Waraanni Bilisummaa Oromoo tarkaanfii fudhatuun bakkoota hedduu tohachuu itti fufe

ዕለታዊ መረጃ | ኬሎ ሚዲያ (AUGUST 19, 2021)


Waraanni Bilisummaa Oromoo tarkaanfii fudhatuun bakkoota hedduu tohachuu itti fufe.

Keelloo: Hagayya 19,2021

WBO

Waraanni Bilisummaa Oromoo tarkaanfii waraana mootummaa irratti fudhataa jiruun injifannoo argachuu itti fufee akka jiru hime.

Adda lolaa bakkoota hedduu irrattis injifannoo galmeessuun bakkoota hedduu tohataa akka jiru himeera.

Guyyaa kaleessaa Hagayya 18,2021 tarkaanfii fudhateen Lixa Shaggar aanaa Ilfataa ganda Ittisaa bakka Yaadal jedhamuutti haleellaa humnoota waraanaa mootummaa irratti fudhachuun kanneen 22 ta’an ajjeesuun, 15 madoo taasisuu isaa himeera.

Lolli kun halkan edaa gaggeeffamuu kan himu WBO’n lola sanaan waraanni mootummaa faffaca’uu ishee himuudhaan, kanneen lubbuun irraa haftee bulte ganama irraa kaasee adamsee ajjeesaa jiraachuu ibseera.

Guyyuma kaleessaa Shaggar Lixaa Ginciitti Waraanni Bilisummaa Oromoo WBO’n tarkaanfii waraana mootummaa Oraalii guutuun adeemaa turan irratti fudhateen hedduu isaanii ajjeesuun gabaafameera. Haleellaa sanaan kasaaraa guddaan waraana mootummaa irra qaqqabuun himame.

Giddugala Oromiyaa Lixa Shaggar Midaa qanyi keessatti guyyaa lama dura tarkaanfii Waraanni Bilisummaa Oromoo WBO’n waraana mootummaa irratti fudhateen battalatti 15 yoo ajjeesu 20 kan ta’an ammoo madoon adabuu gabaafamee jira.

Akkasuma Lixa Shaggar Abunaa Gindabarat keessattis guyyaa lama dura tarkaanfii fudhateen waraanni Bilisummaa Oromoo diina irraan miidhaa guddaa geessisuu gabaaseera. Akkasuma folisii mootummaa namoota 8 guyyaa lama dura tohannaa isaa jala galchuun beekamee jira.

Ona Lixa Shaggar keessaa hedduu isaanii dhuunfachuun hawwaasaaf hubannaa kennaa akka jirus beekame.
Guyyaa har’aa ammoo Wallagga Bahaa Qelloo kaambii waraana mootummaa haleeluun tohachuu waraana Bilisummaa Oromoo gabaafamaa jira.

Waraanni Bilisummaa Oromoo erga Hagayya 8,2021 qabee duula bobbaa lolaa bifa addaan gaggeessuu beeksisee as bakkoota hedduu tohataa akka jiru ibsa. Uummatni hedduunis WBO’n Oromiyaa aanaaleef gandoota hedduu tohataa jiraachuu ragaa bahaaf.

Gama isaan mootummaan dhimma tarkaanfii WBO fi lafoota tohachuu isaa ifatti wanti dubbatame jiraachuu baatus, qaamolee mootummaa keessaa kanneen BBC tti tibba darbe kana Kibba Oromiyaa Godina Gujii Bahaa irraa yaada laatan WBO’n aanaalee Gumii Eldalloo fi Aanaa Liiban qabachuu isaa amananiiru.

Ta’us bulchaan godinichaa yaada kana BBC’n gaafatee haalanii jiran.

Suura: WBO’n wayiita hawaasa haasofsiisu kan agarsiisu.

Be the first to comment

Leave a Reply

Your email address will not be published.


*


This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.