WBO’n Naannoo Naqamteetti Injifannoo Galmeesse

Wallo Post, Hagayya 31, 2021

Sasiga Nekemte

Lixa Oromiyaa godina Wallagga Bahaa Saasiggatti tarkaanfiin WBO dhaan fudhatamuun himame. Tarkaanfii kanaan yaaddoo guddaan qaamolee mootummaa godinichaa dhuunfachuudhaan, sodaaf jecha magaalaa Naqamtee keessatti illee sochii uummataa galgala kana dhorkuun mirkanaa’eera.

Tarkaanfii har’a fudhateen WBO’n aanaa saasiggaa Baloo Bareedaa magaala isaa dhuunfachuun eerameera. Tarkaanfii har’aa kanaan waraana mootummaa irraa namooti hedduun ajjeefamuu, meeshaa waraanaa hedduunis WBO dhaan dhuunfatamuun eeramee jira.

Saasigga magaalaa Naqamteetti dhiyoo yoo taatu, sodaan guddaan waraanni mootummaa magaalaa Naqamteetti baqateera.

Yeroo dhiyoo asitti aanaaleen Naqamtee/Wallagga Bahaa jala jiran kan akka Nuunnuu Qumbaa, Kiiramuu fi kkf waraana bilisummaa Oromoon to’atamaniiru.

Godinota Wallaggaa hafan Wallagga Lixaa, Qellem Wallaggaa fi Horroo Guduruu keessaas aanaaleen hedduun waraana bilisummaa Oromoon to’atamuu maddeen garagaraa ibsu.

Akka Oromiyaatti gama Oromiyaa Kibbaanis bakkeewwan hedduun waraana bilisummaa Oromoon to’atamaniiru.

Duulli Oromiyaa dhuunfachuu kallattii garagaraan akka eegalamee jiru ajajaan waliigalaa waraana bilisummaa Oromoo Jaal Marroo Dirribaa himee ture.



sasiga

Be the first to comment

Leave a Reply

Your email address will not be published.


*


This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.