Oduu Ammee: Hoggantoota fi miseensota ABO dabalatee 61 ta’an Mooraa Waraanaa Awash Malkaasaa Keessaa fuudhaman.

Hoggantoota fi miseensota ABO dabalatee; hidhamtoonni siyaasaa baay’inaan 61 ta’an mana hidhaa mooraa Waraanaa Awaash Malkaasaa keessaa guyyaa har’aa:- 25/07/2021 baafamuun fe’amanii akka jiran himama.
Hoggantoota ABO kanneen akka:-
Lammii Beenyaa, Daawwit Abdataa, Kon. Gammachuu Ayyaanaa, Battee Urgeessaa, Malkaa Danuu fi miseensota ABO kanneen biroo dabalatee walumatti namoota 61 kan ta’an mana hidhaatii baafamuun fe’amanii kan jiran yoo ta’u; ammaaf eessa akka geessuf jedhan hin baramne.

Be the first to comment

Leave a Reply

Your email address will not be published.


*


This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.