Injifannoo WBO tii fi Humni Addaa Oromiyaa Afaaritti TPLFn Booji’amu

Injifannoo WBO tii fi Humni Addaa Oromiyaa Afaaritti TPLFn Booji’amu









*** Naannoo Somaalee keessatti walitti bu’iinsa dhalateen uummati nagaan dhibbootaan lakkaa’aman ajjeefaman.***

Keelloo: Adooleessa 27,2021

Daangaa naannoo Somaalee fi naannoo Affaar gidduutti meesha maleeyyiin dhibbootaan lakkaa’aman Sanbata darbe jechuun Adooleessa 24,2021 ajjeefamuu isaanii dubbi himaa naannoo Somaalee Alii Bedel irraa qulqulleeffachuu Rooyitersi gabaase.

Lolli kun daangaa Somaalee fi Affaar gidduu bakkoota maqaan isaanii Gadamaayituu fi Gabrayisaa jedhaman keessatti ajjeechaan jumulaa kun raawwachuun ibsame

Qaamoleen mootummaa Itoophiyaa naannichaa ajjeechaa kanaaf gadda itti dhagaa’ame ibsachuun gadda ulfaataa jechuun miidiyaaleef yaada kennus maddi odeeffannoo keenya Rooyitarsi ibseera.

Kaaba Itoophiyaa naannoowwan hedduun lola keessummeessaa kan jiran yoo ta’u, lolli daranuu gama Tigiraayiin kan eegale babal’ataa dhufuun naannoo Amaaraaf naannoo Affaar, akkasuma naannoo Somaalee keessatti illee lolli keessoo qaamolee Impaayera Itoophiyaa gidduu babal’ataa dhufeera.

Lola kanaan qisaasama lubbuuf qabeenyaa tilmaamaan hedduu ta’an mancaafamaniiru. Namooti miliyoonaan lakkaa’aman qe’ee isaanii dhabanii ammallee godaansaaf uummatni saaxilamaa jira.

Odeessa amma bahaa jiruun naannoo Amaaraa keessaa uummatni hanga biyya ollaa gara Sudaanitti baqataa akka jiru eerama. Lola kanaaf ammallee gama isaan mootummaan federaalaa miiraaf abdii injifannoo jedhuun guutamuun uummata dila gara waraanaatti oofaa kan jiru, Oromiyaa kutaalee addaa addaa irraa dargaggootni kumootaan lakkaa’aman gara leenjii waraanaatti deemaa jiraachuu gabaafama torban kana.

Be the first to comment

Leave a Reply

Your email address will not be published.


*


This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.