By | November 19, 2019


Kutaa 4ffaa  | Sadaasa 19, 2019

Ayyaanaa Goobanaa fi Caalaa Hayiluu.

Akeeki fi muldhanni keenya biyya Walaboomtee fi ummata bilisoome qabaachuu dha.

Dhugaa Oromoon qabuu fi afaan-faajjii adeemaa jiru.

Akka nama dhuunfaa tokkoottis tahee hawaasaa bal’aatti sabni Oromoo sirna gabrummaa alagaa jala akka jiraataa jiru waan wal barsiifnu hin jiru. Haala akkanaa keessatti akeeka fi kaayyoon qabsoo Oromoo ifaa dha. Akeeki fi abjuun keenya biyya Walaboomtee fi ummata bilisoome qabaachuu taha. Kaayyoon kunis ammaa galma gahutti xiyyeeffannaan irratti hojjachuu barbabaachisa. Kaayyoon jaallan qaqqaalin saba kanaa irratti wareegaman biyya walaboomte ijaarrannee bilisaan sabi Oromoo akkuma saba adduunyaa kanaa akka jiraatuf jecha.

Haa tahu malee yeroo ammaa kana imaanaa jaallanii nyaachun, garee baayyeen maqaa saba Oromoon, maqaa adda addaa ofiif moggaasun warra afaan faajjii uumaa jiran argaa jirra. Dhugaa seenaa irratti hundaa’uun qabsoo bilisummaa fi walabummaa taasisuu irra, warra nurratti sanyii duguuggaa raawwatanii fi wakkiloota isaanii waliin qabsoo Oromoo irratti duulaa jiru.
Gaaffii Oromoo irra ejjechuun fedhii dhuunfaa ofii kan yeroo gabaabaa fiixan baafachufi olola adda addaa yeroo yeroon facaasaa jiru. Kunis dhugaa dubbachuun lafa dhugaa gahuu irra rakkoo qabsoo keessatti uumaa jiru. Isaan akkanaa kana keessaa yeroo ammaa kanas tahee waggootaa tokkoof namooti fooddaa TV. Irratti bahuun,” ilmaan Oromootu aangoo irra jira, Oromoon bilisoomeera, Gaaffiin Oromoo guutuun deebi’uu baatus waan amma qabanne (tarii Abiy Ahmed miseensi OPDO fi EPRDF waan MM-Xoophiyaa taheef tahuu mala) akka harka keenyaa hin baanee jijjiirama kana tumsuu qabna, jijjiiramni kuni akka hin guffanne jabaannee deeggaruu qofa furmaanni jiru…” jechuun ololan argaa turre, argaas jirra.

Fakkeenyaf, fincilaa yeroo darbe iratti akka yaada kennaan Marii bakka bu’oota paartiilee Oromoo jechuun LTV irratti Amaariffaan geggeeffame irratti affeeramuun namoonni maqaa jaarmiyaa dhahatanii dhiyaatan keessaa namni obbo Amiin Jundii jedhamu gama tokkoon sadarkaa Gorsaa Waajjirra G/G OPDO/ODP tti gorsaa itti aanaa Pirizidaantii mootummaa naannoo Oromiyaa tahee muudama osoo qabuu, karaa biraanimmoo dubbii himaa ABO-Tokkomee tahuun LTV irrat ”… Diinni Oromoon duraan qabaachaa turteef kan amma qabdu tokkoo miti wal adda.karaa cufuun wanjala jedhee jira. Dimokraasin ummata keenyaf suuta suuta taatu malee akka nama daai’imaaf qoricha 500 gram kenneeti” jechuun dubbachuun baayyee qaanfachiisadha. Dhaabbilee akkasii kuni akkuma bara Mallas Zeenaawwii, nama maqaan isaa Tolasaa Tasfaayee jedhamu paartii Prof. Mararaa irraa fudhachiisee, paartii sana bakka lamatti cabsuun hoogganaa jedhee of labsee, karaa biraa garuu namtichi dubbataa mootummaa EPRDF tahee fi gaafatamaa paartii mormituu tahuun isaa adda bahee kan beekamne tahuun hiibboo uummatatti tahaa ture.

Jarri kunis akkasiin afaanfaajjii Oromoo jidduutti facaasaa jiru. Hooggantoonni jara kanaa hedduun baasaastota, gorsitootaa fi muuddamaa mootummaa irraa argachuun gama biraan immoo daldala siyaasas faallaatti kaayyoo ABO qabanneet qabsoo goona jedhu.

Namooti akkana yeroo dheeraaf kaayyoo jaallan ” saba tokko, biyyaa tokkoo fi hiree tokko” jechun itti wareegaman ganuun, Oromoon sirna nama nyaataa akka leellisu dhiibbaa danda’an hunda yaalaa jiru.

Rakkoon qabsoo keenyaa keessaa fi alaan quucarsan keessaa dhugaa Oromoo dubbachuu hanqachuu dha. Dhugaa ofii dubbachuu irra fakkeessa mana barumsa habashaa keessatti baratameen of haguugnee rakkoo sabni keenya yeroo dheeraaf keessa jiru, dhugaa isaa dubbachuu dhadhabuu argaa jirra. Kaayyoo yeroo dheeraa ilmaan Oromoo qabsoo ABO’n akkuma maqaan isaa jedhu adda bilisa baasaa saba keenyaa 1974 sagantaa ifaan jaalqabe jijjiirama siyasaa Oromoo keessatti kan fidee fi sadarqaa olaanan geessisee dha. Akeeka fi kaayyoo dhugaaf jecha ilmaan Oromoon wareegaman dhugaa bade deeffachuuf ture. Yoo dhugaa kana dabsuun yaalame, ekeraan jaallan keenya bakka adeemnu hundatti of jibbinee akka jiraannu nu taasisa.

Akeeki fi muldhanni keenya biyya Walaboomtee fi ummata bilisoome qabaachuu erga tahee maal gochuutu nurraa eeggamaa?

Prof. Asafaa Jaalataa akkuma yeroo hunda gochaa ture, ammas raadiyoo sagalee walabummaa Oromiyaa(RSWO) irratti gaaffi fi deebii gaafa Onkoloolessa 29/2019 taasise keessatti waan qabsaawooti fi walii galatti sabi Oromoo gochuun irra jiru deddeebiin yaadachiisee jira. Akkasumas dargaggoo Lammii Beenyaa marii TV OBS waliin taasise irratti dhugaa gaaffii Oromoo kallattiin ibsee jira. Ilmaan Oromoo qabsoo haqaa saba keenyaa taakkun tokko hafe fiixan baasufi qabsoo irra jiru gorsa hayyuu kanaa fi deebii dargaggoon Lammii Beenya, Kaayyoo qabsoo Oromoo ilaalchise debiise dhaggeeffachuun gara hojiitti jijjiiruun barbaachisaa dha. Akkuma Prof. Asafaa Jaalataa, hayyoti Oromoo hundi beekumsa adda addaa qaban qabsoo saba ofiif gumaachun haala qabsoo Oromoof maal gochuu akka Oromoorraa eegamu ifa gochuun, dirqama Oromummaa bahuu qabu. Beekumsii akkanaa kun walitti kuufamuun Oromoon akka saba tokkootti deebi’ee akka ofii ijaaruu taasisa. Oromoon maalif akka qabsoo gochaa jiru dhugaa qabnu saba keenyas barsiisuu, alagaa fi diinaattis dhugaa hadhooftuu kana ibsuufin waan fardii dha. Dhugaa jiru kana WBOn dirree falmaa irraa, hayyooti Oromoo miidiyaalee sagalee Oromoo tahan kan akka raadiyoo sagalee Walabummaa Oromiyaa kanarratti misensootnii fi qondaalotni ABO kan kaayyoo ganamaa oso hin dagatin qabsoo irra jiran, ilmaan Oromoo miliyoonaan bifa adda addaan biyyaa keessaa fi alaan qabsoo fiixan baasuufi qabsa’aa jiran hunda caalatti of ijaarun sochii qabsoo bilisummaa fi walabummaa itti fufuun galmaan ga’uun imaanaa jaallan keenyaa fiixan baasuu ta’a. Qabsoo keenya yeroo dheeraa deemaa galma gahuuf taakkuun tokko hafe karaa irraa maqsuuf warri irratti hojjetan afaan faajjii uummun goota keenya kan akka jaal Laggasaa Waggii faa ittin daldaluu yaalun cubbuu guddaa akka tahe hubatamu qaba.

Kaayyoo jaal Laggasaa Wagii itti wareegameen daldalun bu’aa siyaasaa argachuun hin danda’amu!

Akkuma barruu keenya kutaa 3ffa keessatti xuxuquu yaalame, ilmaan saba keenyaa dammaqiinsa ol aanaa qabaachaa turan, lubbuu ofii kan wareegamaniif, kaayyoon isaan itti wareegaman osoo irraa hin sharafin bilisummaa fi walabummaa saba kanaa akka mirkanaa’uufi jecha. Isaan kana keessaa yeroo ammaa daldaala siyaasaafii dhimma itti bahuufii yaalamaa jiru keessaa tokko dhugaaf jecha kan wareegamee maqaa jaal Laggasaa Wagii irraa bu’aa siyaasaa argachuuf yaalamaa jira. Jaal Laggasaa Wagii goota kaayyoo manaa itti baheef akkuma jaallan hagafoota isaatti murannoo fi kutannoon waayee jireenyaa dhuunfaa, maatii isaa fi sadoo matayyaa hunda gatee dhugaaf jecha wareegamuun fakkii dhaloota dhufaa darbaa ta’eera.

Jaal Laggasaan bilisummaa fi walabummaa Oromiyaaf wareegame. Jaal Laggassa Wagii waaggaa 18 ol lixa Oromiyaa keessa osoo ummata isaa dammaqsuu, ijaaruu,loluufii lolchiisuu dugaaf jecha wareegame. Har’as faana isa bu’uudhan, kan akka jaal Marroo, Goollichaa, Sanyii ,jaal Ammee fi Jaal Bobbaasa faa fi warrii biraas imaanaa jaallan wareegaman hundumaa hin nyaatnu jechuun diina waliin lola hamtuu gaggeessaa jiru.

MM Itoophiyaa koloneel Abiy Ahmad, aadaa siyaasaa rakasa mana leenjii habashaa keessatti barateen maqa balleessiif ittiin daldaluu fi odeessuu osoo hin taane, jaal Laggasaa Wagii kaayyoo bilisummaa sabasaa fi walabummaa Oromiyaaf jecha,akka wareegame beekuu barbaachisa. Sanammoo itti amannaan olola rakasaa oofurra gochaan aangoo qabutti fayyadamee Oromoo agarsiisuu qaba.
Akkuma mootummaan EPRDF, jaal Laggasaa ajjeesee irratti garmaame geraree, dookumanatarii irratti hojjachiisee akka WBOs naannoo sana balleesse miidiyaa qabuun balballoomsee, mootumman EPRDF, koloneel Abiy Ahmadiin hoogganamu yeroo ammaa kanattis irra deebi’ee saba Oromoo irratti waraanaa itti bobbaasun, lixa Oromiyaa, Woallaggaa fi kibba Oromiyaa Gujii fi Boorana akkasumas giddugaleessa Oromiyaa Shawaa Lixaa fi Kaabaa keessatti Ilmaan Oromoo keessattuu qeerroo cunqursaa fi gabrummaa ofirraa lolaa jiran waraanaa itti duulsisuun ajjeesaa jira. Kun karaa siyasaas tahee safuu Oromoo fi amantii hundan fudhatama hin qabu.

Kaayyoo qabaachuun bakka yaadan ga’uu ni danda’ama!

Barruu keenya kutaa 3ffaa keessatti kaayyoo qabsoo Oromoo duriis kan jaallan irratti wareegaman ammas WBOn dirree falmii irratti kufee kuffisaa jiruu fi, ilmaan Oromoo hundi kaayyoo bilisummaa fi walabummaa saba keenyaa qabannee qabsoo geggeeffamaa jiru kana galmaan gahuun Oromoo akka sabaatti ,boohicha, saamicha, gadadoo, ajjeechaa,cunqursaa fi walumaa galatti biyya abbaa keenyaa irratti hiree keenya murteeffachuu ugguramuu jalaa akka bahee nagaan jiraatuf jecha. Kana gochuuf Oromoon akka sabaattii of ijaarun tokkummaan sochii walirraa hin cinne gochuu feesisa. Oromoon waan beeku qabu, akka sabaatti kabajaa nuuf malu argachuu fi sichis of jiraachisuuf qabsoo gochuun mirga namumaa akka tasuma dagachuu hin qabnu. Nuti Oromoon:-

Bilisa taanee dhalatnee, bilisa tanee du’uu beekuu,
Dantaa keenya beeknee akka hin sharfamnetti eegsifachuu danda’uu,
Mirga qabnu beekun tikfannee, dirqama akka sabaatti qabnus baruun nurraa eegama,
Tokkummaan dawaa waan hundaa tahuu beeknee Waliigalun alaa galuutti waan nama geessuf sana tikfachuu qabna.
Qabxiilee armaan oli kana hamma tokko gabaabatti kan kaasnef Oromoon akka saba tokkootti of ijaaruun akka barbaachisu ibsuu yaaluun, ” biyya tokko, saba tokko fi saba hiree tokko” waliin qabnu tahuu keenya beekun osoo wal hin qoodin bilisummaa keenyaf sochii gochuu barbaachisa.
Bilisa taanee dhalachuun bilisa tahani du’uu n bilisummaa dha.

Yoo uumaafi uumama ilaalle namni kamuu bilisa tahee akka dhalatu beekama dha. Haala baramaa tahe tokko keessattii abbaa fi haadh ofii itti rakkachun nama guddisuun seeruuma uumaati. Bineensonnillee akkasuma godhu. Biyya bilisa tahe keessatti safuu maatii waliin ijoollen seera biyyattiin qabduun masakamuun guddisu. Biyyoota guddatan keessatti kan akka biyya Siwidiin faa keessatti abbaa fi haati ijoollee of hamma waggaa 18 guutanitt ,seera biyyaa dhimma itti ba’uun guddifatu. Kunis yeroo guddatan akka of danda’an dabalatee taha. Waggaa 18 booda warri dirqama ofi raawwachuun,ijoollen mata ofi dandeesse bilisa taatee jiratati. Bilisa tahanii dhalatu, guddatu, hoji filatan hojjatu, soorama gahu, bilisa taha’niit du’us. Oromoonis dur Adeemsa Gadaasaatiin daa’imaa fi Dabballee ta’anii sadarkaalee fi marsaalee hunda keessa darbuun gadaamoojjii tahuun bilisaan akka jiraatanitti bilisummaan du’u ture osoo gabrummaan mataatti hin saarin.

Ammas Oromoon Bilisa taanee dhalannee, erga dhalannee booda diinni alaa humna qawween cabsee nutti seenuun qabeenya keenya saamun, lafa keenyaa fi albuuda achi keessa jiru, waan irraa oomishamu hunda dhuunfachun jireenya qananii yeroo inni jiraatu, ijoollen uummata gabroomee garuu rakkoo hiyyummaa fi gadadoo adda addaatti saaxilamaa akka jiraatanu tahe. Kanaaf jecha hundeen koloonii dhaa sammichaaf akka taheetti beekama. Amaarri fi Tigreen ( Habashoonni) kan itti jiranii fi gochaa turan kanuma. Kana jechuun biyya bilisa tahee fi gabroome keessatti adda addummaan akka jiruu dha.

Biyya gabroome kan akka biya Oromiyaa faa keessatti biyya abbaa fi haadhi ijoollee argachuun carraa guddifachu itti hin qabne argaa jirra. Kaan deegsaniit hongee fi beelan fixu, kan carraaf guddatee ija banachuun gaaffii mirgaa gaafatan immoo hundeetti haamanii gogsuun gadaamessa haadha Oromoo madeessaa, qe’ee Oromoo gaddaan haguugan. Biyya sirna apartheid akkanaa kana keessatti,haadha jalaa ijoollee ajjeesun reeffa irraa teesissun itti qoosaanii dha. Biyya abbaa fi haadhi itti rakkachun ijoollee barsiifatani gaafa tokko ilmaan keenya nu tajaajilu jedhanii osoo abdiin eeggatanii yommuu reeffi saanduqaan cufamee manatti ergamuuf, dhala isaanii qofaa miti kan awwaallatan, abdii egeree qabanis waliin awwaalu. Biyya haati Oromoo ,walumaa galatti dubartiin Oromoo kabajaa dhabdee itti salphatte, biyya haadhaa intala wal cinaatti dirqiin gudeedan, biyya shamarran rasaasan ajjeesun waraabeessa nyaachisanii dha. Walii galatti bilisaan dhaalannee gabrummaan jiraannee, gabrummaa dhuma baannee addunyaa tana gadhiisnee itti awwalamanii dha. Biyyaa jiru fi jireenyi Oromoo gadadoo fi boo’icha tahee dha. Egaa jireenya akkanaatin nu gahe jedhanii nagaa itti dhaammachuun bilisummaa Waaqayyoon namaaf laate deebisanii gonfachuun dirqama dhala Oromoo maraati.

Gochaa sirna faashistummaa fi appartaayidii kana keessattti qooda fudhachaa kan jiran diinaa beekama sirna kolonii nurratti fe’e(diina innikaa) duwwaa osoo hin taane diinaa keessoo kanneen sammuun gabroomee ergama diinaaf gugguufuu dabalatee akka tahe Oromoon dammaaqee hubachuu qaba. Kanaafuu Oromoon dammaqee kaayyoo hangafootaa keenya jalatti ijaaramuun diina keessoo fi diina innikaa irratti qabsoo gochuun bilisummaa fi walabummaa keenya mirkaneessuun waan fardiiti. Akkuma biyyootaa fi saboota addunyaa kanarratti yeroo ammaa walabummaa guutuu qabanitti, Oromoonis bilisummaan dhaalatee bilisummaan jiraatee bilisummaa isaa tikfachaa du’uuf qabsoo jabeessun barbaachisaa dha.

Dantaa keenya beeknee akka hin sharfamnetti eegsifachuu danda’uu.

Jaarraa 21ffaa keessa ammas ergamtootni ( neo- Gobaanaa’s) fi ilmaan nafxanyaa akkuma beekan, qabeenya akka dachii Oromoo kukkutachuun gabaa irratti gurgurachaa akka jiran argaa jirra. Dhuma jaarraa 19ffaa hanga jaarraa 20ffaatti bara Minilik Nafxanyaa fi warra qeesota amantii dahoo godhattee Oromoo basaastuf lafa saamaa fi akka kennaattimmoo jaraaf kennaa akkasumas loltoota isaanii qubachiisaa turan. Kanaan kan wal fakkaatu biyya abbaa hin qabne gochuun qabeenyan Oromoo hardhas samamaa jiru. Kallattii hundaan daangaan Oromoo cabaa fi dacheen Oromoo dantaa siyaasan sharafamee kennamaa jira. karaa baha Oromiyaatiin aanaleen lama Cinaaksan dabalatee, Kibba bahaatin aanaleen sadi godina Baalee irraa kuatamanii akkasumas Gujii Boorana irraayis kutamanii aanaleen hedduun Bulchiinsa naannoo Somaaleetif kennamaa jiraachuu waan hunduu beekuu fi ammallee uummanni naannoo sanaa iyyataa kan jiraniidha. Karaa kabaa Oromiyaa Walloon dhuunfachuuf uummaticha jumlaan Amhaarri fixaa jira.Gama lixaatin Goojjam Matakkalli rakko walfakkaataa Wallo keessa jiru qabu. Lixa Oromiyaas taanan biyya Oromoo Beenishaangul- Gumuziif ciranii laachun uummata nagaan waliin jiraachaa ture walirratti kaasaa guyyaa barbaadan Oromoo weeraraa jiru. Akka seenaan beekutti biyyi Oromiyaa 604 000 sq. Km. Qabeenyan akka albuudaa lafa keessa jiruu fi bineensi, bosonaa, bishaanii keessa jiru qabeenya keeti. Har’a diinni keenya qabeenya kana akkuma jirutti dhuunfachuun saamee saamsisaa jira. Yoo akka Oromootti of ijaartee qabeenyi kee akka hin saamamne fi diinaa sitti hin taane tikfachuu baatte yeroon ofii keefi ijoollee kee beelan dhabdu fagoo hin tahu. Kanafuu tokkumman of ijaarree dantaa keenyaa tikfachuun biyya abba keenyaarratti abbaa tahuuf qabsoo keenya jabeessuu qabna.

Mirga qabnu beeknee tikfannee, dirqama akka sabaatti qabnus baruun nurraa eegama.

Akkuma armaan olitti xuxxuquu yaallee namni hundi bilisa tahe dhalate. Mirga ofii beekun eeggachuun hundee jireenya namaati. Akka dhuunfattis tahee akka sabaatti mirga kee tolaan akka kennaatti kan siif kennu hin jiru. Mirga kee tikfachuuf akka dhuunfattis tahee akka sabaatti yoo jabaattee of kabachiifte qofa. Akka sabaatti, ijaaramtee yoo sochoote, humnaa fi dhageettii qabda, malli tokkichi sichi Oromoon qabus yoo jiraate mirgoota uumaan nuuf kennee fi kanneen biroos kabachiifachuuf yoo ijaaramne duwwaa dha. Mirgi guddaan nuti mulqamne keessaa guddaan hiree keenya ofii keenyan murteeffachuu dhabuu keenya. Mirgi hiree ofii ofiin murteeffachu duudhalee walii galtee mirgoota namoomaa jedhamuun matooti adduunyaa biyya Farasnsaayi bara 1948 titti mallatteeffamee jiruudha. Akka dhuunfattis tahee akka sabaatti Oromoon haala sirnaa gabrummaa amma jiru keessaa of baasun bilisoomee jiraachuu kan isa dhorku uumanis tahe seerri tokkollee hin jiru. Mirga keenya kabachiifachuun waan harka keenya keessaa qabnu kan garuu itti fayyadamuu dadhabneedha. Laafaa haatiyyuu hin jaalattu, yoo jabaanne garuu diinonnii fi kanneen moggaa taa’anii hardha nu ilaalan hunduu boru firoota keenya dha.

Walii galan alaa galan jedha Oromoon .

Seenaa ofii beekufii ittiin boonuun akka dhalootaa dhalootatti darbu taasisuun, qabsoo barbaachisa.Ummati Oromoo osoo sirna gabroomfataa alagaa jalatti hin kufin seenaa boonsaa, sirna dimookiraatawaa kan addunyaa kana keessaa hammaa har’aatti hin jirre( heeraa dhalli Oromoo kamuu jiruu isaa keessatti waggoota saddeetif biyya isaa bulchuu fi tajaajiluu qaba jedhuun aangoo seeraan yeroon waliif dabarsaa ture) sirna gadaatin seeraa uumaa fi uumaama gidduutti madaala jiru eeguun waliin jiraacha ture. Kabajaa lubbuu namaa irrallee darbee bineensaa bosonaa fi beeyladoota manaaf saba qabuu dha. Oromoon seenaa safuu irratti hundaa’e qabu, bilisa tahee dhaalate bilisa tahee jiraatee bilisummaasaa tiksee du’uu osoo qabu, mirga isaa kana walii galuu waan hanqatefi sarbamee jira.

Oromoon kan alaa galu yoo walii galee diinaa biyya isaa afaan qawween bitaa jiru, qawween ofirraa kaasee duwwaa dha. Diina safuu hin qabne karaa dimookiraasii wal dorgomuun rakkoo jiru hiikkanna jedhanii eegun gaangeen ni dhalti jedhaanii eeguu taha.

Xummura:

Yeroo ammaa dhugaa seenaa irratti hundaa’uun qabsoo bilisummaa fi walabummaa taasisuu irra, warra sanyii duguuggaa raawwatanii fi wakkiloota isaanii waliin qabsoo Oromoo irratti duulaamaa jira. Isaan kunis yeroo ammaa kana namooti fooddaa TV irrati bahuun ilmaan Oromootu aangoo irraa jira, Oromoon bilisoomee jechuun kaayyoo QBO qancarsuuf akka dhama’aa jiran argaa jirra. Akeekaa fi kaayyoo dhugaaf jecha ilmaan Oromoon wareegaman dhugaa saba keenyaa bade deeffachuuf ture. Yoo dhugaa kana dabsuu yaalame, ekeraan jaallan keenya bakka adeemnu hundatti of jibbinee akka jiraatnu nu taasisa.

Jaal Laggasaan bilisummaa fi walabummaa Oromiyaaf wareegame. Jaal Laggassa Wagii waaggaa 18 ol lixa Oromiyaa keessa osoo ummata isaa dammaqsuu, ijaaru, loluufii lolchiisuu dugaaf jecha wareegame. Har’as faana isa bu’uudhan, kan akka jaal Marroo, Goollichaa, Sanyii ,jaal Ammee fi Jaal Bobbaasa faa fi warrii biraa imaanaa jaallan wareegaman hundumaa hin nyaatnu jechuun diina waliin lola hamtuu gaggeessaa jiru. Kanaafuu, Oromoon daldalaa siyaasan gowwoomuu hin qabu.

Oromoon akka saba tokkootti of ijaarun” biyya tokko, saba tokko, hiree tokko” waliin qabaachuu keenya beekun osoo wal hin qoodin bilisummaa keenyaf qabsoo gochuu barbaachisa. Itoophiyaa jechuun Impaahera ilmaan cuunqurfamtootaf keessattuu Oromoof Walii galatti bilisaan dhalchanii ykn dahanii kan gabrummaan keessatti awwaalatanii dha. Biyya jiruu fi jireenya Oromoo gadadoo fi boo’icha tahee dha. Akkuma biyyoota walabummaa qabaniitti, Oromoonis bilisummaan dhaalannee bilisummaan du’uuf qabsoo jabeessun Oromoof waan filannoo osoo hin taane dirqama dhalootati.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.