Waraanni Bilxiginnaa Lakkoofsaan Heedduun Oromiyaa Bakkoota Garaa Garaatti Bobbaa’aa Jiraachuun Dhagaa’ame!

Waraanni Bilxiginnaa Lakkoofsaan Heedduun Oromiyaa Bakkoota Garaa Garaatti Bobbaa’aa Jiraachuun Dhagaa’ame!

SBS-Amajji 14/2022
Waraanni mootummaa bilxiginnaa kan yeroo ammaa ilmaan Oromoo Oromiyaa maratti ajjeesaa fi dararaa jiru, yeroo ammaa kanas humna dabalatee golee Oromiyaa maratti facaa’aa jiraachuun beekamee jira.
Haaluma kanaan guyyaa kaleessaa Amajji 13/2022 humni waraana mootummaa bilxiginnaa haaraan leenjii irra turanii ba’an 20,000 Lixa Oromiyaa, 8000 Kaaba Shawaa, fi 5000 Baha Oromiyaatti bobbaa’ee jiraachuun barameera.
Humni waraana bilxiginnaa kunneen kan duraan naannoo jedhame kana jiran irratti dabalataan kan bobbaa’aa jiraniifii maqaa sakattaa’a Waraana Bilisummaa Oromoo jedhuun uummata Oromoo nagaa ajjeesuuf akka deemantu himamaa jira.
Waraanni bilxiginnaa yeroo ammaa Oromiyaa bakkoota garaa garaatti maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo qulqulleessuu jedhuun uummata nagaa ajjeesaa fi qee’ee irraa buqqisaa jiraachuun beekamaadha.

Shinniigaa Broadcasting Service – SBS

Matakkalitti Finxaaleyyiin Amaaraa Shamarran Oromoo afur rasaasan rukkutuun tokko ajjeesan!
SBS-Amajji 14/2022
Humnootni Finxaaleyyii Amaaraa Godina Matakkal Aanaa Dibaax Magaalaa Galeessaatti shamarraan 4 rasaasaan rukkutun tokko yoo ajjeessan 3 ammoo madeessun dhagaa’ame.
Haala kanaan Amajji 11,2022 halkan sa’a 3:00tti Finxaleeyii Amaaraa kan Mootummaa Bilxiginnaan deeggaraman Godina Matakkal Aanaa Dibaax Magaalaa Galeessa bakka Jajjaba Gissaa jedhamutti dhukkaasa bananiin shamarraan 4 rukkutun tokko yoo ajjeessan 3 ammoo madoo ulfaata mada’uu Shinniigaan odeeffateera.
Shamarree Miimmii Darajjee kan ajjeefamte yoo taatu, Gaddisee Taammiruu ,Daraartuu Waaqtolee, fi Asteeree Tafarii ammoo kanneen mada’aan ta’uun barameera.
Yeroo adda addatti Godina Matakkal keessatti Finxaaleyyiin Amaaraa uummataa nagaa ajjeessuu, qabeenya isaa saamuu fi qe’ee irra buqqisaa kan turaniidha.

OMN የኦሮሚያና አማራ ብልጽግና ሽኩቻ


OMN Qophii Addaa Turtii Prof. Hizqeel Gabbisaa waliin (AMAJJII 14, 2022)

ቆይታ ከዶ/ር ፀጋዬ አራርሳ ጋር | ኬሎ ሚዲያ (JANUARY 14, 2022)


Be the first to comment

Leave a Reply

Your email address will not be published.


*


This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.