QABSOO BILISUMMAA OROMOO TAAYITAAN BITACHUUN HIN HAYYAMAMU!

Qixxeessaa Lammii | Gurraandhala 17, 2018

Qabsoo hadhaawaa gabrummaa sirna bulchiinsa Habashaa jalaa of baasuuf ummatni Oromoo jaarraa tokkoo ol geggeessaa ture taayitaa dhuunfaan jijjiiruun tasa hin danda’amu. Abbootiin garaa kan garaa isaanii quubsuuf qofa bulan har’allee akkuma kalee abjuu Goobanaa Daacee fa’a abjotanii osoo garaa isaaniitiifuu nyaatanii haalaan hin quufin irratti badan sana irratti baduuf dhala Oromoo keessaa namootni hagoon har’allee karaa badiinsaa sana qabatanii areedaa jiran ni jiru. Qabsichi waggoota danuu kana keessa bu’aa bahii hedduu keessa bahee as gahee fi sadarkaa bilisummaan dhugoomee guduunfamuun qofti hafetti karaa irrraa maqsuuf tattaaffiin godhamaa jiruu fi oduun odeeffamaa jiru kan tuffatamuu miti.

Ummatni Oromoo qabsoo bara dheeraa irra kan tureef namoota hagoo taaytaa barcuma Itophiyaa dhuunfachiisuuf osoo hin taane abbaa biyyummaa isaa dhugoomfachuuf akka ta’e kan hin beekne diina inikkaa qofa. Dhala Oromoo ta’ee bilisummaa sabaa fi walabummaa biyya isaa kan hin feene yoo jiraate ammoo dayyuusa dhalachuu hin malle kan akka carraa dhalatee garaa isaa qofaaf dhaabbate qofaadha.

Mootummaa abbaa irree ummata Oromoon dhiibamee kufuuf gatantaree ykn daaqee jiru kana ol qabanii of irratti jabeessuuf murnootni alaa-keessaa cecceehaa jiran ummata bal’aa Oromoof yaadanii osoo hin taane ummata Oromoo irratti daba hamaa yaadanii akka ta’e dhugaa dirreetti bahee mul’atuudha. QBO ABOn durfamatu abbaa itti of godhuuf saamichi qabsoo yeroo ammaa alaa fi keessaan deemaa jiru qabsoo dhiibbattee lubbuu ilmaan hedduu Oromoon addana geette gatii dhoorguuf akka ta’e beekkamaadha. Dhugaa fudhachuu diduudhaan dhara qabatanii tayitaa dhuunfaa maxxanfachuu qofaaf dhagaa muka irra baba’uun yeroo kana keessa dhala Oromoo tokko irraahis hin eeggamu.

Oromiyaan bal’oo fi badhaatuun dhala Oromoo irraa haftee dhala saba biraatiifuu biyya ooltu waan taateef jarjarri qabsoo saaminsaaf yeroo ammaa Oromiyaa keessatti bal’inaan deemaa jiru dhaabbachuu qaba. Hulaa dinaa kan ummatni Oromoo gamtaan wal dhagahee of irraa cufe deebisanii ummata Oromootti banuuf qirqiduun itti gaafatama seenaa hamaa keessa of galchuu ta’a. Asii achi ummata Oromoo tokkummaa dhoorguu ykn dhabsiisuu kan hin danda’amne akka ta’e qabsoon walitti fufiinsaan inni taasisee asiin gahe ragaa guddaadha. Fira, farra, diinaa fi alagaan dhihoo fi fagoos gaaffii ummatni Oromoo qabuuf deebii sirnaa kennuun alatti dura dhaabbachuun waan ijibaatame ta’ee jira.

Muumichi ministera biyyattii obboo Hayla mariyaa Dasalenyi taaytaa gadi dhiisuuf iyyatnaa galfachuun ummata Oromoof deebi’ii kennuudha warri jedhanii yaadan yoo jiraatan baay’ee gowwooman. Namuma daraanuu aangoo hin qabnetu maqaa qofaaf amma aangoo gadi dhiisuu barbaade jedhee of labse malee duraanuu nama aangoo wayiituu hin qabne. Ammallee kan jedhee isa jechiisiisaa jiru matoota ABUT akka ta’an beekkamaadha. Ilaalcha hawaasa fi mootummoota idil addunyaa biyyattii tana keessa dimokiraasiin ni jira akka jedhanii hawataman taasisuuf ta’e jedhanii kan godhan ta’uu ogeessii hin beekne hin jiru.

Dhugaa fi dhara wal fakkeessanii hawaasa biyyattii fi addunyaas diraamaa dharaan akkuma itti taphachaa turan har’alee saalfii tokko malee waan wali hin fakkaanne wal fakkeessuuf yaaluun isaanii waan ajaa’ibaa ta’uu hin danda’u. Gowwaan gariin bakka inni irraa ka’e dhala Oromoo Lammaa Magarsaa fi fakkaatota isaattu taa’uuf deema jedhanii yaadaan of dhibaa fi ummatas dhibuuf yaalaa jiraachuu isaaniittu qilleensawaa jira. Abbaan fa’e barcuma inni irraa ka’e irra dhaqee yoo taa’e gaaffii Oromoof deebii ta’uu Abadan hin danda’u. Tattaaffiin haala kanaan godhamaa jiru ammoo akkuma aramaa olitti eeruu yaale QBO ABOn bara dheeraaf durfamtee geggeefamaa turtee sadarkaa boonsaa kana irra geette saamanii warraaqsa impayer Itophiyaan liqimsiisuuf kan ta’e akka ta’e beekuun barbaachisaadha.

Dhugaa wallaaluun ykn amananii fudhachuu diduun abbaa dhugaa nama hin taasiftu waan ta’eef qaamotni ijibbaata qabsoo tana ija balleessuuf godhaa jiran kana irraa osoo of qusatanii irra wayyaaf taha. ABOn kan saba isaaf qabsaawaa ture saba isaa irraa galata ykn badhaasa addaa argachuuf osoo hin taane ofii itti dhabamee ummata isaa dhabama alagaan hawweef irraa hambisuudha. Har’alee taanaan akeekaa fi kaayyoon isaa kanuma kaleeti malee aangoo matayyaa gonfachuuf dhaaba qabsoo geeggeesaa jiruu miti. Hoogganni dhaaba kanaa taaytaa ni barbaada taanaan sababaan umrii isaa guutuu bosonatti baleessuu hin jiraatu. Akkuma Oromoota gara biraa karaa nagayaan TPLF jalatti galee jireenya matayyaa isaa geggeefachuu danda’a ture.

Kan nama raaju har’a namoota guyyaa tokkollee qabsoo kanaaf waa buusuun hafee sababa qabsoo kanaaf jecha diinaanuu hin rifachiifamintu dhaaba kana irratti dhoqqee shamtuu itti hara. Qabsoon maal akka taate kan beeku hedduun garuu afaan bahee dhaaba isaa yoma keessaa bahelee hin balaaleffatu. Rakkoo qabsoon qabdu qabsoon irra aanna dhaadatnoo jedhu qabatee ibsaa jijjirama jiru eega. Murni ganna 27 ol diina waliin ummata miidhaa turan har’a miidhama sana irraa ummata baafna jedhanii hennaa jechoota qabsaawotaa mimi’aawoon dubbatan dhugaa seehanii kanneen harka dhaananii fi miidiyaalee irratti yaa’anii faarsaa jiranis danuudha.

Kanas ta’ee sana qabsoon ummata Oromoo kara deemtotaa fi qabsaawota fakkaatota dhimma mataa isaaniif bulaniin karaa qajeelaa irraa dabdee karaa kufaatii irratti akka hin deebine beekuu barbaachisa.

Kanaaf, qaamotni maqaan Oromoo hojiidhaan nyaphaa inikkaa irra hammaatan QABSOO BILISUMMAA OROMOO TAAYITAAN BITACHUUN HIN HAYYAMAMU waan ta’eef gochaa hammeenyaa itti jiran kana irraa akka of qosatan jedha.

Qixxeessaa Lammii.

Injjfatnoo Ummata Oromoof!

Be the first to comment

Leave a Reply

Your email address will not be published.


*


This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.