Magaalaa Naqamtee Keessatti Misirroon Tibbana Fuudhe Ajjeefame

OMN: Oduu (Hag. 3, 2021)

Magaalaa Naqamtee Keessatti Misirroon Tibbana Fuudhe Ajjeefame. | ODUU KEELLOO (Hagayya 3, 2021)


***Magaalaa Naqamtee keessatti misirroon tibbana fuudhe ajjeefame***
Keelloo: Hagayya 3,2021
Lixa Oromiyaa Wallagga Bahaa Magaalaa Naqamtee keessatti misirroon ajjeefamee reeffi argame.
Misirroon Gammachuu Moosisaa jedhamu dheengadda Sanbata darbe jechuun Adooleessa 31,2021 sirna gaa’eelaa isaa raawwatee, gammachuu isaa qooddataa wayiita jirutti as buuteen dhabamuu miidiyaa hawaasaa irratti haasa’amaa ture.
Dargaggoon qaama ammaaf eenyummaan isaa ifa hin taaneen erga butamee booda har’a naannoo Haroo Soorgaatii reeffi isaa argamuun eeramaa jira.
Kun wayiita maatiin gammachuu ofii ibsataa jirutti raawwachuun daran miiraaf qalbii uummata Oromoo xuquu isaa maxxansaalee miidiyaa hawaasaa garaa garaa irratti maxxanfamaa jiru irraa hubatama.
Dargaggoo Gammachuun eenyuun akka ajjeefame hanga gabaasa kana qopheessinutti waan ifa ta’e hin jiru.
Du’aaf ajjeechaan biyyattii keessatti hundee jabeeffachuu isaa kan agarsiisu gabaasi guyya guyyaan bahu bifa suukessaan namooti Oromiyaa kutaalee adda addaa irraa ajjeefamuutu eerama.

Be the first to comment

Leave a Reply

Your email address will not be published.


*


This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.