SEENAA KALEE QABACHUUN SEENAA HAR’AA HORTEE BORUU DHAALCHISUUF GARGAARA!

Qixxeessaa Lammii | Ebla 18, 2018

Sabni Oromoo kan gabroome fedhee ykn jaalatee osoo hin taane dirqamee akka ta’e hubatuun barbaachisaadha. Gabroomuu fi bilisoomuunillee waan saba Oromoo qofa irratti jalaqabee fi irrattis dhaabbatus miti. Akkuma gabroome bilisoomuun isaallee Abadan waan hin hafne akka ta’e ifaadha! Seenaa dabre seenessuun seenaa ammaa jabeessuun isa dhufuuf of qopheessuuf taha. Haala Habashaan Oromoo gabroofachuu itti danda’e kan hin beekne biratti gabroomuun Oromoo akka waan salphaaa tokkotti ilaaluu danda’a ta’a. Seenaa beekuu dhabuun dukkana halkan roobaa keessa hallayyatti imaluudha.

Habasootni lafa Oromoo qabachuuf jaarraa 9ffaa irraa Oromotti duuluu jaqaban. Ofii cabsanii qabachuu dadhabnaan gargaarsa warra Awrooppaa irraa kadhatanii argataniin itti duulanii cabsanii qabachuuf tattaafataa turan. Fkn, jaarraa 14ffaa irraa kaasanii hariiroon warra Awuroppaa wajjin uummachuuf carraaqaa turaniin, bara Imaam Ahmad isaaniin lole, gargaarsa warana Portugal irraa argataniin akka of ittisan seenaan ibsamee jira. Gargaarsa jalqaba jaarraa 17ffaa irratti Misiyoonota poortugaalii fi Ispeen bara sana biyyaa isaanii seenan irraa argatanis Oromoon fixuu irra oolfatuun isaanii waa haalamuu miti..

Oromoo cabsuuf hawwii guddaa qabaachaa turuu iwaanii kan namaaf mirkaneessu qabxiin guddaan jiru, aangoo qabachuu irratti wal lolaa, Oromoo balleessuu irratti waliif galuu qofa osoo hin taane wal gargaaruu isaaniitiidha. Kanas ta’ee garuu mootota bakka bakkatti dhaabbatan keessa gabroomuu Oromoof kan haala mijjeesse Amaarota “Manzii kan bara Amda-Tsiyoo 1314-1344 keessa Kaaba irraa dhufanii” biyya Oromoo irra qubataniidha. Ajaa’iibni garuu mootota Gondariif gibira galchaa, lafa Oromoo qabachuuf Oromotti duuluu isaaniiti. Akkasuma moototni Gondaris qaanii tokko malee lafa Oromoo Manzootni isaanii irra qubatan akka kutaa biyya isaaniitti battalummatti maxxanfatanii laakkawachuu isaaniiti. Gabaabatti Habashotni birmadummaa Oromoyaa fi bilisummaa Oromoo akka kanaan ugguu eegalan beekuun
barbaachisaadha.

Oromoon cabuu fi lafti Oromoo dhawaataan qabatamaa dhufuu irraa kan ka’e lafti Oromoo Yejjuu tan Amaara Manziin qabatamte, Oromoo jalaa baatee waltajjii duulli koloneeffachuu Oromiyaadhaa Habashaadhaan irratti qindaahee irraa bobbaafamu taate. Achi irraa ka’eeti kan Amaarri meehaa lolaa waraana Turkii kan bara 1557 Mitsiwwaa qabate irraa argateen, Oromoo eeboo fi gaachana duwwaan lolutti duulee akka malee kan midhe. Keessumaa adddatti namtichi Ammahaa Iyyaasuu jedhamu bara 1771 keessa Gondor dhaqee qawwee haratee Manzittiin akka deebi’een dura Oromoo kaarrayyuu kan abbaan isaa harkatti du’etti duuluun hedduu fixee hedduu miidhee, hanga qarqara laga Awaashitti dhiibuudhaan, Ankoboritti qubsuma waraanaa tolfatee achi irraa Oromoota Manziin naanneessanii jiran hunda akka malee fixuu isaa, namtichi Ingilizii Jemis Biruus jedhamu kan yeroo sana isaan bira ture argee: “Oromoo eeboo fi hoofa qaramee ibiddaan qarri jabaatee fi gachana yeroo roobaa jiidhee laafuu fi dandahuun lolutti duuluun miidhaa guddaa irraan gahe jedhee galmeesse ragaaa qabatamaa ta’uu
danda’a.

Kanaaf, mootota Manzii kanneen dabare dabareedhaan aangoo qabatan keessaa Oromotti utuu hin duulin kan aangoo irra bu’e akka hin jirre beekkamaadha. Fkn, Saahila-sillaaseen *waggoota* 34n mo’e keessatti Awurooppota yeroo duraatiif lafa Oromoo Shawaa Manzootni irra qubatan seenanii fi Tigraay seenan irraan meeshaa waraanaa argate irratti tooftaa hamaa Oromoo kaan ofitti qabee firoomfachuun kaanitti duuluu fi duulchisuutti dhimma bahee miidhaa guddaa inni Oromoo irraan gahe, namitichi Ingilizii Haarsi jedhamu kan hennaa sana isaan bira ture argee: “Maasaa qamadii, garbuu, ataraa kkf hundii hojii Awwaannisummaatiin walakkaa sa’atii kessatti barbadeessan, Ooyrulee irra waan jiran hunda qulleessan, Manneen ummataa hunda seenanii utuu waa takkas hin hanbisin saaman, manneenittis ibidda qabanii guban” jedhee barreesse ragaa qulqulluudha.

Kanas ta’ee sana garuu haalli Habashoota keessa ture gadaa Tediroos aangoo qabate bara 1855-1868 keessa jijjiramuu jalqabe. Jijjiirama kanaaf sabaabaa kan ta’e sagantaaleen Tediros baafatee hojii oolche sadan, Habashoota tokko taasisuu, Oromoo cabsuu fi Islaamummaa balleessu akan jedhan akka ta’e hubachuun gaariidha. Namichi kun akkuma karoorfateetti sadarkaa duraatti mootota Tigiray, Gondorii fi Goojjam rukutee mo’uun aangoo isaanii kana waggaa 100f faffaca’aa ture mootummaa tokkicha isaa jalatti walitti qabe. *Humna Habashoota bakka tokkotti walitti deebisee walitti walteesuun* isaa kun ammoo, dharraa isaan Oromoo cabsanii qabachuuf bara dheeraaf qabaaachaa turaniis xurree saaqe.

Akka kanaan Gurraandhala 1855tti akkuma goonfee (Zawudii) keewwatee mootii moototaatti of moggaaseen osoo baay’ee hin turin, Waxabajjii keeessa Oromoo Walloo kan muummicha Amdee Bashiriin bulfamu wajjin yeroo sadi caalaaf wal lole. Humni isaa cabuu malee Oromoo cabsuu garuu hin dandeenye. Kana irraa ka’ee gargaarsa alaa qabaatu malee Oromoo cabsuun akka hin danda’mne hubatee mootitti Ingilizii Viktooriyaatti xalayaa: “Abbootiin kiyya, moototiin Habahaa uumaa isaanii waan irraanfataniif waaqni mootummaa isaanii Gaallaa fi Turkiitti dabarsee kenne. Amma garuu, waaqni biyyee keessaa na kaasee aangoo mootummaa harka kiyyaati deebisee humna naaf kennee bakka abbootii kiyyaa akka dhabbadhu na dandeessisee jira. Gaallaa arihaan jira. Warra Turkiinis biyya koo keessaa naaf ba’aa jedheen jira .
Isaan garuu ni didan. Kanaaf akka isaan kana mo’uuf gargaarsa naaf godhaa.” Jedhu barreessee itti ergate.

Gargaarsi inni gaafate garuu akka inni itti yaadetti dafee argamuu hin daneenye. Kana irraa kan ka’e mufatee aariidhaan Tulluu Maqadallaa irra qabatee Ingilizota biyya isaa keessa jiran walitti guure hidhe. Hidhamuu lammii isii Ingiliiz akka dhageetteen karaa nagayaan hiiksisiifachuuf carraaqxee ogga ijibbaate, waraana isii kan jeneraal Naappiyeriin hoogganamu itti qajeelchite. Tediroos akka waraanni Ingiliz karaa Kaabaan itti marsee fi waraanni Oromoo Yejjuuu kan Giftii Warqituun durfamu karaa Kibbaan itti marse argeen, rifatee baqatuu fi waraana ingiliiz araarfachus kajeele. Tulluun Maqadalaa inni irra qabate garaacha lafa Oromoo Yejjuu keessa waan jirtuuf karaa baqatee ittiin bahu waan hin qabneef abdii muratuudhaan Ingilizoota hidhaa turan gad-dhisee Naappiyeeritti hennaa ergu Oromoota bira jiran ammoo morma irraa cicciree tulluu irraan mataa isaanii gadi darbate.

Waraanni Oromoo Walloo akkuma reeffa namoota isaanii argeen tulluu Maqadallaa koree waraana Teediroosiin lolatti seenee Tewodrosiin ajjeesee reeffa isaa fuudhee waraana Ingilizitti argisiisuun seenaa injifatnoo tokko jedhee galmeesse. Habashoonni garuu Tediroos waraana ingilizitti harka kennachuu didee jagnummaadhaan shugixii isaan of galaafate jedhanii seenessu. Kuni garuu dhara dhugaa fakkaatu malee dhugaa qulqulluu miti.

Tattaaffii waggaa 13n Habashoota bulche keessatti Oromoo cabsuuf inni godhe irraa moototni Habashaa kan isatti aanaanii wal duraa duubaan aangoo qabatan garuu waan gurgudda sadi, jechuun, Oromoo cabsuuf alagaa irraa gargaarsa karaa hundumaa argachuu, Gargaarsa sana argachuuf ammoo, hojii dipilomaasii beekuu, hawaasa Habashaa tokkoomsuu fi mootummaa jabaa qabaachuu akka isaan barbaachisu akka irraa dhaalan hojiidhaan mirkansanii jiru. Akkasuma qajeelfama dhaabbataa kalee, har’aa fi boruus itti dhimmi bahan ta’eefii jira jechuun ni danda’ama. Seenaan boonsaan Oromoon yeroo sana galmeesse garuu mootota Habashaa kaaba irraa yeroo gara garaa itti duulan cufa jagnummaadhaan of irraa ittisuun walabummaa biyya isaanii kabajchiifachuu dandanda’uudha.

Minilikis osoo gargaarsa meeshaa waraanaa, ogeeyyota waraanaa fi gargaarsa gara garaa biyyoota Awrooppaa irraa baay’inaan argatuu baatee tasa Oromoo cabsuu akka hin dandeenye isaanuu hin haalan. Wal dorgommii Galaana Diimaa fi biyyoota qarqara isaa jiran qabachuu irratti biyyoota Awroppaa giddutti uumame jiddutti gargaarsa argateen Oromoo akka cabse dhalli Oromoo cufti akka gaaritti beekuu qaba. Barruu kana sababaan barreesseef haala Oromoon itti gabroomee fi gabrummaa jalaa bahuudhaaf itti qabsaawaa jiru beekuun barbaachisaa waan ta’eef namoota hubatnoota gahaa hin qabne hubachiisuuf, kan duraan beekan yaadachiisuuf ni ta’a jedheeti.

Kanaaf seenaa kalee qabachuun seenaa har’aa hortee boruu dhaalchisuun, seenaa boruuf akka of qopheessan gochuuf waan gargaaruuf barruu kana barressuuf dirqame. Waan ta’eef, dubbistanii haala sabni keenya Habashaan itti gabroome hamma tokko akka irraa hubatan abdiin qaba.

Itti fufa….

IUOf!

Qixxeessaa Lammii

Be the first to comment

Leave a Reply

Your email address will not be published.


*


This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.