NAGEENYI QAWWEEN TIKFAMAU UMRII DHEERTUU HIN QABU!

Qixxeessaa Lammii | Gurraandhala 22, 2018

Ji’a ji’aan labsiin muddamaa mootummaa TPLFn bahu nagaya biyyattii hafnaan nagaya mataa isiituu gaaga’ama irra buusa. Humna waraanaan mootummaan hamma dhumaa jiraattu hin jirtu. Ummata bal’aa karaa nagayaan karaa humna waraanaan dirqisiisanii bulchuun waan hin yaadame. Mootummaan deeggarsa ummataa hin qabne mana utubaa ykn dhaaba hin qabne akka ta’e ifaadha. Aangawootni ABUT kan gadaa kana keessa humnaan ukkaamsanii ummata bulchuuf ceehan qaama isaan gorsu ykn qajeelchu hin qaban jechuun ni danda’ama. Balleessinee badanaan isaan qabatanii yeroo dheeraaf ittiin deemaaa turaniif ammas itti fufanii ittiin deemaa jiran badiinsa isaaniin akka durfamu waan hubatan hin fakkaatan.

Labsiin hatattamaa gara waggaa tokko jalaaf biyyattii irratti labsamee ummattoota biyyattii keessumaa addatti ummata Oromoo bahaa gala dhoorge kan homaa hin siqisiniif har’a maal akka isaaniif siqsuuf jiraatu arguuf jiraatna. Warraaqsi galaana itti tahe gaafa silaa nyaate dhabama isii taasisu male maagada gara garaa of irraa itti tolchuudhaan of irraa tasgabeessuuf yaaluun isii ni ture. Yeroo baatii 3 guutuuf wal gahii maqalee irratti wal irra turte OPDO qadhabaa qabsoo godhattee ibidda itti qabateen of irraa dhaamsaa akka turte beekkamaadha.

Qophii yeroo sana godhatetu har’a akka haarayatti gadiin baatuuf isii gargaare. Humnaan malee barcuma gabroomsaa irraa gadi bu’uu akka hin hedne dursitee himmattee akkuma turte, labsii hatattamaa labsuun isii kun ta’e. Kan beekamuu qabu labsiin kun nagaya ummataaf osoo hin taane nagaya mataa isiif jecha akka ta’e ifa jira. Waraabessa hundhanii qaban ofitti gadi dhiisuun nyaatamaaf of afeeruu akka ta’e kan hin beekne OPDO kale fi har’aa kan aangawoota mootummattii tana waliin hojjachuuf alaa keessaan miidiyaalee gara garaa irraa xibaaran qofaadha.

Waan harka ofiitii hin qabne harka nama biraa keessatti abdachuun hamma nama qaanessu ta’iinsa amma Wayyaanotaan ta’e irraa barachuu barbaachisa. Bololli aangoo biyyattii gonfachuu fi alaa keessaa lallabamaa turame har’a eessa akka jiru walitti himuu hin barbaachisu. Qabsoo karaa nagayaan walabummaa fi bilisummaa fiduun gadaa kana keessa ni dhugooma jedhanii abjochuun durmaraayyuu gowwummaadha. Qabsoo hidhatnoon tin’ifamuun barbaachisummaa akka qabu dirre bahatti amma mul’atee jira. Kanaaf gaaffii Oromoof deebii argamsiisuuf dhugumatti yoo kan itti dhimamu ta’e ABO bira dhaabbachuudhaan WBO hidhatnoodhaan cimsuu feesisa.

Dhalli Oromoos ta’ee dhalli saboota biraas sirna cunqursaa Tigree kana jalaa bahuuf fedhiin ni jira yoo ta’e hundi isaaniituu daandii ABOn irra jiru kana irratti of deebisuu qabu. Labsii muddamsaa tibba tibbaan ummata irratti Wayyaaneen lallabamu kana jalaa bahuuf qabsoon karaa nagayaa qofaan geggeeffamu furmaata furaa fiduu akka hin dandeenye amma waan wal nama gaafachiisuu fi wal nama mormisiisu miti. Kana dhaabbileen Oromoos tahee kanneen saboota biroos karaa nagayaan mootummaa tana waliin wal dhaansoo goonee injifatna jedhanii abajochuu irraa abdii kutachutu isaan irraa eeggama. Umrii mootummaa nama nyaataa kana dheeressuuf adeemsi isaan asiin dura waggaa 27 oliif irra demanuu qooda ol aanaa akka kenneef hubatanii adeemsa isaanii irra deebi’anii ilaallatuu qabu. Qabsoo karaa nagayaan aangawoota mootummaa tanaa injifachuun humnaan alatti akka hin danda’amne qajeellotti amananii fudhachus qabu.

Mootummaa humnaan biyya qabate humnaan malee karaa nagayaan aangoo irraa fuudhuun Afrikaa keessumaa Itophiyaa keessatti hafnaan sadarka biyyoota addunyaa baay’ee guddatan keessattuu baay’ee ulfaataa akka ta’e dhokataa miti. Mootummaa Tigreef ummatni miidhamuun dantaa isiitii miti. Diingdeen biyyattii kufuun, nageenyi biyyattii boorahuun, dhukkubaa fi beelli ummata biyyattii mancaasuun isiif goohartii fi haara galfiidha malee yaaddoo hin ta’uuf. Karaa nagayaan mootummaa tana dhorree mogolee buufnee harka muquqquulee aangoo harkaa fuuna jedhanii warri alaa fi keessaahis dhiichisaa turan hedduun isaanii har’a maal akka jechuuf taa’an naaf hin galu. Murna nama nyaataa kan har’a malee boruuf hin yaadnee fi ummata bal’aaf hin dhimmine irraa jijjirama addaa eeguun duruma irraayyuu of gowwoomsuu qofa osoo hin taane of wallaalus akka ta’e hubachuun gaariidha.

Muumichi ministera biyyattii aangoo gadi dhiisuuf iyyatnaa galfadhe jedhee gaafa lallabe gowwaa heddutu gammachuun dibbee dilliiqe. Inni waan jedhee fi waan jechisiifameef qaba. Iciitii labsa kana duubaan jiru mataan mul’atee jira. Aangawootni sarara OPDO keessaan gara taaytaa furtuutti ol yaa’an cufti osoo labsiin hatattamaa Abadan hin jiraatu jedhanii lallabanuu maal abbaa keessanii taatan ittiin jechuudhaan kunoo mataa isaanii irratti qaruuraa caccabsanii jiru. Karaa OPOn gaaffiin Oromoo ni deebi’a jedhanni warri dhiichisaa turan amma maal akka jedhan naaf hin galu. OPDOn isiniif jirraa nuuf jiraadhaa jechuun ummata abdachiisaa fi of dhaadaa turtes amma maal jechuuf akka deemtu hin beekne.

Qabsoo ABOn bara dheeraaf geggeeffamte bishaan itti naquuf yaalaa warra turan hedduu isaanii erga labsiin kun mootummaan labsamee kaasee mataan gara galee jira. Dhaabbileen alagaa fi Oromoos kan dhaaba kana akka bulguu nama nyaatuutti ilaalaa fi irratti ololaa turan hundi har’a waan dubbatan dhabanii jiru. Dhugaa irra ijjatanii dhara baadhatanii deemuun galgala irratti salphina akkanaa keessatti nama gata. Ibsi yero yeroon ABOn mootummaa kana irratti bahu akka sobaa tokkotti ilaalamaa ture gaafa dhugaa ta’ee ifee gadi bahu warreen dhaaba kana irratti olola oofaa turan ilaalcha hammeenyaa dhaaba kanaaf qabaachaa turan irraa gaabbanii fi sheenahanii labsa dhaaba kanaa ammarraa kaasanii gammachuun simatanii ofitti fuudhuu qabu.

Mootummaan Tigrees akkasuma NAGEENYI QAWWEEN TIKFAMAU UMRII DHEERTUU HIN QABU waan ta’eef ibiddaan taphachuu dhiiftee dhugaa ummataa kan ukkaamsitee jirtu ummataaf galchuu qabdi. Jilba lama gubate sadaffaan naafa akkuma jedhame ummattootni biyyattii addatti ummatni Oromoo mirga qabsoo isaan harkatti galfate deebi’ee akka harkaa hin baane qabsoo isaa daran cimsuu qaba. ABOnIS milkii hanga ammaa argame kana akka ABUT irra deebitee hin bacancarsine gochuu keessatti qooda isa irraa eeggamu yoomiyyuu caalaa baasuu qaba.

Dhaabbileen sab-himaalee Oromoo fi kanneen biroos gadi irraa hamma oliittii asii achi olola diigaa wal giddutti oofuu dhiisanii diina keenya isa inikkaa kana irratti fuula deeffachuun barbaachisaadha. Diina keenya balaaleffachuu qofa osoo hin taane akka inni ummata keenya hin balleessine irratti dalaguun dirqama oowwaa yeroo ammaa lafa irra jiruudha. Furtuun rakkoo saba keenyaa inni hundee ABO jabeessuuf WBO hidhachiisuu fi Qeerroo gargaaruu qofa akka ta’e qaamaa fi qalbii guutuun amannee fudhachuu fi irratti bobba’uun dirqama seenaa dhala Oromoo hunda irraa eeggamuudha.

Nageenyi qawween eeggamu nagaya nagayaan eeggamutti akka jijjiramu gochuuf qabsoon hidda gabrummaa buqqaasuuf taasifamaa turame shaffisaan akka galii isaa dhaqabu dhiiraa fi dhalaan Oromoo hundi wal dhagahee walabummaa fi bilisummaa isaaf gamtoomee yoo miyyuu caalatti qabsoo isaa finiisuu qaba.

Injifatnoon Oromoo mamii hin qabdu!

Qixxeessaa Lammii

Be the first to comment

Leave a Reply

Your email address will not be published.


*


This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.