Walgahii Gaaffii fi Deebii Gurraandhala 20, 2021

Ezel Oromia Afaan Oromoo |- Gurraandhala 17-2021
Warraaqsa Lammiilee Oromiyaa Goolaba Rakkoo Siyaasaa Taasisuuf Addunyaa Deeggaree Furmaataa Nuuf Akeekaa Jiraniif Haa Owwaatnu.
Nagaaf tasgabbii Oromiyaa keessatti fiduu fi nagaa ollummaa sabootni biroo Oromiyaa daangessan keessatti mirkanessuuf dhaabbileen siyaasaa ABO fi KFOn lammiileen Oromiyaatiif waamicha yeroo adda addaatti bifa gargagaraatiin taasisaa akka turanii fi jiran hubatamaadha.
Haala siyaasaa yeroo ammaa kanaanis fala dhaabbileen kunneen akeeka Mootummaa Ceehumsaa Biyyoolessaa Oromiyaa ABOdhaan walii galtee marii biyyoolessaa KFOdhaan akeekamaa turan guutummaa Oromiyaa keessatti fudhatama argatanii deeggaramuun isaanis mamii hin qabu.
Lammiileen Oromiyaa waamicha fudhatamaa ABO fi KFO biratti dabalaan dhaabbilee fi waldaaleen mirga namoomaa sadarkaa idil addunyaa “yeroon hidhamtoota siyaasaa lammiilee Oromiyaa baraaran amma” jechuudhaan waamicha isiniif taasisaa waan jiraniif carraa guddaa kanatti dhimma bahuun birmadummaa Oromiyaa ittiin mirkaneeffatchuuf bakka jirruu ka’uun yeroon isaa amma tahuu wal yaadachiisuun dirqamna.
Gadaan Gadaa Xumura Garbummaati!

Be the first to comment

Leave a Reply

Your email address will not be published.


*


This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.