Oromiyaa Bakkoota Addaa Addaatti Tarkaanfiin Waraana Biliisummaa Oromoon Fudhatamu Itti Fufe!

Oromiyaa Bakkoota Addaa Addaatti Tarkaanfiin Waraana Biliisummaa Oromoon Fudhatamu Itti Fufe!

Keelloo: Fulbaana 13,2021

WBO

Waraanni Bilisummaa Oromoo Wallagga Bahaa Haroo limmuu jalatti kan argamtu Magaalaa Bariisoo seenuun Fulbaana, 11/2021 lola jabaa waraana mootummaa waliin geggeesseen loltoota hedduu ajjeesuun kaan booji’ee guutummaan guutuutti magaalicha qabachuun, uummanni hedduminaan bahee gammachuu isaa ibsataa ooluun beekameera.

Gujii Bahaa Gooroo Doolaatti Waraanni Bliisummaa Oromoo ganama kaleessaa jechuun Fulbaana, 12/2021 Magalaa Harqalloo seenuun waraana mootummaa irratti tarkaanfii fudhateen hedduu ajjeesuu beeksiseera. Gujii Aanaa Liibanitti Waraanni Biliisummaa Oromoo Cibraan Soddom Boroo Fulbaana, 12/2021 haleellaa waraana mootummaa irratti raawwateen waraanni mootummaa haleellaa irratti raawwatame baqatee gara magaalaa Nagaleetti baqachuu isaa beekuun dandaa’ameera. Achuma magalaa Nagallee Booranaa ganda 01 Araddaa Gabaa Horiitti Waraanni Biliisummaa Oromoo kaleessa Fulbaana, 12/2021 waraana mootummaa haleeluu ifoomseera.

Oromiyaa Bahaa naannoo Magalaa Haramaayaatti Waraanni Biliisummaa Oromoo sochii jabaa taasisaa jiraachuunis beekameera.

Shinniiggaa gabaase.

Be the first to comment

Leave a Reply

Your email address will not be published.


*


This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.