RUMICHA RAQA MI’EEFFATE RAQA IRRAA ITTIISUUN HIN DANDA’MU.

Qixxeessaa Lammii, Gurraandhala 23, 2018.

Miseensoti paarlamaa ummataa mootummaa ilmaan Tigreen durfamu faaydaa ummataaf ni morma jedhanii yaaduun fayyalummaadha. Durma irraayyuu namootni hawaasa keessaa bocamanii sadarkaa barcuma impayera biyyattiitti ol dhufan warra ummata keessaa ol bahaniin jaalataman osoo hin taane warri isaa akka isaan jiranuu ummatni hin beekne akka ta’an ifaadha. Bulgoota midhaan bira dabree foon namaa nyaa nyaachaa ture mirga ummataaf ni dhaabbata jedhanii eeguun gaangee dhalaaf eeguudha.

Haalli murtii komaandi poostii mootummaan ummata irra kaahe irraa kaasuun hafee irratti jabeessuu dhalches haaluma kana. Buchulloota Wayyaaneen guddifatee fi tajaajiltu irraa ummataaf bu’aan ni argama jedhanii warri odeessan warra isaanuma sanaahuu hin geenne. Sareen abbaa xiqqeeffateef dutti malee nama biraatiif hin duttu. Hamma gaafa beelaan dhamtuutii ijaa gurri isii abbama isii xiqqeeffate sana. Kana hubachuu dadhabuudhaan ummata bal’aa afanfaajahiinsa hin barbaachifne keessa naquuf dhiibuun ammoo cubbuudha. Haadha ajjeessan rimeenyi waaliin du’a jechuudhaan akkuma wayyaaneen haawwan Oromoo ulfa waliin gataa turte, Wayyaanee ajjeesuun alatti rimaya isii ajjeesuun hin danda’amu. Kanaaf, wayyaanee fi miseensota paarlaamaa gargar baasanii ija ijaan ilaaluun hin feesisu.

Akkasisi hennaa jedhu warra paarlaamaa keessa jiran keessa quuqamtootni gonkumaa hin jiran jechuu koo miti. Warri qubaan lakkaawaman kan bulgoota hedduun liqimfaman ni jiru. Adda isaaniitti waan godhuu danda’an waan hin qabneef achi keessatti hireen isaan qaban dura dhaabbachuu yoo dadhaban cal’isuu qofa taha. Akka jiranitti osoo hin taane akka hin jirretti sababaan isaan laakkahamaniif kanaaf jechuudha. Labsii muddamaa mootummaa nama nyaataa kanaan amma ummata irratti labsame hojitti hiikkamuu fi hiikkamuu dhabuuf furtuun miseesnota paarlamaa osoo hin taane miseensota hawaasota biyyatii kan walii galaati. Addatti ammoo murtii ummata Oromoo fi ummata Amaaraa kan addatti xiyyeeffatnaa hamaan mootummaan irra kaahamee kallattiin duulli bal’aan wal irraa hin citne irratti banamee jiruudha.

Rasaasaan nama bulchuu mootummaan Ameerikaatuu gadaa itti dadhabdee karaa haasawa nagayaan biyyoota isii dura dhaabbatan cufa amaniisuuf yaalaa itti jirtu kana keessatti ilmaan Tigree ummata guddaa fi biyya bal’oo tana irreen hacuucee bulcha jechuun isii abajuu hiikkaa hin qabne akka ta’e beekamaadha. Yeroo waaqa ummata bal’aa Oromoo nagayaan oolchii na bulchi jettee itti kadhachuu maltetti akkuma aadeffatte ajjeechaan ummata bulchuuf dhama’uun isii nama ajaa’ibsiisa. Warraaqasa ummata Oromoo irraa qabsiifamee biyyattii walii gala shidhaa jiru arguu dadhabuun ykn arguu diduun isii kun ammoo gara hallayyaa jeefa hin qabnetti akka isii geessaa jiru waan hubatte hin fakkaatu.

Amantaan miseensota paarlaamaa fi dhaabbilee ofii tolfate irraa qabaachaa turtes yeroo ammaa qaama’ee harcaa akka jiru hubachuu hin dandeenye. Warri isii jala hiriiranii isii tajaajilaa turanii fi ammallee itti fufanii isii tajaajilaa jiran galgalli isaan badiinsa qofa akka ta’e hubachuu qabu. Osoo hamtuun isaan hin dhaqabin nagaya of dhaqabsiisuuf nyaapha shulachuu kana irraa of qabuu qabu. Balaan abbaan ofiin dide nama hin dhaqqabu. Balaan abbaan ofoon soqe dhabama dandama hin qabnetti nama geessa. Haalli buchullootni Tigree keessa jiran kanaan ala hin ta’u. Galaana warraaqsaa dura dhaabbachuun ibidda dhaamsuu hin dandeenye dura dhaabbachuun dhabamaaf of afeeruudha. Ummatni Oromoo fi sabaaf sab-lammootni cunqurfamoon impaayera Itophiyaa jala jiran cufti warraaqsa haqaa finiinee sadarkaa dhumaa irra gahe kana akka hin dhaabne jabaatanii bakkisuun galii dhumaa biraan gahuu barbaachisa. Wayyaaneen aangoo irraa qaari’uun ykn fonqolfamuun biyyattii keessatti nageenyi waaraan akka dhalatu taasia. Akkasuma guddinni biyyattii akka shaffisuuf qooda ol aanaa qaba. RUMICHA RAQA MI’EEFFATE RAQA IRRAA ITTIISUUN HIN DANDA’MU. Miseensota paarlamaa dafqa ummataa muxachuu mi’eeffatan mootummaa isaan tajaajilu akka dura dhaabbatanii ummataaf falman taasisuuf carraaquun gowwummaadha malee qarummaadhaa miti.

Furmaatni ummata bal’aa mootummaa kana hiddaan buqqisanii gara galchuu qofa akka ta’e qaamaa fi qalbiidhaan dhalli Oromoo hundi amanee fudhatee irratti qabsaawuu qaba. Qabsoo ofii eegale ofumaa bakkaan gahuu qaba. Ummattootni hafan gargaaranii fi dhiisaniifis ummatni Oromoo dheebuu walabummaa fi bilisummaa itti jirtu bahuuf qabsoo lafaa fuudhe bakkaan gahu malee lafa kaahuu hin qabu.

Shomamuun Abbiy bilisoomuu Oromoo fi walaboomuu Oromiyaa akka hin ta’in beekuu barbaachisa!

Qabsaawaan ni injifata!

Qixxeessaa Lammii.

Be the first to comment

Leave a Reply

Your email address will not be published.


*


This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.