By | July 11, 2019


Qabsoon Bilisummaa Oromoo eessaa ka’ee garamitti deemaa jira? – MARSAA LAMMAFFAA – Lakkoofsa Saglaffaa

Berhanu Hundee, Adooleessa 11, 2019

Barreeffama lakkoofsa saddeettaffaa keessatti yaalii fonqolcha mootummaa laalchisee yaalii kana booda maaltu ta’uuf akka deemu fi akkasumas garaagarummaa Sabboonummaa Oromoo fi Sabboonummaa Amaaraa jidduu jiru laalchisee waan tokko tokko dhiyeesseen ture. Barreeffama lakkoofsa saglaffaa kana keessatti waan yeroo ammaa Oromiyaa keessatti deemaa jiru laalchisee waan hubatamaa jiru tokko tokkon dhiyeessa.

Waan uummata Oromoo qoqqoodu hojjechaa tokkummaa Oromoo mirkaneessuun akkamitti danda’ama?

Yeroo ammaa sababaalee adda addaatiin rakkooleen gara garaa uummata Oromoorra gahaa akka jiru miidiyaalee gara garaarraa dhagahamaa jira. Jijjiiramni amma dhufaa jiru kun wareegama ulfaataa uummatni Oromoo kaffaleen akka ta’e waan Addunyaa guutuun beekuu dha. Dhugaan lafarra jiru waan biraa ta’ullee, mootummaan ammaa kun mootummaa Oromoo ti jedhamees odeeffama. Uummatni Oromoo garuu har’as rakkoolee adda addaa keessa akka jiru waan haalamuu miti. Kan nama dinqu mootummaan tokko mootummaa uummata tokkoo ti yoo jedhamu, silaa wanti biraallee yoo hafee xinnaatee yoo xinnaate nagaa uummata kanaa eeguu fi eegsisuu danda’uutu irra ture. Mootummaa Naannoo Oromiyaas ta’ee kan Federaalaa garuu waan kana godhaa hin jiru. Akkuma baddaatti tuqame, uummatni keenya har’a sababaalee adda addaatiin hidhamaa, reebamaa, fi rakkooleen gara garaa irra gahaa jira. Barreeffama kana keessatti rakkoolee adda addaa kana keessaa tokko tokko ibsuun yaala.

Oromoon dhugumatti miseensa ykn deeggaraa jaarmayaa Amaaraa NaMa (***) ta’ee sababa kanaan reebamuun haqaa?

Jaarmayaan NaMa jedhamu kun farra-Oromoo akka ta’e wantootni agarsiisan hedduu osoo jiranuu, Oromoo akkamiitu dhugumatti miseensa ykn deeggaraa jaarmayaa kanaa ta’a jedhamee shakkama? Kun waan dhugaarraa fagaate fi kan baay’ee nama dinquu dha. Amaaraa Afaan Oromoo dubbatu fi Oromiyaa keessa jiraatu yoo ta’e, kun waan biraa ti. Kan kanarraa hafan garuu Oromoon sababa kanaan shakkamanii reebamuu fi hidhamuun gonkumaa waan fudhatama hin qabnee dha. Jaarmayaan kun uummata Oromoo miidhuuf Oromiyaa keessatti garee ijaarrachaa akka ture fi jiru himamaa jiraa mitii? Humnoota akkanaa kana adabuu dha malee, maqaa jaarmayaa farra-QBO ta’e kanaatiin Oromoo shakkuun fafa. Kun dhugamatti waan nama kofalchiisuu dhas.

Har’as akkuma bara 1991 ABO laaffisuuf ykn yoo danda’ame dhabamsiisuuf miseensotni fi deeggartootni ABO reebamuu fi hidhamuu qabuu?

Asirratti haala bara 1991/92 ture fi har’a bara 2019 jiru walbira qabee yoon laalu, walfakkii akka qabun hubadha. Bara 1991 ABO fi ADWUIn waliigaltee godhanii, mootummaa ce’umsaa waliin ijaaranii, filmaata bara 1992f qophii calqaban. Haa ta’u malee, qophii filmaataa sana keessatti miseensota fi deeggartoota ABOrra wanti gahaa ture kan seenaan ragaa bahu dha. Sana qofaa miti; balaa WBOrra gaheen kisaaraa hamma kana hin jedhamnetu mooraa ABO fi QBO keessatti argame. Wanti har’a bara 2019 deemaa jirus kan yeroo sanaa wajjin karaa hedduudhaan walfakkaata. Bara 2018/19 ABOn mootummaa waliin waliigaltee godhee, karaa nagaatiin qabsaa’uuf hoggansi isaas biyyatti deebi’ee, akka filmaataaf ofqopheessu godhame. Haa ta’u malee, akka miidiyaarraa dhagahamaa jirutti, miseensotni ABO akka barbaadanitti socha’uu akka hin dandeenye fi kana birallee dabramee, miseensotni fi deeggartootni ABO hidhamaa akka jiran gabaasame. Karaa WBOtiinis yoo laalle, akkuma bara 1992 WBO dhabamsiisuuf, har’a maqaa biraa itti baasanii, “Shiftoota” jedhamanii irratti duulamaa jira. Wanti ani asitti barreessaa jiru kun hunduu waanuma ifaa ifatti lafarratti mula’chaa jiru waan ta’eef, olola godhuuf waan dhara ta’e barreessaa hin jiru. Qabxiilee lamaan baddaatti ka’an kanaaf ragaan barbaachisaa yoo ta’e, gaafii fi deebii ONN miseensota ABO godinaalee Oromiyaa adda addaa wajjin dhiyoo kana godhe laaluun gahaa dha.

Gara mata duree barreeffama kanaatti deebi’uuf, sababni ani waayee tokkummaa Oromoo kaaseef, marii Hayyoota Oromoo nagaa fi misoomaaf jedhamee Adaamaatti godhame tokkorratti waan I/A Pirezidaantiin MNO, Obboo Shimallis dubbate tokko yaadadheetani. Haasa’a Obboo Shimallis keessatti akka dubbii ijootti kan itti xiyyeeffatame tokkummaa uummata Oromoo ti. Kun waan deeggarmuu qabu fi waan gaarii dha. Haa ta’u malee, karaa tokkoon tokkummaa Oromoo faarsaa; karaa biraatiin garuu bulchinsa MNO kan Obboo Shimallisiin hogganamu keessatti wanti tokkummaa Oromoo faallessu hojjetamuun gara tokkoo ijaaraa gara biraatiin diiguu hin fakkaatuu? Ana akka natti mul’atutti, dhaabni OPDO ture fi har’a maqaa jijjiirratee ODP jedhamu kun amaluma dur sana qabatee waan jiru fakkaata. Adeemsi, tooftaa fi tarsiimoon dhaabni kun har’as hordofaa jiru isuma dur sana wajjin walfakkaata. Yoo dhimmi kun sirriitti itti hin yaadamne fi hin sirreeffamne, kun tokummaa uummata Oromootiif baay’ee balaa guddaa ta’a.

Dhumarratti, maqaa tokkummaa biyyattii tanaa eeguutiin; maqaa seera fi heera kabachiisuu jedhuun; isaan kana haguuggatanii uummata keenyarratti daba hojjechuun eessanuu nama hin gahu. Rakkoolee mana ofiis (rakkoolee Oromoo) karaa nagaatiin hiikuuf marii goadhuu dha malee, tokko kan biraa humnaan balleessuu yaaluun furmaata xumuraa hin fidu. Kanaafuu, missensota fi deeggartoota ABO reebuu fi hidhuun akkasumas miseensota WBO Shiftoota jedhanii waraana irratti labsuun sirrii waan hin taaneef, falas ta’ee malas waan hin taaneef, ibidda mana keenyaa dhaamsuu danda’uun hundaafuu bu’aa qaba jedheen amana. Kan kanaa alaa balleessanii boodarra ofiifis baduu ta’a. Dhugaan garuu booda akka injifattu shakkiin hin jiru.

Hanga dhimma biraatiin walitti debinutti nagaatti

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.