Koreen Bulchinsa MCBNO hidhamtoota Siyaasaa hiiksisuu eegale

Koreen Bulchinsa MCBNO hidhamtoota Siyaasaa hiiksisuu eegale!

Mootummaa Cehumsaa Biyyoolessaa Naannoo Oromiyaa (MCBNO)Koreen Bulchinsa Mootummaa Cehumsa Biyyoolessa Naannoo Oromiyaa (KBMCBNO), Oromiyaa bakkoota sirnaan ijaaramee lafa qabatee ummata waliin hojjetaa jirutti hidhamtoota siyaasaa mana hidhaatti dararamaa jiran Ummataa fi humnootii nageenyaa waliin hidhamtoota mana hidhaa irraa hiiksisuu eegalee jira.

Akka kanaan guyyaa Har’aa Adoolessa 23/2021 hidhamtootni siyaasaa 228 Yoo hiikaman bakkootni irraa hiikamanis:

  1. Nagallee nama 21
  2. Gidaamii 34
  3. Booranaa 173

Walumaa gala hidhamtootni 228 hiiksifamanii jiru. Haaluma kanaan Aanaalee fi Godinaaleen kaanis hidhamtota siyaasaa Lammiilee Oromiyaa hiiksisuu sochii keessan akka itti fuftanii hubachiifna. Kanneen hiikamanis Hawaasni akka hirphuu fi hadhaadhiyyuu irratti akka hojjattan kanuma waliin hubachiifna.

Lammiileen Oromiyaa MCBNO buluun itti fufa!



Be the first to comment

Leave a Reply

Your email address will not be published.


*


This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.