ODUU AMMEE! Maatiin Jawaar Mohaammad Ganama Kana Hidhamanii Jiraachuu..

ODUU AMMEE! Maatiin Jawaar Mohaammad Ganama Kana Hidhamanii Jiraachuu Gurmuun Abukaatota Hidhamtoota Siyaasaa Oromoo beeksisan.

Har’a ganama akka lakkoofsa sa’aa biyyaa 12:30 yeroo tahu Poolisiin Magaalaa Finfinnee mana maatii Jawaar Siraaj Mohaammad magaalaa Finfinnee naannoo Boolee Bulbulaatti argamutti humnaan seenuun obboleewwan Jawaarifi namoota biroo ukkaamsanii fuudhanii deemanii jiraachuu fuula Facebook Abukaatota hidhamtoota Oromoo irratti ifoomsanii jiru.
Haaluma kanaan obboleewwan Jawaar,
1. Raabiyaa Siraaj Mohaammad
2. Mishaa Siraaj Mohaammad
Hakiima dhuunfaa Jawaar Mohaammad’faa kan taate,
3. Dr Ilillii Jamaal
Miseensa maatii,
4. Dargaggoo Habiib
Akkasumas shofeera Obbo Baqqalaa Garbaa,
5. Abraahamifi namoota biroo lama humnaan ukkaamsanii fuudhanii deemun Buufata Poolisii Bulbulaatti hidhanii jiraachuu addessanii jiru
Armaan dura humnoonni mootummaa mana haadha Jawaar Mohaammad sakatta’uudhaan dararaa kan turan yoo, har’a ammoo maatii Jawaar kana hidhuuf sababni kenname akka hin jirre beekamee jirachuus gurmuun Abukaatota Hidhamtoota Siyaasaa Oromoo akeekee jira
Jawaar Mohaammad hanga ammaatti nyaata obboleewwan isaa galchaniif qofa fayyadamaa kan ture yoo ta’u, sababa har’a obboleewwan isaa hidhamaniin nyaata ilaalchisee rakkoo biraatiif saaxiluu akka malu beekamaadha jechuun yaaddoo isaanii itti dabaluudhaan addeessanii jiru


OMN – ODUU IJOO ( AMAJJII 3,2022)


 

Be the first to comment

Leave a Reply

Your email address will not be published.


*


This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.