Manni Maree Nageenyaa UN har’aa waa’ee Itoophiyaa keessaattuu dhimmaa Tigraay irraatti marii’achuuf akka tahee dhaga’amee.

D.Dh/ Hagayya 26/2021(OMM)

Manni Maree Nageenyaa UN har’aa waa’ee Itoophiyaa keessaattuu dhimmaa Tigraay irraatti marii’achuuf akka tahee dhaga’amee.

Manni Maree Nageenyaa UN

Marii cufaan gaggeeffamu kana irratti Hogganaan Dhimmoota namoomaa fi Qindeessaa Deeggarsa Yeroo Balaa UN, Maartiin Giriifiitis dubbii ni taasisu.

Qondaalli kuni torban sadii dura MM Abiy akkasumas gara Tigraayiitti imaluun hoggantoota TPLF waliin mari’ataniiru.

Haala hojii deeggarsa namoomaas daawwataniiru.

Mariin kuni waamicha Istooniyaa, Faransaay, Ayirlaand, Noorway, Yunaayitid Kiingidam, akkasumas Ameerikaan taasifame.

UN’tti Ambaasaaddarri Itoophiyaa marii irratti kan hirmaatan ta’a.

Manni Maree Nageenyaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii erga lolli Tigraayitti eegalee dhimma Itoophiyaa irratti yeroo marii taa’u kuni saddettaffaafi.

Marii har’aan haalli Tigraay keessaa fi dhimmi namoomaa naannolee Affaariifi Amaaraa dhimma irratti mari’atamu akka ta’an UN ibseera.

Dhihoo Sudaanii fi Turkiin jaarsummaan lola Kaaba Itoophiyaa jiru furuuf yaada dhiheessaniis gama Itoophiyaan fudhatama hin arganne jedheera UN.

Sababa kanaaf, qaamni jaarsummaan rakkinicha furuu malu miseensotni Barreessaa Olaanaa dhaabbatichaa Antooniyoo Gutereez irraa dhagahuu fedhu jedheera dhaabbatichi.

Gutereez torban darbe dhukaasni akka dhaabbatuu fi mariin akka gaggeeffamu akkasumas waraanni rakkoo Itoophiyaa hin furu jedhanii turan. Maddii BBC

#OMM@

Be the first to comment

Leave a Reply

Your email address will not be published.


*


This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.