Maaltu Abbaa Nama Lagachiisaa, Oromummaa moo Isilaamummaa?

Maalitu Abbaa Nama Lagachiisaa Oromummaa immoo Isilaamummaa?

Damee Boruu: 04/04/2018 

PM Dr. Abiy Ahmed’s parents.

Aadaa Oromoo keessatti ilmi abbaa irraa horii yaasuu fi galchuu, bishaan daakuu, bineesa adamsuu, farda kaachisuu fi qallee xabachuu, abbaa jala deemee aaadaa fi seenaa naannoo isaa qorachuun isa angafaa ti. Akkuma guddataa deemeen itti gaafatamaa abbaa dhunfachaa fi dhaalaa adema. Burqaan Barumsaa inni duraa abbaa irraa jalqabee guddachaa fi furdachaa qama keenya wajjin dagaaga.  Barnoota baraa yoo qorannee illee ida’ata tahuu irraa kan hafe waan sammuu qullaatti akka birillee gadi nu seenu hin jiru. Yaroon akkana jedhu harmee ykn deessee keenya irraa kan barannu hin jiru jechuu hin tahu. Kana barachuu qabnuu fi dandeenyu hedduutu jira.

Namni tokko harmee isaa abbaa isaa caalaa jalachuun ni mala. Kan abbaa isaas caalaa jaalatu yoo jirate fedha isaa ykn fedha ishee taha. Fedha fi haala namni tokko keessatti guddatu irratti waan hundaa’uuf jecha abbaa immoo haadha kee caalaa jalaata jenne wal gaafachuu hin qabnu. Deebiin sirrii taheef ykn  hin taanes hin jiru. Deebiin kan dhuunfaa nama sana tha jechuu dha. Kan baayyee wal nama  gaafachiisu irra darbee wal nama tufachiisu namni took walatajjii irratti haadhaa isaa ykn abbaa isaa faarsee kan tokkoo yoo lagate dha. Faarsuu illee yoo baate abbaa qabaachuu dhuma isaa yoo kaase maal qabaa? Garuu namni abbaa malee dhalatu hin jiru. Yaroo tokko tokko ijoollee durbaa mana namaa keessa hojjetan humnaan namni isaan gudedee mucaa yoo godhatan illee mucaaf maqaa abbaa hinuma mogaasuuf.

Anis harmee koo waan ijoollumaa kooti na irraa dabarteef yaroo hunda baayyeen gaddaaf.  Biyya lafaa kana irratti isheef waan hin goone jira natti fakkaatu. Harmee koo faarsuu qofaanuu waan xiqqaatu natti fakkaata.Utuun danda’ee biyyi lafaa hundi waa’ee harmee yoo dadhaga’e garaa nah in gahu.  Erga harmee koo dabrtee garuu abbaa f haadha tahee kan nu guddise immoo abbaa koo waan taheef gochi isaa anaaf kan daangaa qabu miti. Lachuu na godhachuu fi na guddisanii nama har’aa kanaaf na gahuu isaanii fi eebisamuu fi faarsamuu qabu.

Maal yoo tahu ilmi maqaa abbaa lagata? Addaa Oromoo keessatti duwwaa utuu hin taanee amantaa Kirsitaanaa fi Isilaamaa keessatti abbaan bakka guddaa qaba. Namni abbaa isaaf ulfina hin qabne barcuma ulfinaa irraa taa’uu hin danda’’u. Waaqa biratis tahe nama biratti ulfina argachuu hin danda’u. Namni akkasi abbaarsa abbaa fi waaqaa waan qabuuf fuulli isaa durri dukkanna. Waan hojjechuuf deemu illee hin milkaa’uuf.

Namni eenyummaa isaati qaanna’u hojii jabaa fudhachuu hin qabu. Namni tokko abbaan koo Oromoo dha anis Oromoo jedhee himachuu yoo hin dandeenye maal haa tahuuf maqaa Oromoon hojii argachuun isa barbaachisa? Isilaama tahunis qaanii hin qabu. Biyya lafaa kana irraa uummata Isilaamaa kabjaan jiraatu billiyoona meeqatu jira?   “ Abbaan kee eenyuu? jennaan eesumnoo fardaa jettee gaangeen” jedhu. Habashoota warraa Oromummaa fi Isilaamumaa jibbinsa onnee irraa buqa’e qaban gammachiisuuf jechaa of dhoksuun salphina guddaa dha. Namn kun dhaqa waan baayyee gufateef galama bareedaa qabaachuu danda’a jedhee hin yaadu.

Waan deemuuf isa odeessaa ture irraa namni hin galleef yoo jiraatan warra  ayyaan ilaallatoota maqaa uummata Oromoon daldalanii jiraachuu baran duwwaa dha. Namni Minilikiin faarsuu fi hojii Minilki jalqabe baakkaanan gahaa jedhee dhaadatu diina uummata Oromoo isa duraa akka tahe tasa dagachaa hin jiru. Haammeenyi  Miniliki Calanqoo fi Anoolee irratti uummata keenya iratti raawwate seenaa gurraachaa baraa baraan gaddaan yaadatamu qabu dha. Har’as maqaa Uummata Oromoo baatanii Mootummaa EPRDF ofiin jedhu kana wajjin utuu jiranii  Dhumaatii Haroo Arsdee, Dhumaatii Calanqoo Lamaffaa, Dhumaatii Hammareessaa fi Dhumaatii Moyaalee ija keenya duratti raawwatamaa jiru ni  agarra.

Maqaa Labsii Yaroo Muddamaan waraanni  komandi postii uummata keenya irra qubatee bahaa fi galii dhowwaa jira. Ilmaan Oromoo jumlaan hidhamun fi du’uun, saamamuu fi gidirfamuun irraa dhaabbachaa hin jiru. Oduu warra maqaa uummata Oromoon daldalaa jirun goomnee yoo yaroo laatneef badii guddaan akka nu eegatu hubannee Qasoo Fincila Xumura Garbummaa daran fininsisuu qabna. Kanaafuu namni Oromoo tahee naasuu Uummata Oromoo qabu waan gochuu qabnu keessa:

  • Gargarumaa fi yaada xixxiqaa jidduu keenya jiru dagannee walitti dhufeenya keenya jabeefachuu.
  • Qabsoon Uummata keenya dhiiga ilmaan kummatan as gahi akka of booda hin deebine akka agartuu keenyaa tiksuu.
  • Waan qabnu maraan Waraana Bilisummaa Oromoo fi Qeerroo Bilisummaa Oromoo gargaaruu.
  • Bakka jiru hundatti gamtaan dhaabbanne qabsoo keenya fininsuudhaan diina dura dhaabbachuu fi Saaxiluu.
  • Wareegama qabsoon bilisummaa nu irraa barbaaduuf murannee of qapheessuu.

Gadaan Gadaa Bilisummaa It!
Injifannoo Uummata Oromoof!

1 Comment

  1. “Nama qalbiin dabarte, waggaa booda du’a gahii isaa dhaqu” jedha Oromoon. Kan Abbaa isaa gane ummataaf amanamaa tahuu hin dandahu, warra isa muudeef malee. Mootummaan Abiyyi, oromoof dhiisii warra kaaniifuu gatata dha – “dead on arrival” akka faranjiin jettutti.
    Kan nama ajaa’ibu garuu warra ililchuuf kana. Political analyst ofiin jechaa, hagam wallalaa akka tahan of saaxilan. Habashaaf silaayyuu Minilikiin farsinaafin, beekaa fi wallaalaa isaaniitti, waan rakkoon hunduu Dhumate itti fakkaata. Qabsoon itti fufuu qaba. Ergamtoota koloneeffataa irraa bu’aan eegnu hin jiru!

Leave a Reply

Your email address will not be published.


*


This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.