ONN: ODUU fi Sagantaa Adda Addaa, Hagayya 24, 2018

ONN: ODUU fi Sagantaa Adda Addaa, Hagayya 24, 2018

ODUU 24/08/2018


Miseensonni mana maree Ameerikaa ilmaan Oromoo mana hidhaatti dararmaa turanirraa haala ture dhaggeeffatan.
Miseensoonni mana maree Ameerikaa rakkoo siyaasaa Itiyoophiyaa keessa jiru, addatti dhiittaa mirga namoomaa biyyattii keessa turee fi jiru ilaalchisuun Hagayya 23/2018 Magaalaa Finfinne galma Hoteela Sharaatanitti argamuun ilmaan Oromoo mana hidhaa adda addaa keessatti dararamaa turan, abbaa Gadaa Bayyanaa sanbatoo, hayyoota Oromoo fi mangoddoota Oromoo dubbisan, miidhaa Oromoorra gahaa turee fi jiru irraa dhaggeeffatan.
Sagantaa dhaabbanni Oromo advocacy Aliens fi waldaan hidhamtoota siyaasaa Oromoo qopheessan kana irratti kan argaman congress man Chris Smith, Karen Bass, fi Itiyoophiyaatti Ambaasaadarri Ameerikaa ilmaan Oromoo miidhaa gurguddaan irra gahe kan akka Kaffaaloo Tafarraa yeroo dubbisanitti fi miidhaa isaa fi hiriyoota isaarra waraana TPLF/EPRDFn irra gahe dhaggeeffatanitti miidhaan dhaqabe gaddisiisaa ta’uu ibsanii fedhii fi kaayyoon isaanii rakkoon siyaasaa kun akka furmaataa argatu, akka sagaleen uummataa dhagahamu caalaatti dhiibbaa taasisuu ta’uu addeessaniiru.



Be the first to comment

Leave a Reply

Your email address will not be published.


*


This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.