Seenaa Garaa Namaa Nyaatuu

Guutaa jedhama. Jiraataa magaalaa Mandii ganda 04 dha. Maatiin isaa baayyee harka qalleessa. Guutaan karaa gubbaa taa’ee qophee namaa qulqulleessee maatii isaa jiraachiisa. Abbaan isaas utuu humni isaa hin dhadhabiin hojii guyyaa hojjetee Guutaa barsiisaa ture. Harmeen Guutaa illee akkuma kana mana namaa keessa gugguftee jireenya maatii isheef cabdee dhiigaa turte. Garuu lamaan isaanii booda umuriin isaanii waan deemeef hojii kamiin iyyuu hojjechuu hin dandeenye. Baayyee umuriidhan raagaan.

Guutaan barnoota isaatti utuu cichee deemaa jiruu kutaa 10ffaa ga’ee qabxiin isaa jalaa hafe. Innis isa qabxiin isaa akkana ta’e baayyee aaree dhiise.

Guutaan Gamoo Obbo Baacaa cina taa’ee qophee qulqulleessee jiraata. Namoonni hedduun Guutaa baayyee jaallatu. Akkasumas bakka kanatti hin haftu jedhanii namoonni jajjabeessan baayyeedha. Guutaanis jecha namoonni ittin jedhan galaa godhatee gudunfatee kaa’ee. Guutaan yeroo hundumaa yoo waaqni hojii koo kana keessaan goree na milkeesse malee ani dhugumaan bakka kanaa ka’ee bakka guddaa ga’a yookaan dhugumaan qabeenyaa irraa hafaa qabaadhee Jireenya maatii kootii jijjira jedhee yeroo hundumaa sammuu isaa itti dhiphisa.

Abbaan Qabeenyaa Obbo Baacaan gaafa Guutaa waliin duddubatan akkana jedhu. “Ani yeroo akka keetii kana qabeenyaa dhiisii saantiba cabaa hin qabu. Garuu akkan itti sooromee utuun sitti himee na amanuu dhiisuu dandeessa. Soogidda mataatti baadhee daldalaan ture. Karaa gubbaa taa’ee qullubbii nagadeera. Gabaa keessa taa’ee kophee ciccitaa biteera. Waanan hojjedhe sitti himuu irra waanan hin hojjennee sitti himuutu natti salphata. Kanaafuu ati waan argattuu hundumaa hin balleessin” jedhee gorse.

Waggaa waggaan immoo DV kuti. Akka tasaa yoo siif ba’e carraan kee beekaa si taasisuu yoo dhadhabee buddeen si nyaachiisu hin dhadhabuu ittin jedhe.

Guutaas waa’een DV baayyee sammuu isaa qabatte. Innis gaafa Namoonni mana Suuraa DV kuchiisisuu jalqaban dhaqee kutuu waadaa ofii isaaf seene.

Guutaan utuu kanaan jiruu mucaa Abbaa qabeenyaa Obbo Baacaa jaalala daangaa hin qabne jaallate. Maqaan mucaa isaanii Seenaa jedhamti. Gaafa isheen Gamoo isaanii keessa kophee qarshii mana tokko ijaarsiisu kaawwattee bashannantuu Guutaan obsee ija lafa jalaan ilaala.

Gaafa ofii isaa ilaalee ishee ilaalu isheen itti ejjettee kophee hin qulqulleeffattu.

Gaaf tokko Guutaan akkana jedhee ofii isaatti taa’ee hasaase. Amma mucaan kun maalin na caalti, uffannaa isheef moo bareedina isheef na caalti jedhee baayyee haasa’ee gungume.

Amma utuu Abbaan isheen Qabeenyaa hin qabu ta’e isheenis akkuma keenya tarree hiyyeessotaa jiraatti mitii? Jedhee of gaafate.

Utuuma kanaan Guutaan halkanif guyyaa jaalala dhoksaa isa abidda caalaa nama gubuu sanaan obsee ciisee ka’uu gaaf tokko akkamitti akka jaalala isaa itti ibsuuf mala barbaaduutti ka’e.

Guyyaan isaa guyyaa gaafa Roobii ganama. Utuu Guutaan bakka hojii isaa taa’uu Seenaan bifa addaan faayamtee Konkolaataa manaa keessaa buute. Innis waan akka ishee jalaa ka’ee dabarsaa jiruu bakka ta’aa jiruu ol ka’ee dhaabbate. Utuuma ija isaa irraa hin kaasiin Seenaan Miilla ishee wal jala dabarsaa gamoo keessa seente. Namichi abbaan konkolaachiisaa manaa sun keessaa bu’ee dhufee Guutaa biratti qophee qulqulleeffachuu dhufe. Guutaanis bakka hojii isaatii ka’ee akkuma amala isaa jalaa ka’ee isa teessise.

Namichiis abbaan konkolaachiisaa sun baayyee ajaa’ibsifatee taa’ee. Guutaanis kophee isaarraa hidhaa hiikee kophee isaa bareechee qulqulleessef. Konkolaachiisaanis erga daqiiqaa lama taa’ee booda Guutaa waa’ee haala hojii gaafachuutti ka’e. Guutaanis garaa cabaan maalummaa isaaf waa’ee maatii isaa itti himee namicha mataa raasisee hidhii xuuxxachiise. Namichiis jabaadhuu hojjedhuu waan hundumtuu nii darbaa jedhee Guutaa gorse. Guutaanis yaada isaatti Eyyee dhugaadha jedhee fudhate. Namichis akkam obbolaa si duraa yookaan si boodaa hin qabduu jedhee gaafate. Guutaanis angafnis quxusuunis anumaa jedhee deebiseef. Rakkinni maatii kootii narratti wal ga’ee ajandaa guyyaatii guyyaatti naaf baasaa oola jedhe.

Utuuma haasa’anii Guutaan Kophee isaa qulqulleessee xumure. Namichis gaafa qarshii isaa gaafatu Guutaan ol jedhee ija isaa keessa ilaalee garaa cabaaf onnee sodaan qarshii kudhan qofaadha jedhe. Namichis “boorsaa” yookaan “kiisii” isaa keessa qarshii sharafamaa dhabee utuu ta’aa jiruu Seenaan foloq jette achii as kokkolfaa dhufte. Akkuma isheen teesseenis qarshii jijjirraan jiraa jedhee namichi gaafate. Isheenis Eyyee, maalif barbaaddee jettee gaafatte. Innis mucaa kanaaf laanna jedhee deebiseef.

Isheenis boorsaa ishee keessa ilaaltee qarshii abbaa 50 qofaatu jira isuma itti laatte. Guutaanis bakka biraatti jijjiruu deeme. Gaafa inni jijjiree qarshii 40 laatuuf maaliidha jettee isa gaafatte. Innis deebii qabdaa qarshii kee ammaa keessaa jedhe. Isheenis guddaa galatoomii jettee konkolaataa isaanii keessa seenanii deeman. Guutaanis deemee bakka hojii isaa taa’ee.

Amma maalifan sin jaalladha jedhee itti himuu dhiisee jedhee aaruutti ka’e. Bakka hojii isaa taa’ee rifeensa isaa ofirraa funaanuutti ka’e. Erga isheen deemtee kaasee waa’eema ishee yaaduutti ka’e.

Utuu Guutaan bakka sanaa hin deemiin isaan bakkee bashannanaa oolanii laaqanaaf deebi’anii dhufan. Isaanis konkolaataa isaanii Guutaa dura dhaabbatanii Laaqana nyaachuu keessaa bu’an. Amma isheen keessaa buutee ol seentutti Guutaan ija isaa irraa hin kaasu.

Amma Guutaan garaa isaa kutatee haasaa qopheeffatee Seenaa gadi ba’uu ishee eegaa jira. Konkolaachiisaanis Seenaa dura dhufee konkolaataa banee eegaa jira. Seenaanis mana keessaa akkuma intala mootii miilla wal jala dabarsaa dhiira Kaaffee isaanii jala taa’ee buna dhugaa jiruuf WiFi ilaalaa jiru hundumaa isaanii wal faana afaan bansiifte. Namni hundinuu ija irratti irraanfate.

Utuu namni hundinuu ilaalaa jiruu Guutaan afaan Guutaa keessaa sagalee “Seenaa” jedhu namoonni dhaga’aan. Isheenis of duuba galagaltee “Yookoo” jette. Guutaanis anaa kottu jedhe. Isheenis suutuma gara Guutaatti imalte. Guutaanis lafaa ol ka’ee taa’ii jedhee bakka hojii isaa laateef. Guutaanis jechoota akka bakakkaa itti roobsuutti ka’e.

“Anii Maqaan koo Guutaa Tolaan jedhama. Animmoo si beeka kankee natti himuu nan barbaachiisu. Qomoon koo Oromoodha. Sanyiin koo yookaan “Zariin” koo bacarraadha”

Waan hundumaa caalaa garuu utuun haasaa kootti hin darbiin Jaalallee qabdaa jedhe gaafate. Isheenis hin qabuu jettee deebisteef. Aniis hin qabu sin jaalladhee jedhee jaalala isaa ibseef.

Anaan jaallattee jettee gaafatte. Guutaanis eyyeeka jedhe. Isheenis dhaqii hiriyyaa kee wajjiin qoosii jette. Gaafan callisee si ilaaluu si dhaggeeffachaan jira sitti fakkaata mitii?. Ani garuu Diraamaa ta’e tokkon ilaalaa ture isa natti fakkaachaa turte ittin jette. Isheenis bakka teessuu kaatee bakka Guutaan taa’ee itti haasahaa jiru lafatti gadi dhiittee kabalte.

Utuu namni kumaatamni ilaalu. Dhaqxee konkolaataa ishee seentee baate.

Guutaanis waan godhu wallaalee dalagaa isaa itti fufe. Utuuma kanaan jiruu Namoonni mana Suuraa DV kuchiisisuu eegalan. Guutaanis dhaqee kute.

Waggaa tokko booda.

Gaafa deebii DV ilaaluu dhaqu DVn Guutaaf baatee abbaa carraa taasistee jirt. Guutaan qabeenyaa waan hin qabneef Abbaa qabeenyaa Obbo Baacaa yookaan Abbaa Seenaa Ispoonseera gaafate. Obbo Baacaanis utuu afaan tokko jala hin deebisiin tole jedhanif. Obbo Baacaaniis qarshii 100,000 kennanif. Guutaan erga ulaagaa hundumaa xumuree booda Harmee isaaf Abbaa isaaf nama ramadee Ameerikaatti ba’e. Guutaan utuu ala hin ba’iin duraa maatii isaa Imaanaa guddaan Obbo Baacaatti kennee deeme. Innis waan dhala namaaf barbaachiisu kamuu itti hin hir’isne.

Guutaan erga waggaa Saddeet(ala taa’ee booda maatii isaa yaadee dubbisuu dhufe. Gaafa inni dhufuu Obbo Baacaan kabajaa guddaa fi jaalala guddaan isa simatan. Finfinneetti itti deemanii konkolaataa manaa isaanis fuudhan.

Gaafa Guutaan dhufe Hooteela isaanii seenu hundumaa caalaa kan itti marmee dubbise Seenaadha. Guutaas namoonni hiriyyaa isaa duranii itti yaa’anii dubbisuu eegalan.

Guutaan erga maatii isaa dubbisee biyya keessa torbee lamaaf taa’ee booda jaalallee fudhatee deemu gaafachuu eegale. Seenaanis bobaa isaa jalaa ba’uu didde. Gaafa hiriyyoonni durbaa dubbisuu dhufan ija dalgaan ilaalti. Garuu Guutaan isa isheen gaafa dhiittee fi kabalteetu garaa isaaf onnee isaa keessaa hin badu. Gaafuma ishee argu akka fuulleetti of keessatti ilaala.

Seenaanis akka isa jaallattu haasaa keessa itti himte. Isa gaafa qarshii 40 laatteefi kaastee yaadachiiste. Guutaanis akkas jedhe. Qarshii kee siin deebisa garuu ani dhiiticha keef kaballee kee siif deebisuu hin danda’u jedhe.

Guutee koo dhugaa anoo sin jaalladha jettee. Innis Lakkii Maqaan koo Guutee miti Guutaadha jedhe. Innis mee gaaffii tokko si gaafadhuu jedhee Seenaa gaafate. Isheenis waan feete na gaafadhu jette. Innis akkas jedhe.
“ANA MOO AMEERIKAA” jaallattaa?

Hiriyyaa_keessan_barsiisaa.
Share waliif godhaa!
Dheebuu like follow godhaa hordofaa

Be the first to comment

Leave a Reply

Your email address will not be published.


*


This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.