By | August 21, 2019


Oromo Liberation Army (aka WBO) Overran 10 districts in West Oromia

August 21, 2019

News coming from West Oromia indicates that the Oromo Liberation Army overran 10 districts this morning, including the districts of Boojjii Coqorsa, Ayiraa, Laaloo­ Assaabii, Najjoo, Qondaala, Begii, Jaarsoo, Baabboo Gambeel and Qil­xu. Government military posts and OPDO structure were dismantled. Large military hardware and ammunition were captured.

In a coordination with the campaign in West Oromia, Oromo Liberation Army in Gujjii zone attacked military posts this morning. Details will be posted as obtained

There is no word from the Government about OLA attacks as usual.

ODUU AMMA NU GAHE!

Uffee har’aas Itti Muddameera!
Ganama har’aa Hagayya 21, 2019 Lola wal irraa hin cinne sa’aatii 12:00 irraa eegalee hanga ammatti WBO fi Shiftaa RIB gidduutti Lixa Oromiyaa Aanaalee Kudhan (10) keessatti gaggeeffameen #Caasaan_OPDOBulchiinsi EPRDF guutumaa guutuutti Diigameera

WBOn Inijifannoo gurguddaa galmeessu akkuma itti fufeetti jira.
Aanaalee Wallagga Lixaa jiran keessaa

Boojjii Coqorsa, Ayiraa, Laaloo­ Assaabii, Najjoo,Qondaala, Begii ,Jaarsoo, Baabboo Gambeel ,Qil­xu ganama har’aa To’annoo ajajaa WBO zoonii Lixaa Jaal Marroo Jala galaniiru! Kaampiin Command post baay’een Rukkutameera! Hanga ammatti Shiftaan Rip Agaaziin 61 ajjeeffamteetti, Meeshaan gurguddaan, Qabeenyi baay’ee To’annoo WBO jala gallera! Ajajaan 100 fi 50 dabalatee RIP 6 hidhannoo guutuu waliin To’annoo WBO jala galaniiru!
Osoo Kaadiroonni OPDO Lixa Maraachaa jirtu

#Baha_Oromiyaa
Harargee Bahaa Aanaa Fadiis Magaalaa #Bokkoo Keessatti Qeerroon Fadiis Kaadiree, Dabballee OPDO, Bulchinsa Aanaa jalaa Mana Jireenya, Waajjiraalee OPDO kan Uummata Oromoo gidduutti Shira Xaxxaa jiran diiganiiru.
Qeerroon Fadiis Mana gantuu diiguu keessaniif hedduu galatoomaa! Garuu Obbolowan keessan kan warra #Faccaatuu OPDO fi Nafxanyaa isiin keessa jirtuutu shira isiin gidduutti xaxxe Qeerroo Faccaatuu wajjiin Tokkummaa keessan Cimsaa! Tarkaanfiin Qeerroon fadiis Gantuufi Basaastuu OPDO Irratti fudhatte kun guutuu Oromiyaatti Cimee itti fufuu qaba!

Kanaan booda warri Uummata Oromoo irratti shira xaxxu Qabeenya isaa waliin barbadaa’uu qaba dhaamsa Qeerroo #Harargeeti!

Uummatni Oromoo Qeerroon Oromiyaa ABO/WBO Jabeessaa Qabsoon hanga Walabummaatti itti fufa! Injifannoo WBOfi Tarkaanfii Qeerroon Bulchinsa OPDO Irratti fudhachaa jirtu kana #Share godhaa namni Oromoo ta’e hundi! Keenya Lolaan Waaqaa! Barri bara Qabsooti qabsoon kan Oromiyaati Oromiyaan kan Oromooti! Share Galatoomaa!


Oduu Injifannoo Zoonii Kibbaa

Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo Godina Gujii Bahaa Aanaa Gooroo Doolaa Ganda Dhuqoo fi Raaroo magaalaa Eela Diimaa keessa socho’u barii obbooroo hardhaa tarkaanfii humna Goolessituu RIB Sirna EPDRF kan taate Agaazii irratti fudhateen injifannoo boonsaa galmeessee jira.

Lola kun sa’a 1 ol kan adeemsifame yoo ta’i Lola Bilisummaa Oromoo goonfachuu taasifametti RIB naannicha qubatee jiru guutummaatti achii ka’ee meeshaa gurguddaa booji’amee jira.

IUOf!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.