummata keenyaa waan ta’aniif, hunda isaaniituu tarreessuu fi ibsuun mataan isaatuu qorannoo guddaa barbaada. Kanaafuu, barreeffama kana keessatti rokkoolee gurgoddoo ta’an tokko tokko gaggabaabsee ibsuun yaala.

Rakkoo tokkoffaa: Wanti yeroo baay’ee irra deddeebi’amee dubbatamaa ture fi ammas jiru, Qabsoon Bilisummaa Oromoo (QBO)n galii barbaadame gahuu wanti hanqateef, kaayyoo gurguddoo lama kan wal faallessan waan jiraniifi. Isaanis Oromiyaa walaboomsuu fi Itoophiyaa diimookraatessuu dha. Haa ta’u malee, akkuma baddaatti Seensa keessatti tuttuqame, haala impaayarri tun ittiin ijaaramtee fi keessa jirtu yoo laalle fi hubanne, biyyattii tana diimookraatessanii as keessatti gaafiin Oromoo deebii ni argata jechuun abjuu dha jedheen amana. Projaktii hin milkoofnee dha. Hanga dhugaan kun habatamee rakkoon isa kana wajjin walqabtu hin hiikamnetti burjaajii fi afaanfaajjiin ittuma fufa jechuu dha. Burjaajiin jiraachuun immoo waa hundaaf nu saaxila. Namootni akka ejjannoo tokko hin qabne taasisa.

Rakkoo lammaffaa: Rakkoon inni kun, ayyaan-laallattummaa dha. Ayyaan-laallattummaan mataan isaatuu gufuu qofaa osoo hin taane diina qabsoo kanaa ti. Beektotas ta’ee hayyootni Oromoo tokko tokko, fedhii biyyolessaa Oromoo (Oromo National Interest) dhiisanii, fedhii dhuunfaatiif dursa kennuu. Miidiyaarratti bahanii haasa’uudhaan beekamtii argachuuf carraaquu malee, barumsa, beekumsa fi dandeettii qabaanitti fayyadamanii tokkummaa uummata keenyaa cimsuu fi galii qabsoo kanaarratt xiyyeeffatanii gahee taphachuun isaanii hin mul’atu. Kun baay’ee nama gaddisiisa. Barumsi, beekumsi fi dandeettiin uummata/saba ofiitiif hin oolle hiikaan isaa maali???

Rakkoo sadaffaa: Rakkoo cimaa innii sadaffaan kaayyoo fi galii waloo ifa ta’e tokkoo fi karoora karaa isaan kun ittin mirkanaa’an (Road Map) kan waloo qabaachuu dhabuu dha. Rakkoon kun rakkoolee lamaan baddaatti tuqamaniirraa madda. Asirratti, seenaa saba Oromoo fi barbaachisummaa QBO irrattuu waliigalteen waan jiru hin fakkaatu. Osoo kanarratti waliigalteen jiraate, waliin mormuu fi walsakaaluunuu hin jiraatu ture jechuu dha. Gaafiin Oromoo gaafii koloneeffatamuu ta’uu isaatuu warri shakkanii fi isa kanaan morman har’allee hedduu dha. Oromoon akka Habashootaan koloneffatame waan seenaan ragaa ta’u malee asoosamaa miti. Kana hubachuu dadhabuun rakkoo cimaa ta’a. Ka’umsi QBO dhugaa fi seenaa kanarratti hundaa’ee waan ta’eef, dhugaa kana fudhachuu dhiisuun ykn diduun qabsoo kanatti amanuu dhabuu ta’a.

Rakkoo afraffaa: Rakkoo inni afraffaan kun amantii fi akkasumsa fuudhaa fi heerumsaan walqabata. Asirratti wanti hubatamuu qabu, namni kamiiyyuu amantii fedhe hordofuu fi nama jaalate kamuu fuudhuu fi ittiheerumuuf mirga namoomaa qaba. Haa ta’u malee, waayeen amantii, fuudhaa fi heerumsaa kun uummata Oromoo jidduutti rakkoolee ciccimoo akka uuman amanuun barbaachisaa dha. Hadhaa’us dhugaa kana liqimsuu feesisa. Jaalatamus jibbamus, fudhatamus dhiisus, Oromoonni Habashoota wajjin walfuudhanii fi akkasumas amantii Ortodoxii hordofan QBO gara maleedhaan hubatu. Hiikaa biraa itti kennu; sababa kanaan kallattiidhaanis ta’ee al-kallattiidhaan qabsoo kanatti gufuu ta’aa jiru jechuu dha. Akka hubannoo kiyyaatti dhugaa ibsuuf malee ani amantii fi namoota kanarratti olola oofuufii miti. Haa ta’u malee, amanitin Ortodoxii hangam sirna Nafxanyootaa keessatti gahee furtuu ta’e akka taphachaa ture fi ammas jiru haaluun hin danda’amu.

Yaada furmaataa

Rakkoon Oromoo keessumaayyuu rakkooleen mooraa QBO keessa jira akka heerrgaa kan fuurmulaadhaan furamanii miti. Hedduu baay’ee fi walxaxaa dha. Kanaaf, furmaatni rakkoolee keenyaa isa kana ykn sana jedhanii lafa kaa’uun hedduu nama rakkisa. Haa ta’u malee, seenaa saba Oromoo fi haala yeroo irratti hundoofnee yoo laalle; akksumas kan dabrerraa barachuudhaan karaan kana booda nu baasu kana jennee kan amannu yoo ta’e, waa gurguddoo lamatti xiyyeeffachuu dha.

Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO)

Oromummaa fi Oromiyaa badiirraa oolchuuf, furmaatni inni hangafti WBO karaa danda’amu hundaan gargaaruu, jabeessuu fi cimsuu dha. Humna ittisaa biyyoolessaa qabaachuu fi isa kanas karaa danda’amu hundaan gargaaruu fi jabeessuun filannoo osoo hin taane dirqama ta’ee jira. Humni ittisaan biyyolessaa Oromoo (Oromo National Defense Force – ONDF) immoo mamii fi shakkii tokko malee WBO dha. Kana booda amanamus amanamuu baatus wabiin saba Oromoo WBO qofaa dha jedheen amana. Warri har’allee qabsoon hidhannoo sirrii miti jedhanii moman, haala jiru hubatanii irra deebi’anii laaluu fi ofgaafachuu qabu. WOBn lolee lafa qabatee Oromoo bilisoomsuu hin danda’u jedhanii warri yaadanis, kun ofitti amanummaa dhabuu waan ta’eef, shakkii akkanaa uumuurra WBO gargaaruutti fuula deeffachuu qabu. Karaan biraa yaalamee fi ijibbaatamee akka dadhabames hubachuu qabu.

Mootummaa Ce’umsaa Biyyolessaa Oromoo (MCBO)

Akka ilaalcha fi hubannoo kiyyaatitti, MCBOn karoora karaa biyyolessaa Oromiyaa (Oromia National Road Map) lafa kaa’uuf qofaa osoo hin taane, mootummaa ce’umsaa caasaadhaan ijaaramu waan ta’uuf, rakkoolee Oromiyaa keessatti hidda baasanii jiraniif duwwaa osoo hin taane, sabootaa fi sab-lammoota birootiifillee daandii gaarii fi haqaa kan agarsiisu waan ta’uuf akka furmaata ijootti laalamuu qaba. MCBO ijaaruun akka haala amma impaayara tana keessa jirutti waan hin danda’amne fi hin milkoofne fakkaachuu mala. Haa ta’u malee, jijjiiramoota biyyattii tana keessatti mul’achaa turan ofduuba garagallee yoo laalle fi carraalee nu dabranis yoo yaadanne, dogongorri akkasii lammata akka hin hojjetamneef MCBO ijaaruun waan yeroon gaafattuu dha.

Asirratti wanti hubatamuu qabu, WBO fi MCBO adda bahanii hin ilaalaman. Milkaa’uu MCBOtiif cimuun WBO murteessaa dha. Akkuma baddaatti tuqame, WBOn uummata Oromoo bilisoomsuu fi Oromiyaa walaboomsuuf qofaa kan loluu miti. Bilisummaa fi walabummaa boodallee humna ittisaa biyyoolessaa Oromiyaa (Oromia National Defense Force) ta’a. MCBOn akka milkaa’u WBO jabeessuun dirqama ta’a. Lamaanuu Oromoo, Oromiyaa fi Oromummaa badiirraa oolchuuf furtuu dha. Kanaafuu uummatni Oromoo akka waliigalaatti, beektotni fi hayyootni Oromoo immoo addatti karaa danda’amu hundaan jabina WBO fi ijaarsa MCBO irratti hirmaachuun dirqama Oromummaa ti.

Hanga dhimma biraatiin walitti deebinutti nagaatti

Injifannoon Uummata Oromoof!

1 Comment

  1. Dubbii ciccimoo kan oromoon hundi hubatee irratti hojjechuu qabuu fiyeroodhaan sirreefamuu qabudha. Kan walii galetu alaa gala jechuun kan akkasiiti. Gltm

Leave a Reply to Tadesse Lammessa Cancel reply

Your email address will not be published.


*


This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.