QABSOO FINIINSUUN…WAREEGAMTOOTATTI. KABAJAA HORUUDHAA !!! Kutaa 2ffaa

QABSOO FINIINSUUN…WAREEGAMTOOTATTI. KABAJAA HORUUDHAA !!! Kutaa 2ffaa

SEENAA Y.G (2005), kutaa 2ffaa,         Ebla 5, 2018

Hiwaatoonni hangamuu Biyyatti waa hudaan dhunfataniis, sodaan isaanii akka malee dabaleera.Hegareen isaanii garamitti akka deemtuu tilmaamanii mataa cabaa jiru.Waan Biyya sana keessatti umamee jiru hundaaf ,Qabsoo Oromoo ABOn hogganamuu FI sochii Qeerroo dhalchee addunyaa ajaa’ibsiisaa jiruutu qooda olaanaa qabaata. KOMAANDI POSTIIN Ummata Muratee gonkumaa hin dhaabuu. Akka hin dhaabnees ka mirkaneessu hidhaa fi ajjeechaan itti fufu isaatii.Sochiin Ummata keenyaa wayyaanee Biyyee arraabsiisee akka ture, har’aa midiyaan isaanii ifatti baasuu eegalaniiru.Doolaarri dhibuu fi waan ittin bitamuu dhabuurraa haala hamaan umamuu dubbataa jiru. Ammallee Dingdeen Biyyatti sadarkaa hin tilmaamneerra ga’eera.Maallaqini iliqiidhaan fudhamee Doolaara Biliyoona 300tti hiiqeera.kun Idaa wayyaanee dhaloonni keenya akka kaffalaa jiraatuu irratti murteedhaa. Toftaan wayyaane biyyeetti makee, akka walitti galagaltuu taasisee, ammallee nu harkaa jira.Kanaaf ammallee mummicha ministiraa haaraaf yeroon haa laalaatamuu jedhamee sirba warra gawwaa dhaggeeffachuu dhiifnee, qaawwaa Komaandi postii keessaan haasa’uun itti fufu qaba. Gonkumaa hafuraa laachuufii hin qabnuu .Mummichi ministeeraa haaraan kun ka inni kufus ta’ee ka’uu danda’uu, qulqullummaa ykn hammeenya Ummata Oromoo irratti raawwatuun murtaa’aa. Qabsoon Qeerroo ABOn guddiseen gaggeeffamaa jirtuu waa hedduu nu argisfteetti jennee kutaa 1ffaa keessatti dubbanneerra.Kutaa 2ffaas, dhaloota qilleensarraan eegalla.Namoonni warra isaaniif wareegamaniif kabajaa hin qabaannee, isa lubbuun jiruufis kabajaa qabu jedhee amanuun gonkumaa dhugaarraa fagaachuudhaa.

  1. Dhaloota siyaasa qilleensarraan machaa’ee

Dhalooti Qilleensumarratti siyaasa gaggeessuu kun warra qaanii hin beeknee. Qabatamaan lafarra hin jiran. Garuu qilleensumarraa wacabaruu. , warra pirazadantummaaf dorgoman fakkaatu. Waa hundaarratti ibsa kennan. Xiinxalaan wal cabsan.Garuu waa of jalaa hin qaban.Idolojii farnjiin of guutanii baallee malee balali’uu. Ani yeroo tokko tokko jara kana biyyumatti deebinee, nama isaan jala hiriiree jiru odoo ilaalleen jedha. Gabaasa keessaa nu dhaqabee,,,,dubbii icittii,,,sagalee waraabamee nu dhaqabee …kkf jedhanii caasaa qabaachuu nutty himuu barbaadu. Qilleensarraa wacuu malee, dhaaba siyaasaa ijaaranii waan itti amanan ummata fudhachiisanii socha’uu hinfedhan. Isaaniis hin dhaaban ykn hin jiraaman, deebisanii isuma jiru abaaranii diiguu barbaadu. Waadaa Gootootaa naffisan. Nama siyaasaati Of waaman. Nuutu caalaan of dhiitessuu. Nuutu waan hundaa beekaan wal cabsan.Nuuti sirna gadaa Oromoo keessaa baanee jedhu.Garuu guyyuu nama nyaatanii wal nyaatan.KOCHOO malee qilleensumarra balala’iiuu. Intarneetii fi tv intarneetaa irratti qabsaa’uu. Gootoota lubbuu kennanitti dahatanii maqaa fudhachuuf wal dhiiban.

Jarri dhalaandhaltuu siyaasaa kun, waan ofii hojjatanii qabsoo kanaaf furmaata dhiheessan ykn ta’anii argaman gonkumaa hin jiru. Halkanii fi guyyaa waan namni itti wareegamee argamsiisee ykn ta’iinsa adda addaa faana dhahanii haasa’uu dhaa.Waan dhiigan argamee haasaa arrabaan qixxeessuu barbaadan. Dhiignii habashummaa nama tokko keessatti olaantumaa qabdii taanaan, abbaan sun numa maraata. Waan hojjatullee hin beeku.Namoonni hawaasa biratti gooftaa of godhanii mul’achuuf yaalan, irra jireessi isaanii dhiigaan Oromoodhaa malee, jiruu fi jireenyi isaanii Habshaadhaa.Yoo aaran amaariffatti Utaalan. Arrabsoo fi tuffiitti fiigan .kun hundi mallattoo isaaniiti. Garuu adeemsi akkasii gonkumaa qabsoof bu’aa hin buusuu.Qabsoon obsaa fi murannoo yeroo dheeraa barbaaddii. Jarri ammo shaqaxa har’arra buufanna jedhanii warra fiiganii.Kanaaf adeemsi isaanii baatii 6 hin caaluu.Siyaasini qilleensarraa hamtuudhaa.Nama salphiftii.Gantummaan nama dhaabdii.

  1. Saamtoota Siyaasaa :-

Saamtoonni siyaasaa yeroo hundaaa natu caalaa jedhuu. Ilaa fi ilaameen isaaniif dhukkuba. Akkuma habashootaa warra of argisiisuu barbaadaniin tokko. Yeroo hundaa qabsoo ilaallatee haa ta’uu ,qabsoo Oromoon walqabatee yoo waa tokko umamee , hatattamaan waan Umamee sanairratti abbaa ta’uu ykn waan raawwatamee sana keessa akka beekan ibsachuutti jarjaruu. Namoonni akkasii kunoo waggaa 15 lakkofsiisan. Waan Oromoof asi baasan hin jiru. Yeroo eeggatanii akkaataa dantaa isaanii ol kaafatu eeggatu. Dhugaa dhaga’uu fi argullee hin barbaadan.Saamtoonn iSiyaasaa ABO saamuuf ykn dhaaluuf hedduu carraaqan.Walii galaniillee dhaaluu hin beekan.Hundumtuu ABO mataasaa ijaarratee abbaa itti ta’uu barbaada. Kanaaf baayyee osoo hin tarkaanfatiin kufanii caccabuu.gama kanaan seenaan waa hedduu nu argisiisee jira.Namoonni amala kana ka horatan gamalamaaniin. Tokko Umamumaan qabatanii dhalatuu.Inni kaan ammo guddateema, saamtoota waliin oolee saamtoota ijaarrata.Jarri akkasii dabalataan ,maatii isaanii dabarsanii warra kennan.dantaa isaanii qofaa dursanii socha’aan. Garuu dhumniisaanii salphina.Gama kanaanis seenaa hedduu argine.

  1. Baaburrii Qabsoo Oromoo kanarra waa hedduu nu argisiisuuf ta’aa.

Dabeessaa fi gantoota akkasumas, hayyaallaltoota akkuma nu argisiisee, Gootoota Oromoo hedduu nu daawwachiiseera. Qabsaa’oonni cichoomiinaa fi muranoo qaban, Baabura yaabbatan irraa gonkumaa hin buunee. Warri sooramuu wayyaanee arganii baabuura yaabbatan, yeroon itti dheerannaan obsa dhabanii irraa harca’anii jiran. Baaburri kun Nama kana Ungulaalaa deemtee, kanneen qormaata qabsoo dabran kabajaan baadhattee gara Bilisummaatti imalaaa jirtii. Qeerroon Oromoo miliyoonaan lakkaa’amuu ega baabura qabsootti makamanii ,Forgoon baabura bilisummaa guyyuu dabalaa jira. Qabsoo finiinsanii argamuun , wareegamtootatti kabajaa horuu ta’uu hubatameera. Kun lammiif gammachuudhaa. Diinaaf garuu yaaddoo guddaa ta;ee, isaani diigaa jira. Warra qilleensarratti jirra jedhanii arreedan, waan itti moggaasan san keessaa ummati yoo dhabee jedhanii yaaddoo seenaniiru. Hattoonni hundi wal digaa jiran. Baaburri Oromoo har’aa akka kaleessaa suuta deemaa hin jiru. Arreedaa jira. Sochiin isaa Oromootaaf abdiidhaan akka isaan eeggatan taasisaa jira. Baabura kanarraa harca’anii ka’anii qeeqaaf hiriiruun wallaalummaa isa olaanaadhaa. Waan keessa hin jirre, isayyuu waan lubbuu itti baasan, harcaatoonni seenaa akkamiin qeeqaaf dura dhaabbatu ?safuu wallaaluudhaa.

  1. Beektoota Qabsoo fi Ummata kanaaf abdannee, bakka salphinaatti arginnee hedduu.

Beekumsii fi maanguddummaan Oromoof toluu diinaaf michoomee kaa garree meeqaantama. Dantaa fi ofittummaan qalbii beektootaa gaaditee, dhugaa gaafa awwaalanii irra ejjachu yaalan argineerra.Lubbuuu ilmaan isaa, lubbuu obboloota isaa, lubbuu lammi isaa kumaantamaa qarshii fi gammachuu yeroof dabarsee ka kennee1,2,3…..jennee lakkoofneerra. Beekumsii yoo akkas nama gootii taatee JENNEE ,Qotee bulaa qulqulluu sana nu yaadechiisee meeqa arginee ? hedduu ,,,,hedduu. Kun seeruma umamaa keessa ni jira. Yeroo tokko tokko dantaa fi lubbuu namaa walbira qabanii ilaaluun madaala kamiinuu fudhatama akka hin qabnee osoo beekamuu, kanneen Beekumsaa fi Umurii isaanii hojii rakashaaf dabarsanii kennan hedduu nama gaddisiisa. Kana hundaarra tarkaanfannee amma bakka geenyurra jirra. Dhugaan yoomillee ni injifatti. Salphataanis, akkuma salphina isaatti seenaa isaa keessaa argachuuf jiraa.

Qabsoon Oromoo guyyuu jabaachaa jira.Hangasumaa dhageettiin isaa dabalaa jira.Oromoon furmaata nageenyaa biyya sanaa ta’eera. Amma qabaa isaa beekuutuu nu barbaachisa.Waan wal qabatee dhufuf jiruu gama hundaan tilmaamanii irratti qophaa’uun hedduu barbaachisaadhaa. Qophii akkamii ?kutaa 3ffaa keessattiilaalla.

HORAA BULAA !!!!

Tan Dabre:

QABSOO FINIINSUUN…WAREEGAMTOOTATTI. KABAJAA HORUUDHAA !!! – Kutaa 1ffaa

Be the first to comment

Leave a Reply

Your email address will not be published.


*


This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.