Lixa Oromiyaa Godina Qellem Wallaggaa Keessatti Tarkaanfii WBO Fudhate

Lixa Oromiyaa Godina Qellem Wallaggaa Keessatti Tarkaanfii Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) Fudhate Sababeeffatuun Agaaziin Uummata magaalaa Gidaamii Dararaa Jiraachuu Gabaasan

[SQ, Bitootessa 14,2018]  — Gootichi waraana Bilisummaa Oromoo gaachanni uummata Oromoo WBO Zoonii dhiyaa tarkaanfilee diinarratti fudhatu jabeessuun guyyaa har’aa Danbidoolloo bakka Garjeeda Laaloo jedhamutti tarkaanfii Waraana Wayyaaneerratti fudhateen Agaazii Pick up 2 konkolaata ishee waliin barbadeessuu odeessi gamasii Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo dhaqaabe addeeseera.

Tarkaanfii WBO fudhateen kanaan baaraguun waraanni TPLF magaalaa Gidaamii weeraruun uummatatti dhukaastee uummata ajjeesuuf yaalii gootuus uummanni daandiirraa dursee maquu kan nuu gaabasan, magaalicha keessaa Hospitaala Magaalattii deemuun hojjetoota Hospitaalaa mara akka isaan hinbaane gootee jiraachuu nuuf himan.

Sabaaban Hospitaalatti uummata gidirsaa jirtuuf Konkolaataa Ambuulaansii nuuf laadhee kan ittiin WBO dhoofnu jennaan konkolaachisaan hinjiru waan jedhaniif qofa hojjetoota maraan hinbaatan jettee itti marsitee jiraachuu nuu gabaasani.

Akkasumas konkolaataa IZUZU buna fe’atee deemu qabuun Bunasaa saamanii akka Kaampiisaanitti naqaa jiraniif konkolaatichaanis bakka tarkaanfii WBO deemuuf akka jiran Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoof gaabasan


Odeeffannoo – Oolmaa Oromiyaa
===========================

  1. Loltootni Itoophiyaa har’a Mooyyalee bakka Boolee jedhamutti mucaa ganna 8 rasaasaan ajjeesanii dubartii- 1 madeessani.
  2. Gujii keessa WBOn lolatti jira.
  3. Miidiiyaaleen biyya keeniyaa keessa jiran rakkoo kibba Oromiyaa irratti xiyyeeffatuun gabaasaa oolan FKN NTV, KTN, Gaazeexaa standard, Nation KKF
  4. Gochaa wayyanee baqatuun Kan Biyya Keeniyaatti godaanan hiriira ba’uun gochaa wayyanee dhabilee mirga dhala namaa falmanitti ibsaataa oolan,
  5. Lixa Oromiyaa Naannoo Beegiitti fi Garjedaa jedhamu tti naannooWBO lixaa konkolaataa Agazii fe’ee deemu irratti tarkaanfii fudhatan,
  6. Nannoo Gidaamii, Ashii fi Sayyoo tti Qeerroon daandii cufaa humni dabalataa Dambii Dolloo irraa gara Beegii fi Gidaamii lola WBO jira irraa dhorqaa oolan

Madda Oduu : Oromiyaa irraa


Be the first to comment

Leave a Reply

Your email address will not be published.


*


This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.