By | January 20, 2020


WBO Waraana Uummata Oromoo Sagaleen Isaa Ukkanfamaa Jiruuf Sagalee Ta’uun Dirqama Lammii Oromoo Hundaati

Yeroo amma waraana Bilisummaa Oromoo WBO Gidduugaleessa Oromiyaa keessa socho’aa jiruufi hooggansa Jaal Sanyii Nagaasaa jalatti argamuu irratti waraanni goolessituu EPRDF (EPP)n lola gaggeessa jirti.

Akeekkachiisa: lola Waraana Bilisummaa Oromoo dhabamsiisuuf gaggeeffamaa jiruufi gaaga’ama qaqqabuuf jiruuf adda durummaan kan itti gaafatamu:

  1. Dr. Abiy Ahmed, Mummicha Ministeera Ethiopia.
  2. Obboo Lammaa Magarsaa, Ministeera Waraanaa Ethiopia.
  3. Obboo Shimallis Abdiisaa, Itti Aanaa Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa, fi kanneen Waraana Oromiyaa keessa socho’uu irratti qooda qabdan boodarra maqaa keessan sirreessuuf jirru hundi itti gaafatamtoota dha.

Gaaga’ama Waraanaa Bilisummaa Oromoo irran gahaa Jirtaniif gaaga’ama dachaas akka baasuuf jirtan akka hin daganneen isin hubachiisa

Hubachiisa: Waraana Bilisummaa Oromoo Zoonii Gidduugalaa irratti yeroo ammaa waraanatu gaggeeffamaa waan jiruufan akkasitti barreessuuf dirqame, kanuma hubachuun akkuma torbanoota darban irraa eegallee waraana uummata keenya Lixa Oromiyaa Wallaggaa, Kibba Bahaa Oromiyaa Gujiifi Waraana Bilisummaa Oromoo Zooniilee kanneen keessa Socho’aa jiraniif Sagaalee ta’aa jirruu itti fufnee Waraana Bilisummaa Oromoo har’a Gidduugaleessaa Oromiyaa Keessa socho’uufi kallatti maraan waraanni irratti gaggeeffamaa jiruufi Uummata Oromoo Waraanni hiraarsaa jiruuf sagalee haataanu!!

Injifannoon Uummata Oromoof!!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.