WBO’n haleellaa har’aaf kaleessa fudhateen magaalota hedduu dhuunfateera

WBO’n haleellaa har’aaf kaleessa fudhateen magaalota hedduu dhuunfateera.

Keelloo: Hagayya 16, 2021

Waraanni Bilisummaa Oromoo godiinaalee Lixaa fi Kibba Oromiyaa keessatti haleellaa fudhataa jiruun guyyuma guyyaan bakkoota hedduu dhuunfataa jira.

Tarkaanfiiwwan kaleessa Hagayya 15,2021 WBO’n fudhatamaniin Oromiyaa Lixaa Qondaala guutummaan dhuunfachuun WBO gabaasee jira. Uummatnis bahee simachuu isaa fi magaalattii keessaa qaamolee mootummaa lolee baasuun ibsameera.

Akkasuma guyyaa har’aa Hagayya 16, 2021 tarkaanfii fudhateen Lixa Oromiyaa Wallagga Bahaa aanaa Nuunnuu Qumbaa magaalaa Adaree tohatee jiraachuu akkasuma uummata mariisisaa akka ture gabaasni arganne nii mirkaneessa.

Akkasuma guyyuma har’aa Waraanni Bilisummaa Oromoo WBO’n Shaggar Kaabaa Salaalee Warra Jaarsoo keessatti haleellaa guddaa fudhateen kaambii waraanaa mootummaa rukutuu isaa gabaaseera.

Qaamoleef waraanni mootummaas haleellaa WBO kana baqatanii Warra Jaarsoo gadhiisanii bahaa akka jiran gabaasa arganneen mirkaneeffannee jirra.

Tarkaanfiin WBO kun isa duuba hin deebine ta’uu ajajaan WBO torban dabarsine keessa miidiyaaleef ibsanii turan. Duula amma gaggeessaa jiranis waraana mootummaa adamsanii rukutaa jiraachuu beeksisaniiru.

Amma bobbaa garaagaraan socho’aa jiraachuu kan hime ajajaa olaanaan ABO-WBO Kumsaa Dirribaan, dhiyootti humnaaf maqaa tokkoon duula waraanaas akka gaggeessuuf jedhan miidiyaa Raadiyoo Arrata Biyyoolessaan akeekaniiru.

Gama isaan hanga ammaa waan haleellaa WBO kan ilaalchisu qaamoleen mootummaa ifatti waan dubbatan hin qaban.

Suuraa: tarkaanfii WBO’n fudhateef magaalota wayiita seenu kan agarsiisu.

Be the first to comment

Leave a Reply

Your email address will not be published.


*


This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.