SAMMUUN GABROME TASGABBII HIN QABU!

Qixxeessaa Lammii | Ebla 05, 2018

Dhalli namaa uumaa ganamaatiin bilisa. Waan fedhuu fi hin feene addaan filachuuf dhiibbaan gara biraa irra hin jiru. Kan jaalate fudhachuu fi kan jibbe dhiisuuf mirga guutuu qaba. Ani jaaladhee atis na waliin jaaladhu, ani jibbee atis na waliin jibbi jechuudhaan humni isa dirqisiisu hin jiru. Dirqiin na jaaladhu ykn na jibbi jechuudhaan mirga dhalootaa qaban wal keessatti daangeessuuun hin danda’amu. Sammuu uumaadhaan badhaafamanitti sirnaan dhimma itti bahuu fi itti bahuu dhabuun ammoo laafina ykn jabina akka dhuunfaatti namootni adda addatti qabaniidha. Sammuun gabroomte ammoo hiree akkanaa hin qabdu. Yaada kana hunda sababa sababa malee hin tarrifne. Garaa garummaa sammuu bilisaa fi bilisa hin ta’in jidduu jiru irratti waa jechuu fedheeti.

Ummatni Oromoo erga gabroomee gara waggaa 150 jala gahee jira. Ummatni sammuu uumaan isa badhaaseen waggoota hammana dheeratu keessatti itti gargaaramuuf hiree hin argatin murtii bilisa kennachuuf baay’ee itti yaaduu isa barbaachisa. Sammuun isaa yeroo kamuu tasgabiinsa hin qabdu. Akka nama tokkeettis ta’ee akka wolootti sochii qabsoo bara dheeraaf irra ture irratti ilaalcha wal fakkaataa qabachaa hin dhufne. Qabachaas hin jiru. waan xiqqotti rifatuu fi gammaduun isaa waan nama raajuu miti. Waan har’a raawwate boru irraa seenahuun, waan boru ta’u eeguu dadhabuun amala ummata sammuudhaan gabroomee akka ta’e beekkamaadha.

Qabsoo diddaa gabrummaa fi fincila gabrummaa waggoota dheeraa kana keessatti bakka adda adaa fi yeroo adda addaa, akkasuma haala adda addaan geggeesse keessattu lubbuu fi qabeenya Oromoo dhabame dagachuudhaan ykn irraan tarkaanfachuudhaan calaqqee har’a filamuu Doktor Abbiy muummicha ministera Impayera Itophiyaa ta’uu irraa gammachuun har’a bakka maraa dilliiqamtu ragaa ta’uu dandeetti. Kun gumaa lubbuu ilmaan Oromoo miiliyoonotaan laakkawamaniif, qabeenya herregin hin beekkamne barbadeeffameef gatii kennuu dhabuu fakkaata. Namni Oromoo mataa biyyaa ta’uun ummata Oromoof faaydaa ni buusa jedhanii amanuun maxxanfachuun dogongora guddaadha.

Oromoon kan bara dheeraa kana guutuu hadhaa gabrumaa hambuuqee fi qabsoo hadhooftuu wareegama lubbuu fi qabeenyaa daangaa hin qabne gaafate kafale akka laayyotti ilaaluudhaan maqaa namni tokkichi barcuma Habashaa irra taa’eef jecha sirbuu fi dhiichisuun silaa hin barbaachisu. Nama wayyaaneen maqaa ittiin ummata keenya balleessuudhaaf ta’e jettee tooftaaf ol fuutee barcuma sobaa irra geette akka waan inni jijjirama addaa tokko fiduu danda’uu tokkotti hammanumatti jarjaraan faarsuun hin malle.

Baala ibiddaan of irraa dhaamsan ummata keenya dura keeyachuu Wayyaanee dhalli Oromoo beeke xiqqaadha. Boru gaafa harka isaan dhumaatiin ummata keenyaa itti fufe afaan deebi’anii alagaa fi of illee ittiin ajiifatan hin jiru. Karaa hamaa diinni nutti baafate of irraa cufuun osoo nurra jiraatu nuti daranuu ofitti banuu qofa osoo hin taane ofitti babal’isaa jiraachuutu jira. Namni sirna gabroomsaa keessatti dhalate saba keenya ta’eef osoo hin taane sabuma fedhe keessaahuu dhalatu gabroomsaadha. Sammuu ittiin baratee fi ittiin tajaajila kenne sanaan hojjata waan ta’eef gammachuu filamuu isaaf godhamu kun boru boohinsatti akka jijjiramuuf jiraatu hubachuun barbaachisaadha.

Haasawa gaafa irbuu seenu taasise keessatti maqaa Itophiyaa marroo 37 kaase keessatti maqaa Oromiyaa marraa tokkos itti gufachuu dhabuun isaa kanaaf ragaa qabatamaadha. Maqaa Oromoon Oromoon boru miidhamu gurra hawaasa addunyaan kan hin caqafamne ta’uu amuma irraa beekuun barbaachisa. Humna Tigreen gama hundaan harkaa qabdu inni itti ajajee jijjirama buqqisaa fida jedhanii abajochuun tasa waan hin fakkaaneedha. Sammuun gabrummaan dandoofte murtii fudhachuu irratti tasgabiinsa waan hin qabneef waan nama ajaa’ibsiisu ta’uu baatullee ummatni keenya qilleesa bubbisu hunda jala daanquun hin barbaachisu.

Gaaffii ifaa fi qajeelaa bilisummaa fi walabumaa bara dheeraaf geggeessaa turee fi jiru kan wareegamni hammana hin jedhamne itti bahe kanatti gatii godhuu irratti fuulleffachuu isa barbaachisa. Waca sab-himaalee alagaa fi firaa keessaa fi alaa qofa jala gurra qabachuudhaan carraa harkatti galfachuu gahe of harkaa buusuun hin ta’u. Miseensa dhaaba alagaan isaaf ijaare keessaa barcumaa mootummaa yaabbate akka bu’aa muummee hin qabneetti fudhachuudhaan qabsoo isaa irraa duubatti deebi’uun irra hin jiraatu.

Mirga waloon dhugoomfachuu barbaadu mirga namni tokkichi akka dhuunfaatti sanuu tooftaaf itti kenname argateen jijjiiruun gaariidhaa miti. Miseensotni dhaaba sanaa seekkaruu ni danda’u. Ummatni Oromoo achi irraa gadi hafe gabayaa kana bahee dhaabbachuu hin malle. Dhumaatii ummata Oromoo irratti dachaan raawwatame hammanumatti dagachuun kataadha. Ekeraa isaanii irratti gammachuu muudamuu nama tokkoof dhiichisuun doofummaa nama jechisiisa. Ummatni Oromoo biyya isaa irratti abboomuu barbaada malee saboota biraa irratti aangomuu hin barbaadu. Sirna bittaa ofiin jibban saba biraa irratti fe’achuuf hiixachuun cubbuu hin taane keessa of naquudha.

Tooftaan haaressi amma Wayyaaneen dhimma itti baate kun kan dhala Oromoo wal dura dhaabuu qofa osoo hin taane dara wal hobbaasiisuuf deemu ta’uu isaatti mul’ata. Seera mootummaa cabsitan jechuudhaan fixxiinsi kalee Agaazii Tigreen ummata keenya irratti jimlaan raawwatamaa turame asii achi ilmaan Oromoon dhala Oromoo irratti raawwatamuuf akka jiraatu gamanumaa tilmaamuun nama hin dhibu. Gaafa kun ta’ee argame wayyaaneef gabahatu darra’ee akkasitti akka quba qabaatamu. Ummata ofiifuu wal bulchuu hin dandeenyetti akka ummattoota bulchaniif aangoo itti kenninee balaan kun dhalate jechuudhaan ummata keenya seenaa maqa balleessii irra kaahuuf akka deemamu quba qabaachuun barbaachisaadha.

Yaaddoo fi sodaa kana hunda jalaa ba’uuf sabni Oromoo bu’aa calaqqee dhuunfaa kana jala gugatuu irra bu’aa bal’aa fi dachaa ummata keenya walii galaa wal gahu argamsiisuuf qabsoo walabummaa fi bilisummaa ABOn geggeessaa jiru kana irraa gamtaan qooda fudhachuu akka furmaata filmaata biraa hin qabnetti fudhachuudhaan hojii irra oolchuu barbaachisa. Qeerroon bilisummaa har’aan tana sammuu gabroomte tan tasgabbii hin qabne sana irraa bilisoomanii jiru. waan dabre, keessa jiranii fi fuula dura dhufuuf jiraatus mul’ata qabaniin fageessanii argaa jiru. Yaaduu fi arguu qofa osoo hin taane waan saba isaanii baasuu fi hin baafne qulqulleeffatanii beeku. Daandiin isaan irratti ijaaramanii fi irra burraaqaa jiran daandii dhaabni isaanii ABOn irra kaahe waan ta’eef dhala Oromoo daandii kana irraa mik jedhu kamuuf hin hayyaman. Kanaaf dhalli Oromoo kan miseensota dhaaba TPLF ta’anis ta’ee kanneen biroos haala amma biyyattii keessatti mul’ate kanatti quufanii bu’aa namni dhuufaa argateen sobamanii qabsoo isaanii irraa akka of qabne yaada jedhu qaba.

ABO, WBOn, Qeerroon, walumaa galatti ummatni Oromoo Haa Jiraatu!

Ni Moona!

Qixxeessaa Lammii Irraa.

Be the first to comment

Leave a Reply

Your email address will not be published.


*


This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.