Kaaba Oromiyaa Walloo keessatti waa fudhachuutu jira

Kaaba Oromiyaa Walloo keessatti waa fudhachuutu jira


Kaaba Oromiyaa Walloo keessatti waa fudhachuutu jira ykn galmee miidhaan kennamutu jira jechuun uummata harka qaleessa ykn yeetima waamanii kaardii filannoo itti hiraa jiru. Kan baayyee hamilee nama cabsu immoo uumnatni hongeef balaa hawaannisaan miidhame dhuguma mootummaan miidhaan nyaataa nuuf kenna jechuun maanguddoof jaartii soomanaan sossobanii kaardii filannoo dharaa itti hiraa jiru.uummatni Oromoo Walloo lolee diina isaa mo’achuuf gootummaa jabaaf madaalli hin qabne qabaatuus siyaasaaf hubannoo siyaasaa ga’aa waan hin qabneef mirgaaf dirqama isaa hin beeku. Eenyu akka si lolaa jiru yoo beekte eenyuun akka filattus ni beekta. Akkuma baroota heedduuf jechaa turre rakkoon Oromoo Walloo sakaalaa tureef sakaalaa jiru inni guddaan dubbii gosaati. Qaamni kamuu dubbii kana hubachuun yoo irratti hojjeteef egereen saba kanaa bara baraan maqaa seeftineetiin sossobamee hirmii diina isaa hin nyaatu. Waanti Oromoo Walloo gidirsaa jiru inni guddaan rakkoo gosummaati. Dhalootni akka koo sooshaal midiyaas tahe wantoota hubannoo uumu argannee dubbifnuu fi hubannoo qabnu rakkoo kana cabsuun dirqama keenya. Fkn gosa tokko keessaa hattuun tokkoof basasstuun tokko waajjira mootummaa galtee yoo aangoo qabatteef gosni sun guutummaatti gantuu sana jala hiriiree gosa kootu aangoo of harkaa qaba jedha. Namni maqaa gosaan dhaadattee basaasuummaaf gurra guddattu sunis biyya kooo ykn gosa koo jettee addatti bu’aa isheen uummata ishee Walloof buuste tokkollee hin jiru. Osoo isheen maqaa aangoo ishee eeggachuug Oromoo Walloo saba amantii tokko qabuuf duudhaa tokko qabu addaan hirtee Amaara jala gugguuftuu uummatni Oromoo Walloo qe’ee isaa irratti diinaan waadamaa fi jinaasaan isaa illee koonnoo ykn waraabessaan nyaatamuu ijaan argaa guddanne. Rakkoon qeerroof qarree Oromoo Walloo warri na fakkaataniis gosummaa kana keessaa uummata isaanii baasuuf addatti tattaafiin taasisaan hin jiru. Keesumatti immoo wanti gaaffii tahe bara baraan onnee koo na cabsu uummata kanaan kottaa godee ykn seeftineetii fudhaa jechuun gowwoomsanii boollatti oofaatu hamilee na cabsa. .uummatni kun Amaaraan bara baraan ajjeefamaa fi daandiif bishaan ga’aa akkasumas manneen barnootaa keessatti baratuu illee dhabee baayyeen isaa seenaaf duudhaa eenyummaasaa dagatee sadacha Waliif moggaasee osoo akka diinaatti Wal ilaaluu gadheef saree aangoo Amaaraa tiksuuf akkasumas ergamtuu Amaaraa taasistee uummata kana hambisuu barbaadduun yeroo inni maqaa filannoon gowwoomfamu arguu caalaa wanti nama leeyyaasisu hin jiru. Walumaa galatti uummatni Oromoo Walloo filannoo bitsiginnaa kana irraa ammatti kan inni argatu yoo jiraate kanneen armaan gadii kana qofa. Innis

  1. Bara baraan kadhattuu ta’ee maqaa seeftineetii fi godeen harka Amaaraa eeguu
  2. Walloon nama malee lafa nurraa hin qabu Wallaggatti haa galu jedhamee bara baraan Amaaraan ajjeefamuu
  3. Beelaaf dukkana
  4. Daandii konkolaataa dhabee rakkachuu
  5. mana barumsaa mijataa dhabuu
  6. Oliin Amaraan gadiin Affariin ajjeefamuu
  7. Bishaan ga’aa dhabee bara baraan dubartiin isaa dugdatti akka harree bishaan guuruu
  8. Hospitaalaaf buufata fayyaa ga’aa dhabee bara baraan daandii irratti qalamu
  9. Kolleejjii beekamaa fi yuunversitii dhabee rarra’ee jireenyasaa itti fufuu
  10. lafni isaa saamamaa fi abbaa qabeenyaa Amaaraan qabatamee fi iddoon dheedicha loonii irraa fudhatamee loon isaa harkatti dhumuu fkn iddoo dheedichaa caancoo, wal addee,fi kkk fa’a.

Gabaabummatti filannoo kanaan Oromoo Walloo kan mudatu rakkoo isa durii caalaa jabaatuudha. Kana jechuun pp’n filannoo kana yoo injifatteef carraan Oromoo guutuu Oromiyaa balaa hamtuuf kan saaxilu yoo, kan Oromoo Walloo immoo baayyee yaaddeessaa fi fokkisaadha. Yeroon akkas jedhu karoorri mootummaa naannoo Amaaraa inni guddaan Oromoo Walloo dhabasiisuudhaan karoora heedduu baasaa tureera. Carraa kanatti fayyadamees pp’n uummata Oromoo gandoota heedduu naannoo Affaritti kutuuf kora waltajjii inni bara 2019 magaalaa kombolchaa fi Bahir Daaritti dhalattootaaf kaabinoota naannoo Affar waliin mootummaan naannoo Amaaraa taasise ragaa tokkoodha. Kanaafuu qeeroof qarreen Oromoo Walloo akkasumas uummatni Oromoo Walloo uummatni keenya filannoo dharaa fi filannoo sabdaneessaa federeeshinii diigu kana filachuu osoo hin taane iddoo buufata filannoo ishee kana wal gurmeessuun akka diiguu fi basaastoota maqaa koree filannoo filachiiftuu jedhuun isa keessa sosso’aa jirtu irratti tarkaanfii barbaachiisaa akka fudhatu waamicha dabarsina!!

Injifannoon uummata Oromoof
May 9/2021
Walloo Oromiyaa!!

Be the first to comment

Leave a Reply

Your email address will not be published.


*


This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.