OROMIYAA FI OROMOONNI HUNDI OROMOOTA WALLOO BIRA DHAABANNA

OROMIYAA FI OROMOONNI HUNDI OROMOOTA WALLOO BIRA DHAABANNA

Taammanaa Bitimaa irraa, Ebla 30, 2021

Yaa Oromoo, yaa Oromiyaa kunoo gara toban afurii irraa kaasee, waraanni fi ajjeechaan hamaan dhiigaa fi foon keenya kan tahan, Oromoota Walloo irratti mootummaa Toophiyaa kan nafxanyoota haareyyiin durfamuun oofamaa jira! Waraanni kun sonaan haareffamee amma yoo oofameyyuu, kan bara akkaan dheeraa dura jalqabame. Naannoon Oromoon Walloo akka biyya abbaa-haadha isaatti irra qubatee jiraatu kun: karaa Lixaatiin naannoo Amaaraa karaa Kaabatiin immoo biyya tiruu isaa naannoo Oromoo Raayyaa-Asibuu fi naannoo saba Tigraayiin daangeffama. Karaa bahaatiin immoo ollummaan isaa saboota Kuush Kuusaa keessaa kan tokko tahee, biyya Afaariin daangeffama. Karaa Kibbaatiin immoo Oromoo Tuulama Kaabaa kan takka-takka Boorana Walloo yookaan Boorana Kaabaa jedhamuun Darraa keessa kutee Salaaletti ceya. Karaa naannoo Kamiseetiin Laga Borkaanaa gamaan naannoo Amaara kan Manjee (“Manzi“) jedhamuun yoo daangeffamu, karaa kana irraan Harxumaa, Jiillee fi Dhummuugaa qabatee naannoo Oromoo Karrayyuutti ijjata. Akka dhugaa ifaa kan ija babaasaa jiruutti yoo qalbeeffanne, naannoon Amaaraa inni Gondor-ii (Beegamidir-ii) fi Goojjam jedhamuu naannoo biyya Amaraa isa Manjee jedhamu waliin walitti hin ijjatu.

Dur eeyyee dur, akkuma isaanuu jedhan (“yezaareen-aayaargawunnaa“) bara akaakkayyuu Minilik faa jechuun jabana Saahila-Sillaasee faa Amaartonni Shawaa kun ennaa gara Gondor dhaqan naannoo Oromoota Boorana Kaabaa jechuun Boorana Walloo keessa dabranii ti. Bara kana keessa namoonni Ardii Oroppaa kanneen biyya Saahila-Sillaasee turanii fi ergamtoonni isaa kanneen gara Gondor deeman, qaraxa kellaa kan namni biyya ormaa biyya lammii biyya tokkootii baasuu kafalanii ti. Biyya Oromoota Walloo fi Oromoota Tuulamaa oggaa sanii keessa qoosaan hin turre. Abbaan biyyaa kan Boorana Walloo kan hedduu beekame, Adaraa Billee basii daangaa ofii warreen biyoota alaa seeraan kafalchiisetoo, seeraan nagaa fi nagyeenya isaanii eguun gaggeessisaa ture.

Kunoo, biyyaa fi saba akkanaa kanatu har’a abbaa fedheen reebama, arrabsama, manguddoolee fi daa’imman, durbatiilee fi dureewwan biyyaa ifumatti kan mootummaa ofiin jedhuun, addaggee fi shiftoota naannoo Amaaratiin salphifamaa jira. Oromoonni Walloo kunneen warra Torban Walloo jedhamanis tahee warri Yajjuu fi Raayyaa-Asibuu baroota fi bardhibbeewwan akkaan dheeraa roorroo fi weerara mootummoota Habashaatiin isatti aggaamamu, ofirraa faccisaa turani. Oromoota biraa dhiisii Oromoonni Sadeen Tuulamaatuu akka Oromoota Walloo kanaatti bardhibbeewwan daran hedduu akkanatti, mootummoota Habashaatiin hin miidhamane, akkanatti bara daran dheeraa ofirraa hin qolanne. Kunoo uummanni keenya kun akkuma mammaaksi Oromoo jedhuu san: “adaamii ollaa agamsaa jiruu” tayee, guyyuu boowaa oola! Ammoo haala akkanaa kanatu Oromoota Walloo qaree, leenjisee akka isaan diina isaanitti dhufe mara tokkkummaa fi jagnummaan ofirraa faccisan isaan taasise. Warri kun mee, diinnonni isaan dadhabnaan isaan waliin nagaan jiraachuu barbaaduun: isaan wajjin walfuudhee, wallirraa horee, isaaniin diinota itti-dhufan cufa ofirraa ittisaa jaarraawwan hedduu Gondor, Dabrataabor-ii fi Dabramaariqoos faatti taayitaa mootummaa isaan waliin hiratee, biyya isaanii takkaa nagaa fi nageenyi keessatti hin argamne nageesse, tasagabbeessee jiraatee jiraachisisaa ture. Baroota kanneen keessa sirni warra Amaaraa fi sirni Oromoota Kaabaa kun walballeessuu, walliqimsuu, aadaa walii micirqisuu otoo hin taane, haqaa fi mirga walii waliif beekanii, wajjin jiraachuu kan jedhamu irratti waan bu’ureeffamaniif seenaa naannoo Gaafa Afrikaa kana keessatti Habashoonni nagaa fi nageenyaan akka Oromoo wajjin walkabajanii jiraatan taasifame. Afaan Amaaraa fi Afaan Oromoo Gondoritti walcinaa afaan mootummaa tahuun ittiin hojjatama ture.

Haatahu malee, nagaa fi waldandeettiin kun gara waggaalee 150 booda shifticha Kaasaa jedhamu kan Teediroos jedhee of-waamuun, isa marcuma  mootummaa Biyya Habashaa koreen mancaafame. Teediroos, namtichi maaratuu gabaa keessaa kun gaafuma tooftaa harkatti galafate: “ani diinota laman qaba – kunneenis Oromootaa fi Muslimoota. Lameenuu biyya gadi-dhiisanii deemuu qabu!“, jedhee lallabe. Raajii rabbii mee Muslimoonni Walloo fi Oromoonni biyya ofii gadi-dhiisanii eessa dhaqu? Kan hedduu nama dhibu waggaalee 166 booda har’a Oromoonni Walloo weerartoota fi oftuultota miseensota mootummaa naannoo Amaaratin: “isin biyya asii hin qabdanii biyya keenya gadhiisatii biyya keessan Wallaggatti galaa” jechuu isaanii ti. Milishoonni naannoo Amaaraa isaan Laga Abbayyaa cewuun Oromiyaa keessaa Horroo-Guduruu Wallaggaa-tti uummata keenya fixaa jiran immoo Oromoota Wallaggaatiin: “biyyi keessan asii mitii, biyya keenya gadi-dhiisatii gara duraan dhuftan Madagaaskaaritti deebiyaa!“,  jechaati jiru! Barri ni dhufa ni dabra. Sammuu fi gochi ilmoo namaa gegeeddaramaa, wawayyaawaa adeema. Yaa Waaq kan iliitota Amaaraa kun ammas baruma Teediroos keessatti argamaa?

Ammaan tana nuti kan deebifnee, deddeebfinee dureewwan Amaaraa kanatti himnu, “maraatummaa fi bineensummaan akkanaa kun duris obboo Teediroosif hin tollee, har’as isiniif hin toluu, gocha bineensummaa irraa of-qabaatii, gara gocha namummaatti deebiyuun uummatoota ollaa keessanii: Oromoos tahee Qimaanti, Agawoos tahee Tigree, Gumuzis tahee Bartaa waliin nagaan jiraaddhaa“, jenna! Eekaa, Teediroos akkanatti Oromoo fi Muslimoota lafarraa duguuguuf ka’eeyyu, inni Oromoota Walloo fi Yajjuu jiraa isaanii hallayyaa qilee Tulluu Maqadallaa irraa gadi darbachuun fixaa ture, booda hojii ofii argachuun harkuma nama Oromootti du’e. Inni iliitonni Amaaraa: “harka koo warra Ingiliziitti hin kennu jedhe of-ajeesse jedhan sun soba!” Kun seenaa nama maraataa kanaa bareechuuf kan kaayame.

Amma gara dubbii isa kaanifeetti yoo deebine, Oromoonni Walloo kun amma erga baatii dabre kana keessatii miti, kan ajjeefamaa jirani. Yoo xiqqaate haalli isaan keessatti argaman suukaneessaan kun gara waggaalee sadii fudhateetoo jira. Inni ammaa kun waan guyyaa saafaa, ifumaa ifatti taheef, nuti Oromoonni naannolee biroos addunyaanis arguu dandeenye. Biyyuma kamittuu nama madeeffamee mana yaalaa geeffamaa jiru, konkolaataa keessaa gadibaasanii irbaata kilaashinkoo gochuun hin argamu. Biyyuma kamittuu, aadaa-dhuma kam keessattuu: daa’imman, manguddoonni, dubartoonni ulfaa, daddhabdoonni faa dhukaasaan hin galaafatamani. Aadaan akkanaa kun, aadaan ilmoo namaa sadarkaa bineeyyiitti gadi-deebisu kun “aadaa uummata Amaaraa” miti. Aadaan kun aadaa uummata Amaaraa otoo hin taane, aadaa nafxanyoota moofaa fi nafxanyoota haaraa ti! Warri dur bara Minilik nama-nyaataa san: Aannoleetti, Calanqootti, Gullallee Finfinneetti, Darraa Salaalee faatti, dabrees uummatoota obbolaa keenyaa: Walaayitaa, Kafichoo fi Diimmee faa irratti gocha faashistummaa raawwate, gonkumaa uummata Amaaraa miti! Kanneen kana godhan dureewwan Amaaraa Minilik faa, raas Dargee faa fi nafxanyoota!

Yaa Oromoo koo, yaa uummata gara-laafessa laatee-bulchaa koo, kunoo amma obbolaan kee Oromoonni Walloo ijuma kee duratti akka baala mukaatti diinaan harcaafamaa jiru! Nama bira kutee manneen isaanii fi gandeen isaanii gubachaa jiru. Waan qabduun isaan cinaa dhaabaddhu! Iyyiitii iyya isaanii dabarsi! Alaa-manaa tokkoomitii karaa hundaan of-ijaarudhaan isaan bira gori! “Jibaat caakkaan daggalaa, leencotati itti-galaa, kormee keessa maggaalaa —!“, jenneetoo kan faarsaa guddanne sun, kunoo har’a lootee-galtuu nafxanyaattiin barbaddeeffamaa Jira! Oromoonis, Oromiyaanis gubachaa jiru jechaa dha! Abadan otoo nuti lubbuun jirruu, Oromoonis, Oromiyaanis diinaan hin gubatani, nafxanyaadhaan hin barbadeeffamani! Qarree fi qeerroon, jaartii f jaarsi, haayyolee Siiqqee fi abbootiin Gadaa waltahuun ol-haa-kaanu! Oromoon Walloo inni Afaan Oromoo dubbatus, inni afaan isaa akka irraanfatu taasifmee Afaan Amaaraa dubbatus: Walloo guutuun, Yajjuu fi Raayyaan cufti gara godina Oromiyaatti deebifamuu qabu! Uummanni keenya jagni kun lafarraa duguugamuu jalaa kan hafu, yoo Oromiyaa isaa keessatti tiruuwwan isaa Oromoota biroo waliin jiraate qofa!<

==============    //    ==============

Be the first to comment

Leave a Reply

Your email address will not be published.


*


This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.