Kan Dhufu To’atuuf Kan Dabre Beekuu Feesisa

Kan Dhufu To’atuuf Kan Dabre Beekuu Feesisa

Baarentuu gadaa Irraa, Caamsaa 23, 2018

Surrendering to Abbaa Duulaa, experienced Woyyaane regime savior 

Beekaa, hayyuu ykn qaroo akka hin jenneef kan isaan ummatootatti himan, barsiisuuf yaalan, fudhachiisuuf tattaafatan dogoggora kaleessaa kan hin sirreessine ykn hin dhabamsiisne tahe. Dogoggora sirreessuu irra sirrii akka tahetti akka fudhatamuuf dhidhiibuun ammoo yakkatti ilaalamuu qaba. Yakkasi.

Fudhatama rakasaa fi hundee hin qabneef, akkasumas deggersa lubbuu hin dheeranneef jedhanii dhugaa mul’ataa fi qabatamaa irra ejjatanii dhara jechootaan daboolanii dhiheessuun har’aaf haa fakkaatu malee bor itti qaanfatama. Mataa gadi nama qabachiisa, oolee haa bulu malee ittis nama gaafachiisa.

Akka ummataattis tahe matayyaatti kan keessa dabranii fi keessa jiran gilgaallatuun yo danda’ame qofa, egeree kan miidhagfatuun danda’amu.

Kan kaleessa keessa turame dagatuun kan har’aa wallaaluutti geessa.

Kan har’aa wallaaluun kan borii beekuu ykn dhuunfatuu irratti rakkoo uuma. Kanaafi beektonni “Seenaa dabre kan beeke kan amma keessa jiruu fi kan fuula duraa to’atuu ykn beekuu danda’a” kan jedhaniif. Maaltu ture? Maal kanraawwatame? Maal raawwachuu ykn guuttachuu barbaanna? isa jedhuuf deebiin gahaa argamsiisuufseenaa ofii beekuu irraa eegala. Kan seenaa isaa hin beekne galii isaa beekuu hin danda’u. Galiin seenaa dagatuun karoorfamus dogoggora kan uumu qofa osoo hin taane kufaatiitti geessa.

Rakkoo siyaasaa Itophiyaan itti hammachamaa jirtuuf dhabamuun mirga dimokraasii sababa isa duraa ti. Wal qixxummaan ummatoota gidduu dhugoomuu  dhabuunis hundee rakkoo biyyattii waliin dhalatee waliin dulloome dha. Akeekaa fi yaada qaban irratti gurmaa’uun, yaada ofii walaba tahanii ibsatuu fi dubbatuun ugguramuun, rakkina bittootaan uumame furmaata hin argatiin jiru akka tahetti itti fufee jira. Kun hundi walitti eda’amee jeequmsa siyaasaa, hiyyummaa, beela, boodatti hafummaa dagaagse. Itophiyaan tarree biyyoota hiyyeeyyii keessaa akka hin baane taasise. Itophiyaan biyya beelaa fi deegaa, bodatti hafummaan keessatti dagaage tahuu irraa addunyaan akka fakkeenyaatti eerga moggaafamtee xiqqaatu mootummoota sadii dhaqqabamee jira.

Walakkaa jaarraa dabre keessatti mootummaan Wayyaanee/TPLF mootummaa 3ffaa tahuu isaa ti. Hamaan kanneen wal duraa duuba dhufan hundi kufaatii dabre irraa kan hin baranne tahuu isaanii ti. Haaraan aangootti ol bahu kan isa duraa balaaleffatuu irra dabree jijjiirama mul’ataa agarsiisuuf kan hin hojjatne tahuu dha kan ummatootaan beekamu. Afaaniin balaaleffataa ykn badii tureef kan dabre gaafatamaa taasisuun kan ammaa gaarii ykn dhimmaa akka hin taasisne ummatoota hundatuhubata. Maalummaa mootummaakan ibsu dalagaa isaa malee balaaleffannaa dhageessisu miti.

Mirga dimokraasii ummatootaa fi nam-tokkee afaaniin kabajuu dhaan Wayyaaneen dorgomaa hin qabu. Osoo ololaan badhaadhinaa fi guddina argamsiisuun, of gahanii osoo hin hagabiin jiraatuunni danda’ama tahee kan Wayyaaneen duratti badhaafamu hin jiru. Akka ololaa fi balaaleffannaa Wayyaaneetti, dimokraasiif falmuu fi kabajuu dhaan Wayyaanee kangahu hin jiru.

Beektotni ilmaan ummatootaa kan ummatoota isaaniif dhimman buufata qorannoo “Ma’ikelaawii” jedhamu keessatti hammeenyi suukanneessaa irratti raawwatame kumootaan lakkaa’aman. Dhiirri mana hidhaa Gaannama lafa irraa jedhamuu danda’u keessatti kolaafame, laamsha’e, sammuun joore, akkanuma kumootaan lakkaa’aman. Dhalaan itti taphatan, fannisanii tuman, qalbii fi qaamaan cabsan lakkoobsaan kaa’uun hin danda’amu. Dhala namaa lammii kiyya jedhan irratti hammeenyi kun maaf raawwatame? kan jedhuuf deebiin gabaabaa akka mootummaan  barbaadetti jala deemuu diduu irraa ti. Hundaan olitti kanneen hammeenya suukanneessaa akkanaa raawwatan seeraan kan hin gaafatamne tahuu dha kan gaddisiisu.

Zamana Wayyaanee kanneen hammeenya raawwatan gochaa isaaniin boonu irra dabranii kan aangootti ol baafaman, muudaman tahuun ammoo Itophiyaan biyya seeraan bultu osoo hin taane fedhaa fi haayyama garee ykn murna aangoo qabateen kan bulfamtu tahuu haala hin shakkisiisneen mirkaneessa. Baacoon baacoo caaluu fi tuffii ummatootaaf qaban kan addeessu ammoo bara Dargii malee bara Wayyaanee homtuu kan keessatti hin raawwatamne fakkeessanii, maa’iikalaawiicufne!jedhanii lallaba kijibaa lallabuu isaanii ti.

Mootummaan Wayyaanee mootummaa isa dura ture hammeenya “Maa’ikelaawiitti” raawwate qofaan osoo hin taane farra wal qixxummaa tahuu isatiinis yakkamaa taasisa. Dargii yakkuun qofti Wayyaanee/TPLF haqa qabeessa hin taasisu. Dalagaa isaatu ilaalama. Dimokraasii lallabaa farra dimokraasii tahuun miidhaan ummatoota irra geessifame kan Dargii ol malee gadi hin tahu. Wal qixxummaan haalamee murni gabaabaa waan hunda irratti murteessaa fi waan hunda dhuunfatuun irratti ajajaa of taasisuun, kan bara Dargii dachaa hedduun caala.

Siyaasaa irratti abbaan Wayyaanee dha. Dinagdee biyyatti kan dhuunfatee jiru Wayyaanee tahuu ragaaleen agarsiisan  gahaa tii oli.

Saaminsa adeemsifamuun alatti imaammata hordofamaa ture gadi faginaan yoo ilaalame kan dhaloota ummatoota cunqurfamoo, ummataa fi biyyaaf akka hin yaadne taasisee ofittummaa babal’ise akka tahe irraa hubatama. Imaammatni kun naannoo bittootaa kan hin ilaalle akka tahe beekamuu qaba.

Har’a Tigraayin alatti bulchiinsa mootummaa naannoo gara garaa keessatti ofittummaa daangaa dabretu haa tahu jedhamee babal’ifamuu irraa “anaaf”kan jedhu baay’atee argama. Saba kiyyaaf, biyya kiyyaaf kan jedhu hin danatu. Kun ammoo “Hojjattee duroomuu ykn akka afaan Wayyaaneetti miliyoonara” tahuu dandeessa kan jedhuun dorgommii kijibaa uumame keessaa madda.  Kijiba tahuu irraas hojjatee,  duroome gadi bahuu hin dandeenye. Kan isaan foddaa Televiziyoonaan agarsiisanis tahe badhaasan, takkaan takkee dhamaasuu hedduun kan dabre irra wayyoomina agarsiise dha. Har’a kunneen badhaafamaa turan wayyabni bakka turanii lafa dhiitu ykn bakka duraaniitti deebi’anii jiran. Hojjatanii argatuu fi duroomuuf mirgi ummatootaa fi dhala namaa kabajamuu qaba. Bakka mirgi dimokraasii hin jirretti duroominni kan hannaa fi saaminsaan argamu dha.

Sirna wayyaanee keessatti maqaa daandii, bishaan, ibsaa, mana yaalaa fi tajaajiloota bu’uuraa  uummataaf  jedhamanii  qabeenya biyyatiin qabdu, gargaarsaa fi liqii  biyya alaa biliyoonoota dhibbaan  biyyoota lixaa fi bahaa kanneen akka Chaayinaarraa argamus yoo fudhanne; kan hojjetamee fi maallaqani itti dhangalahaa turee fi jiru amma samii fi lafaa walirraa fagaata. Uummanni  maqaa isaatin  liqeeffatame, maqaa isaatin kadhatame daandii hin arganne, bishaa akkasi, ibsaa hin beeku, kilnika fayyaa isaa itti eeggatu hin arganne.

Dhugaan har’a  Impaayeera  Itiyoophiyaa keessa jiru kan argisiisu mootummaan Wayyaanee /EPRDF Dargii abaaraa jirurraa karaa kamiinuu fagoo hin jiru.  Inni hojjetame jedhamu mataan isaatuu daandii yoo ta’e, fuunduraa yoo hojjetamu duubaa buqqa’aa, diigamaa deema. Mana barsuumsaa fi kilnika yoo ta’e osoo hojjetamee tajaajila kennuu hin eegalani dhodhaawaa fi baaxii isaa bubbeen fudhatee  barattootaa fi ogeessoota fayyaa irratti jiga. Bishaan  ujummoon diriirfamee osoo bishaan keessa hin darabin waggoonni 7 fi 8 darbanii  biyyeen nyaatamee  hojiin ala ta’a. Ibsaansi har’a boru argfattu osoo jedhamuu  utuban dhaabbate  akka dhaabbateetti hafaa, bakka gariitti jijjigaa, waggoonni 27 darbaniiru. Bakka baayyeetti ammo osoo hin hojjetamin hojjetame jedhamees  qarshiin biliyoonaan lakkaawwamu nyaatamee hafeera, kanneen akka  warshaalee sukkaaraa bilioonni 200 ol itti kasaarame  ykn itti nyaatame fakeenya guddaadha.

Walumaa galatti  egaa hojettanii jiruu ofii fi kan uummata ofii foyyessuu keessatti DorgommiinWayyaaneen uume kan loogummaa fi shiraan xaxame waan ta’eef  hannaa fi saamichaan of duroomsuun  hojii ijoo ta’ee ifatti dhimma itti bahamaa jira.  Sirna kana keessatti Obboleessa deegsuun ofiif duroomuun, lammii ofii gowwoomsuun badhaadhuu, qotee bulaa lafa isaa irraa buqqaasuun of duroomsuu dha kan baratame. Kontraaktarri karaa, hospitaala, bishaan, mana barumsaas haa tahu kan biraa hojjachuuf kontraata fudhatu maallaqa nyaatuu malee isaa hojjatee xumuruun gabaasuu hin mul’atu.Maallaqa nyaateefis hin gaafatamu.Baajata daandiif, bishaaniif, ibsaaf, mana yaalaaf fi KKFF irraa hatuun dantaa ofii irra oolfachuu dha kan Tigraayiin alatti babal’fame.  Balaa Kanaanis projektiin bishaanii, mana barumsaas, fayyaa fi kanneen biroo akka calqbamnitti hafanii uummanni guyyuu himachaa oola.

Egaa Dhugaa qabatamaa ummatootaan beekamu kana haaluun waan hin danda’amneef mootummaan Wayyaanee/TPLF amanee fudhatuuf dirqameera.

Mootummaan hattummaa isaa amane, deegaa fi hiyyummaaf sababa tahuu fudhate, bulchiinsa haqaa argamsiisuu kan hin dandeenye tahuu ofirratti ragaa bahe, badii turee fi jiru kan sirreessuu danda’u ana qofa jedhee falmaa seenuun ummatootatuffatuu dha. Ofis sobaa jira.

Mootummaan Wayyaanee/TPLF bifa kamiinuu Impaayera Itophiyaa keessatti jijjiirama ummatootni gaafatan, barbaadanii fi fedhan argamsiisuu hin danda’u. Akeekaa fi kaayyoo isaatu isaaf hin haayyamu. Maddi galii isaa waan gu’uuf dura dhaabbata malee hin deggeru. Waan taheef kan ummatootaaf hafee jiru qabsoo itti jiru bakkaan gahuuf warraaquu qofa.

Waadaan tarrifamaa jiru kan kijibaa hojiin hin agarsiifamne, kan yeroo ittiin bitatuuf tarrifamu tahuu qalbifatamuu qaba.

Shiroota olitti tarrifamanii alatti ummatootni addatti ammoo ummatni Oromoon daldala siyaasaa maqaa Oromoon geggeeffamaa jiru hubatuun irraa eegama. Maqaa Oromoo qabatanii ykn maxxanfatanii Masaraa seenuun ummataaf faaydaa hanga hin argamsiisnetti maqaa qofa hafa. Maqaa Itophiyaatiin kan aangootti fidame, tiksuufis waadaa seene ammoo dantaa Oromoo irra ejjatuun waadaa seene  guutuu irraa boodatti hin deebi’u.

Kanaaf ragaan  muummicha ministeraa haaraa Dr. Abiyyi gaafa muudama isaa haasaa godhe keessatti tuqeera. Kan kaleessaa ykn seenaa dabre kaasuu dhaan falmatuun barbaachisaa miti jechuun dubbate. Kun eenyuuf akka akeekame hubatuun rakkisaa hin tahu. Gama biraan ammoo seenaa waggoota dheeraa tarrisuun mooraa barbaadutti ummatoota dachaasuuf isaa yaaluu dhaga’ameera. Kun hundi garuu furmaata akka hin taane ifaa dha. Gama biraan muummichi ministeraa kun Baalee Roobeetti haasaa ummata Oromoo naannoof taasiseen “Diinni Oromoo mohee hin beeku Baandaatu moosise malee” jechuunis dubbateera.  Akkuma beekamu baandaa jechuun nama ummata isaa qofa osoo hin taane ofis ganee diina ummata isaa waliin hiriiruun miidhaa dhaqqabsiisu dha.

Qabsoo Oromoo keessatti baandaan/gantuun miidhaan qabsoo bilisummaa fi ummata Oromoo irraan geessisaa turanii fi geessisaa jirankan diinaan olitti herregama. Cubbuu ummata ofii irratti dalagamu keessatti qoodni jaarmayaan isaan hogganamuu maali?isa jedhuuf abbaan dhimmi ilaallatu deebii itti kennuun irraa eegama.

Be the first to comment

Leave a Reply

Your email address will not be published.


*


This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.