Oromoon Sirna Nafxanyaa Oromiyaa irratti ijaaruuf filannoo geggeefamu irratti hirmaachuu hin Qabu!

Oromoon Sirna Nafxanyaa Oromiyaa irratti ijaaruuf filannoo geggeefamu irratti hirmaachuu hin Qabu!


Guyyaa: Caamsaa 10, 2021

Waamicha lammummaa: Ummataa Oromoo Bal’aaf Miidiyaalee Oromoo Hundaaf Firoottan Oromoo Hundaaf

Nuti, miseensonni Waltajjii Marii Oromiyaa Idil-Addunyaa (Oromia Global Forum), ummanni Oromoo filannoo sobaa, filannoo sirna gita bittuu-nafxanyaa ummata keenya irratti deebisanii ijaaruuf godhamu irrati sabni keenya akka hin hirmaanne wamicha lammummaa fi obbolummaa dhiheessina.

Filannoon kun dorgommii nafxanyoota jidduutti godhamaa jiru malee filannoo sabaaf sab-lammoonni empire itoophiyaa keessa jiran keessatti hirmaatan miti. Kanaafuu, Oromoon filannoo sobaa kanarratti qooda fudhachuun Oromummaa fi Oromiyyaa irrati murtii du’aa dabarsuu dhaa.

Ummanni Oromoo waanjoo gabrummaa ofirraa darbuuf bara dheeraaf qabsoo hadhooftuu godhee wareegama ulfaataa baasaa as-gahuun isaa addunyaa irraa dhokataa miti. Keessattuu, bara 2014-2018 ilmaan qaqqaalii kumaatamaan itti wareegee mootummaa cunqursaa EPRDF sabaaf sab-lammoota irraa buqqisee TPLFn maqaleetti erga galcheen booda abdii guddaa horatee ture. Haa ta’u malee OPDOn TPLF waliin saba keenya miidhaa turte “nuti TPLFn dirqamne malee saba keenya hin miinu” jechuun afaan mi’eeffattee injifannoo saba keenyaa jalaa buttee diinaaf (nafxanyaaf) kennite. Gaaffii sabni Oromoo bara dheeraaf gaafataa ture tokkollee otuu hin deebisin, akkuma bara TPLF, ammallee Oromoo diina godhattee leelliftoota sirna nafxanyaa fira taasifachuudhaan, waggoota sadan darban midhaa hamaa saba keenyarraan gahaa turte. Hadhas gahaa jirti.

Akkuma Oromoo waggoota kuma dudduubatti hanbifna jedhan,filannoo Oromoon keessatti hin hirmaanne qopheeffachuun Oromoo waanjoo garbummaa isa dhumaatti galchuuf karooreffatanii halkaniif guyyaa hojjiitti jiru.

Dhaabbolii Oromoo bilisa ta’an ABO fi KFO irratti duulanii maqaa adda addaa itti maxxansuun siyaasaa biyyattii keessaa ala taasisuuf yaalii guddaa godhaniiru, godhaas jiru. Kana keessaa inni mullataan beekamu hoogganoota Oromoo badii tokko malee maqaa xureessuun kan akka Abdii Raggaasaa, Col. Gammachuu Ayyaanaa, Jawaar Mohammed, Baqqalaa Garbbaa, Dajanee Xaafaa Mikaa’eel Booranaa, Hamzaa Adane, Kennasaa Ayyaanaaf kan kumaantamaan lakkaahamanu mana hidhaatti guuruun dararaa hamaa irraan gahaa jiru. Warra hafanimmoo mana keessatti ugguranii dhiibbaa adda addaa irraan gahaa jiru.

Dhaabboliin bilisa ta’an mirga abbaa biyyummaa keetiif falman ABO fi KFOn akka filannoo kana irratti hin hirmaanne dhiibanii tapha siyaasaa keessaa ala taasisuun akka ati carraa jara filachuu hin arganne si godhaniiru.

Karaa biraatiin garuu dhaabbolii siyaasaa nafxanyaaf haala mijjeessanii akka isaan hanqina tokko malee filannoo kana irratti hirmaataa jiranu atuu argaa jirta. Fakkeenyaaf waltajjii marii morkattootaa jedhanu irratti akka Oromoon qooda hin fudhanne godhamee atuu argaa jirta.

Filannoon dhaabboliin Oromoo bilisa ta’an ABO fi KFOn keessatti hin hirmaanne, akka nafxanyaan aangoo dhuunfattu taasisa. Nafxanyaan aangoo dhuunfachuun ammoo, Oromiyaa fi Oromootti irratti miidhaa heddu fiduuf deemaa:

  1. Sirna federaalaa diiguun sirna Minilik jalqabe fiixaan baasuun Oromoo fi Oromiyaa dhabamsiisa.
  2. Heera (Constitution) biyyattii balleesuun mirga sabaaf sab-lammootta raggaasifame guutuu guutummaatti haquun akkuma bara Minilik afaan Amaaraa dubbachuun, amantii tokko hordofuudirqiii taasisa.
  3. Afaan Amaaraa afaan impaayera Itoophiyaa gochuun Afaan Oromoo akka ittiin hin baranne, akka ittiin hojenne ittiin seeraan dhorkama.
  4. Oromoon afaan isaatiif aadaa isaa akka hin shaakalle, akka hin guddifnee fi hin babalifanne akkuma bara nafxanyoota darbanii afaan keetiin mana murtii fi waajjira mootummaatti tajaajila argachuu dhabda.
  5. Oromiyaan akka biyyaattimaapii (kaartaa) biyyoolessaa irraa haqamtee nafxanyaan akka isaaf ta’utti impaayera ijaarata.
  6. Finfinneen Amaaraa qofaan dhuunfatamtee Oromoon taa’anii Finfinnee keessa jiraachuun yakka ta’a.
  7. Seera adda addaa baasuun lafaaf qe’ee keerraa si buqqisuun firoota isaanii Goojjaamif Gondorii fidaniii lafee kee irratti qubachiisan. Abbaa biyyummaa kee haqan.
  8. Walumaa galatti, kaayyoon jaraa inni dhumaa duula Oromummaa, mallattoo eenyummaa keetii, irrati banan seeraan impaayerattii guutuu keessatti yakka gochuun lafa addunyaa irraa haquu dhaa.

Waltajjiin Marii Oromiaa Idil-Addunyaa, filannoo sobaa kan sabni Oromoo irraa ugguramee xafxanayaan qofti Oromiyaa dhuunfachuuf irratti wal-dorgomtu hadheeffatee balaaleffachaa, ummanni keenya filannoo sobaa kanarratti hirmaachuudhaan xafxanyoota akka ofirratti hin aangomsine waamicha goona . Filannoon dirqiin ta’uu hin jiru. Lammiileen Oromiyaa hundi, wamicha keenya kana hordofuudhaan / fudhachuudhaan filannoo sobaa, kan Oromummaa, eenyummaa keenya baleessuu irratti xiyyaafatee nafxanyootaan deemaa jiru kanarratti akkaa qooda hin fudhane irra-deddeebinee waamicha keenya dabarsina.

Mootummoonni addunyaa, filannoon Abiyi fi nafxanyoonni gaggeessuuf deeman, filannoo kijibaa ta’uu ragaa bahuudhaan filannoo kun seera qabeessa miti, dimokraatawaa miti, ulaagaa filannoo adduunya hin guutu jechuun harkatti kuffisanii jiru. Lammiileen Oromiyaa’llee dhugaa addunyaan hubatte tana hubachuudhaan, filannoo sobaa irraa qooda fudhachuu dhiisuun, qabsoo haqaa, qabsoo bilisummaa, qabsoo abbaa biyyummaa Oromiyaa mirkaneeffachuuf, karoora Abiy fi nafxanyootaa akka fashaleessan waamicha goona.

Injifannoon Ummata Oromoof!!!

Walatajii Marii Oromiyaa Idil-Addnuyaa

Be the first to comment

Leave a Reply

Your email address will not be published.


*


This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.