Waraanni Bilisummaa Oromoo tarkaanfii fudhatu jabeessee itti fufe

Waraanni Bilisummaa Oromoo tarkaanfii fudhatu jabeessee itti fufe

Keelloo: Fulbaana 23,2021

Waraanni Bilisummaa Oromoo injifannoo galmeessaa jiru cimsee itti fufuu beeksise. Haala kanaan WBO GG Oromiyaa Kaabaa fi Kaaba lixaa Shagar keessatti dheengadda Fulbaana 20, 2021 tarkaanfii diina irratti fudhateen injifannoo galmeessuu isaa beeksise.

Tarkaanfii kanaanis konyaa Salaalee aanaa Kuyyuu ganda Uyyuu Cabaree bakka addaa Biyyoo jedhamutti waraana mootummaa aanaa Dagami, aanaa Yaayyaa Gullallee walitti dhufe irratti lola waaree sa’aa 6:30 irratti jalqaban hanga sa’aa 11 : 00 (local time ) ganda Uyyoo Cabaree irraa buqisee hanga ganda Akaalee bakka gabaa roobii (magaalaa Garba guraacharraa km jedhamutti tarkaanfii waraana mootummaa qulqulleessuu fudhateen loltuu mootummaa 72 ajjeesee 60 ol madoo taasiisuun lolituu kudhanoota lamaa oli booji’uun, qawwee Akm 35 rasaasa hidhannoo fi mi’oota waraana adda addaa irraa booji’uun galii qabsoo bilisummaa oromoo taasiisuun injifannoo boonsaa galmeessee jiraachuu beeksiseera.

Haala tarkaanfii fudhatamuu waraanni Bilisummaa Oromoo gabaasu kanaa ilaalchisuun, qaamoleen mootummaa deebii laatan hin qaban.

Be the first to comment

Leave a Reply

Your email address will not be published.


*


This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.